SlideShare una empresa de Scribd logo
1 de 70
Descargar para leer sin conexión
1
Daandii Jijjiramaa-Kutaa-1ffaa
2
Jijjirama yeroo jennu amala tokkorraa gara
amala biraatti darbuu jechuudha. Daandii
yeroo jennu immoo karaa irra adeemanii
bakka ga’uumsa gahaniidha. Namni daandii
qajeela irra yoo hin deemin kallatiin bakka
ga’uumsa waan jalaa baduuf karaa bada,
bakka deemu hin beeku. Ilmi namaa amala
jijjirama qaba. Badaa irraa gara gaaritti
yookin immoo gaarii irraa gara badatti
jijjiramutu jira. Namoonni akkanumaan
cal’isanii jijjirama kana hin adeemsiisan.
Sababa tokkotu isaan jijjira. Gariin isaanii
wanta badaa osoo hojjataa jiranuu balaan
itti bu’ee ergasii balaa sanirra barnoota
fudhachuun jireenya ofii sirreessan. Gariin
isaanii immoo kitaaba wayii dubbisuun ykn
dubbii nama tokkootin jireenya ofii
foyyeessan. Namni laamshayaan osoo
balaallen itti bu’ee barnoota fudhate of
sirreessu kan hin feenedha. Yookiin
namoota gaggaari hordofee ykn kitaaba
3
dubbise gara fuunduraatti tarkaanfachuu
hin dandeenyedha. Kana caalaa hundarra
badaan namaa immoo osoo beekumsa
qabuu kan itti hin fayyadamnee fi hojii irra
kan hin oolchineedha. Beekumsa ittiin
boonuf fayyadama. Erga kana hunda jenne
daandiin jijjiramaa maal fa’a.
Kaayyoon jireenya kee maalii?
Namni maaliif akka jiraatu sirritti hubate
yoo hin beekin, jireenya dukkanaa’a jiraata.
Maaliif dachii tanarra dhufe,akkuma
beeladoota nyaadhe dhuguufi moo kaayyoo
kanarra caale qaba? Jedhe of gaafachu qaba.
Kaayyoo jireenya ijaaru keessatti gaafileen
sadan kunniin deebii gaha argachuu qabu.
Keessattu gaafiin sadaffaan deebii gahaa
yoo hin argatiin kufaatif nama saaxilti.
Gaafileen kunniinis: “Maal haa hojjadhu?,
Akkamitti haa hojjadhu?,Maaliif hojjadha?”
Gaafileen kunniin dhagaa bu’uura kaayyoo
4
keetitti. Sirritti itti yaadde fi furmaata
garagaraa barbaadde deebisu qabda.
Kaayyoon koo inni guddaan maalidha jette
of gaafachudha.
Kaayyoon jireenya keenya inni guddaani fi
inni dhumaa ‘Jaalala Rabbii argachuu fi
Jannata seenudha.” Kaayyoon ilma nama
kana yoo hin ta’in akkamitti horii irra adda
bahaa? Horiin ni nyaata ni dhuga,ni hora
dhumarratti ni du’a. Kaayyoon iIlmi namaas
inni guddaan nyaatu fi dhuguuf qabeenya
walitti sassaabu, fedhii foonii guuttachuu
dhumarratti du’u yoo ta’ee
garaagarummaan isaa fi horii jiddu jiru
maalidha ree? Namni hanga fedhe
milkaa’inna guddaa jedhamu addunyaa
kanarratti haa galmeessu,yoo kaayyoon isaa
inni dhumaa Jaalala Rabbii fi Jannata seenu
yoo ta’iin hojiin isaa daaraa ta’ee hafa. Mee
haa jennu namni tokko hogganaa biyya
5
tokko ta’uuf kaayyefate haa jennu. Kaayyoo
kana carraaqe galmaan gahe. Erga kaayyoo
kana galmaan gahe booda dulloome haa
jennu. Kaayyoon namticha kanaa yoo
Jaalala Rabbii fi Jannata hin ta’iin, hawwii fi
abdiin isaa asumarratti dhaabbatte
jechuudha. Hadhaa du’aa qofa taa’e
eegudha. Fuggisoo kanaa immoo namni
Jireenya booda(aakiraa) kaayyoo ofii
godhate abdii fi hawwiin isaa addaan hin
citu. Umar ibn Abdulaziz akkana jedhan,”
Niiti gaarii tan taate Faaxumaa fuudhe
maatii gaarii ijaaru fi kaliifa ta’uuf hawwii fi
abdii koo türe. Erga Faxuuma fuudhe fi
kaliifa ta’een booda amma lubbuun koo
Jannatatti na rarraate.” Kana kaayyon ilma
nama ta’uu kan qabu.
Namoonni kaayyoo ofii wallaalu irraa kan
ka’ee galaana jireenya keessa ibsaa malee
daakaa jiru. Mallii fi kallattiin itti deeman
6
harkaa bade. Kaayyoo guddaa dhabuu irraa
kan ka’ee abdii fi gammachuu ofirratti
dukkaneessan. Kaayyoon kee maalii
jedhamanii yoo gaafataman
fuudhu,heerumu nyaatu,dhuguu
dhumarratti du’uu jechuu malee deebii
biraa hin qaban. Kaayyoon ilma namaa
maal akka ta’ee Qur’aanni aaya takkatiin
gudunfee.
Rabbiin kaayyoo ilmaa tumuun akkana
jedha:
ِ‫ن‬‫ُو‬‫ﺪ‬ُ‫ﺒ‬ْ‫ﻌ‬َ‫ﻴ‬ِ‫ﻟ‬ ‫اﻻ‬ َ‫ﺲ‬‫ْﻧ‬‫ﻻ‬‫َٱ‬‫و‬ ‫ِﻦ‬‫ﺠ‬ْ‫ﻟ‬‫ٱ‬ ُ‫ﺖ‬ْ‫ﻘ‬َ‫ﻠ‬َ‫ﺧ‬ ‫َﺎ‬‫ﻣ‬َ‫و‬
56. Wa maa khalaqtul jinna wal insa illaa
liya’budoon
“Jinnii fi ilma namaa akka Ana qofa
7
gabbaraniif(waaqefataniif) malee hin
uumne.” Al-Qur’an 51:56
Namni kaayyoo kanarraa dabee jireenya
addunyaa tana qofa ari’ee jireenya akkamii
jiraata? Kaayyoo malee hurrii jireenya
keessatti yoo badu maal jedhamaa? Kaayyoo
salphaa fi ifa ta’ee Rabbiin ibseef dhiise
maaliif jaanja’aa? Namni yoo gowwomu
akkamitti jireenya duniyaa tana qofatti
hawwii fi abdii ofii gabaabsa,osoo Rabbiin
akkana jedhe jiru:
ُ‫ب‬‫َا‬‫ﻮ‬َ‫ﺛ‬ ِ‫ﻪ‬‫ٱﻟﻠ‬ َ‫ﺪ‬‫ِﻨ‬‫ﻌ‬َ‫ﻓ‬ ‫َﺎ‬‫ﻴ‬ْ‫ﻧ‬‫ٱﻟﺪ‬ َ‫ب‬‫َا‬‫ﻮ‬َ‫ﺛ‬ ُ‫ﺪ‬‫ِﻳ‬‫ﺮ‬ُ‫ﻳ‬ َ‫ن‬‫َﺎ‬‫ﻛ‬ ‫ﻣﻦ‬
‫ًا‬‫ﺮ‬‫ِﻴ‬‫ﺼ‬َ‫ﺑ‬ ‫ۢﺎ‬ً‫ﻌ‬‫ِﻴ‬‫ﻤ‬َ‫ﺳ‬ ُ‫ﻪ‬‫ٱﻟﻠ‬ َ‫ن‬‫َﺎ‬‫ﻛ‬َ‫و‬ ۚ ِ‫ة‬َ‫ﺮ‬ِ‫ﺧ‬‫َا‬‫ء‬ْ‫ل‬‫َٱ‬‫و‬ ‫َﺎ‬‫ﻴ‬ْ‫ﻧ‬‫ٱﻟﺪ‬
134.man kaana yureedu sawaabad
dunyaa fa’indallaahi sawaabud dunyaa
wal Aakhirah; wa kaanal laahu Samee’am
8
Baseeraa
“Namni mindaa duniyaa kan fedhu ta’e,
mindaan duniyaa fi aakiraa Rabbiin bira
qofa jira. Rabbiin Dhaga’aa Argaa ta’eera.
“ Al-Qur’an 4:134
Sayyiid Quxbiin asirratti yaada kennuun
akkana jedha:
“Dhugumatti gowwummaa fi wanta
garmalee ilma namaati hin malle mataa
ofiiti fi hawwii ofii jireenya duniyaa tana
qofarratti gabaabsuun, qananii Rabbii
jireenya tanaa fi aakiratti barbaadachuu
osoo danda’u. Gammachuun addunyaa
lamaani waadaa galameefi jira karaa
jireenya Islaamummaa gochaa fi yaada wal
qabate hojii irra oolchun. Lukti isaa lafarraa
osoo adeemtu afuurri(ruhiin) isaa jannata
keessa ta’uun namni dhugumattii jireenya
ulfinna/kabajaa ilma nama galmaan gahuu
9
ni danda’a. “ * Kana jechuun wanta danda’u
jireenya tanarratti ni hojjata. Akkuma
namoota kaannini ni nyaata ni dhuga.
Garuu hawwii fi abdiin isaa garmalee
dheeradha. Inniis Jaalala Rabbii fi Jannata
argachuuf halkanii guyyaa carraaqa.
ِ‫ﻪ‬‫ٱﻟﻠ‬ َ‫ﻦ‬‫ﻣ‬ ٍ‫ﻂ‬َ‫ﺨ‬َ‫ﺴ‬ِ‫ﺑ‬ َ‫ء‬‫َﺂ‬‫ﺑ‬ ۢ‫ﻦ‬َ‫ﻤ‬َ‫ﻛ‬ ِ‫ﻪ‬‫ٱﻟﻠ‬ َ‫ن‬َٰ‫ﻮ‬ْ‫ﺿ‬ِ‫ر‬ َ‫ﻊ‬َ‫ﺒ‬‫ٱﺗ‬ ِ‫ﻦ‬َ‫ﻤ‬َ‫ﻓ‬‫ا‬
ُ‫ﺮ‬‫ِﻴ‬‫ﺼ‬َ‫ﻤ‬ْ‫ﻟ‬‫ٱ‬ َ‫ﺲ‬ْ‫ﺌ‬ِ‫ﺑ‬َ‫و‬ ۚ ُ‫ﻢ‬‫َﻨ‬‫ﻬ‬َ‫ﺟ‬ ُ‫ﻪ‬ٰ‫ى‬َ‫و‬‫َﺎ‬‫ﻣ‬َ‫و‬
162. Afamanit taba’a Ridwaanal laahi
kamam baaa’a bisakhatim minal laahi wa
maawaahu Jahannam; wa bi’sal maseer
“Sila namni Jaalala Rabbii hordofee fi kan
dallansuu Rabbii ofitti fide kan manni
isaa Jahannam ta’ee wal fakkaatu? Bakki
gahuumsi isaa waa fokkate!” Al-Qur’an
3:162
10
‫ِﻦ‬‫ﻣ‬ ‫ِى‬‫ﺮ‬ْ‫ﺠ‬َ‫ﺗ‬ ٍ‫ﺖ‬ٰ‫َﻨ‬‫ﺟ‬ ِ‫ﺖ‬َٰ‫ﻨ‬ِ‫ﻣ‬ْ‫ﺆ‬ُ‫ﻤ‬ْ‫ﻟ‬‫َٱ‬‫و‬ َ‫ﻦ‬‫ِﻴ‬‫ﻨ‬ِ‫ﻣ‬ْ‫ﺆ‬ُ‫ﻤ‬ْ‫ﻟ‬‫ٱ‬ ُ‫ﻪ‬‫ٱﻟﻠ‬ َ‫ﺪ‬َ‫ﻋ‬َ‫و‬
‫ِﻰ‬‫ﻓ‬ ً‫ﺔ‬َ‫ﺒ‬‫َﻴ‬‫ﻃ‬ َ‫ﻦ‬ِ‫ﻜ‬َٰ‫ﺴ‬َ‫ﻣ‬َ‫و‬ ‫َﺎ‬‫ﻬ‬‫ِﻴ‬‫ﻓ‬ َ‫ﻦ‬‫ِﻳ‬‫ﺪ‬ِ‫ﻠ‬َٰ‫ﺧ‬ ُ‫ﺮ‬َٰ‫ﻬ‬ْ‫ﻧ‬ْ‫ﻻ‬‫ٱ‬ ‫َﺎ‬‫ﻬ‬ِ‫ﺘ‬ْ‫ﺤ‬َ‫ﺗ‬
َ‫ﻮ‬ُ‫ﻫ‬ َ‫ﻚ‬ِ‫ﻟ‬َٰ‫ذ‬ ۚ ُ‫ﺮ‬َ‫ﺒ‬ْ‫ﻛ‬‫ا‬ ِ‫ﻪ‬‫ٱﻟﻠ‬ َ‫ﻦ‬‫ﻣ‬ ٌ‫ن‬َٰ‫ﻮ‬ْ‫ﺿ‬ِ‫ر‬َ‫و‬ ۚ ٍ‫ن‬ْ‫ﺪ‬َ‫ﻋ‬ ِ‫ﺖ‬ٰ‫َﻨ‬‫ﺟ‬
ُ‫ﻢ‬‫ِﻴ‬‫ﻈ‬َ‫ﻌ‬ْ‫ﻟ‬‫ٱ‬ ُ‫ز‬ْ‫ﻮ‬َ‫ﻔ‬ْ‫ﻟ‬‫ٱ‬
72. Wa’adal laahulmu’ mineena
walmu’minaati Jannaatin tajree min
tahtihal anhaaru khaalideena feehaa wa
masaakina taiyibatan fee Jannnaati ‘adn;
wa ridwaanum minal laahi akbar; zaalika
hual fawzul ‘azeem
“Rabbiin mu’umintoota dhiiraatii fi
dubartootaf jannata laggeen ishee jala
yaatu, ishee keessatti kan hafan ta’anii fi
manneen gaggaarii jannata qubsumaa
11
keessa jiran waadaa galeefi jira. Garuu
Jaalalli Rabbii kana hundarra caala. Kunii
milkaa’inna ol’aanadha. “ Al-Qur’an 9:72
Erga hanga asii dubbistee kaayyoo jireenya
yoo hin qabaatin amma kaayyoo jireenya
murteessu fi bocuuf adeemtaa,mitiiree?
Galaana fi hurrii jireenya keessatti erga
badde gara ifaatti bahuuf adeemta.
Kaayyoo kee inni guddaan Jaalala Rabbii fi
Jannata erga ta’ee kaayyoleen biroo immoo
kaayyoo guddaa fi isa dhumaa kana galmaan
gahuuf kan kaayyefattuudha. Yoo akkana
goote addunyaa aakiratti maal dhabdaree?
Fakkeenyaf barreessaa,daa’i(nama karaa
Rabbitti namoota waamu), injinera, doktara
ta’uu barbaadde haa jennu. Asitti kaayyoo
kee inni guddaan qarshii argatte jiraachuf
qofa osoo hin ta’iin fiildii kanniin kaayyoo
kee ol’aana armaan olii bakkaan gahuuf kan
12
itti fayyadamtudha. Qarshii argattu sadaqaa
kennuun jaalala Rabbii barbaadda. Humnaa
fi beekumsa qabduun ummata kee tajaajiluun
Jaalala Rabbii barbaadda malee ittiin of tuulu
fi beekkama ta’uufi miti. Sirri mitiiree?
Daandii guddaa armaan olii kanarra
adeemuuf hidhannoon nuti hidhachuu
qabnu baay’etu jiru. Daandiin jijjirama
daandii dhoqqee nama mucuceessu,qoree
nama waraantu,gufuu nama dhooftu hin
qabne miti. Dhoqqee, qoree fi gufuudhan
kan guuttameedha. Daandiin kun akkana
ta’uun isa ilma namaa jabeessuf malee
laaffisuu fi dubatti harkiisufi miti. Kanaafu
dhoqqeen yommuu nu mucucceessu
mucucaanne achitti akka hin hafne,qoreen
yoo nu waraantu fi gufuun yoo nu dhofte ah
jenne achumatti akka hin hafne qoricha
harkatti qabachu qabna.(Insha Allah
Qoricha kana torbii dhufu ni ilaalla)
13
Seera MAM (Maal,Akkamitti,Maaliif)
Akkuma duratti jenne daandii jijjiramaa
irra adeemuf gaafileen sadan kunniin deebii
argatu qabu. Jireenya keenya keessatti
gaafilee kanniin irraanfachuu hin qabnu.
Gaafileen kuni irraanfatamnaan namni of
irraanfate jechuudha. Sababni kufaati
namoota baay’ee gaafilee kanaaf deebii
gaha kennu dhabu isaaniti.
Maal– Kaayyoo jireenyaa kee maal akka
ta’ee murteefatte jirta. Kaayyoo kana
bakkaan gahuuf maal maal hojjachuu akka
qabdu of gaafatte hojitti seenudha. Hawwiin
hojii malee kayyoo kee galmaan gahuu hin
danda’an. Humnaa fi carraaqi cimaa
barbaachisa. Maal maal hojjatte kaayyoo
kee galmaan gahu akka dandeessu namoota
kaayyoo kana galmaan gahan ilaali
akkeessi. Maal maal hojjatanii akka
14
milkaa’an isaanirraa hubadhu. Haala
kanaan gaafii maal jedhuuf deebii kennita.
Amma kan si hafee gaafile
AM(akkamitti,maaliif). Beektonni Islaama
akkuma jedhan hojiin gaariin tokko
fudhatama argachuuf ulaagaalee lama
guutu qaba jedhu. Isaanis: Sirrii fi Rabbii
jedhamee hojjatamu qaba. Ulaagaale
lamaan keessaa tokko diigamnaan hojiin
hanga fedhe gaarii yoo ta’ee fudhatama hin
qabu. Hojii sirrii yoo jennuu Sunnaa(karaa)
Nabiyyanaa Muhammad(SAW) waliin kan
adeemu ta’uu qaba.
Akkamitti kan jedhuuf namoota kaayyoo
kana galmaan gahan hordofuudha. Daandii
jijjiramaa akkami keessa akka darban
isaanirraa hubachuudha. Kaayyoon kee
Jaalala Rabbii fi Jannata yoo ta’ee akkamitti
galmaan gahu akka dandeessu Ergamaan
15
Rabbii Muhammad(SAW) sitti agarsiisu.
Faana isaani qofa dhahuudha. Faana
isaanitin ala kan biraa hordofnaan kaayyoo
guddaa kana galmaan gahachuu hin
dandeessu,ni kufta. Kanaafu deebiin
akkamitti jedhuuf faana Nabiyyana
Muhammad(SAW) hordofuudha.
Gaafiin sitti ulfaatu garuu gaafii sadaffaa
‘Maaliif’ jettudha. Gaafin tuni gaafii qalbii
waliin adeemtudha. Wanti hojjachaa jiru
maaliif dalagaa jira,jaalala Rabbii moo
jaalala namoota barbaadetiin? Dhugumatti
gaafii kana deebisuun salphaa miti. Qabsoo
fi cimanii hojjachuu barbaachisa. Gaafii
Maaliif jettu tanaa bar namoota sadan hojii
gaggaari dalagaa turan jahannamitti
darbitu. Sadan sun eenyu fa’a:
Abu Hureeyran(RA) akkana jechuun
gabaasan
16
Ergamaan Rabbii(SAW) akkana jedhan:
“Guyyaa qiyaama namoonni yeroo jalqabaa
irratti murteefamu nama shahiida(nama
karaa Rabbii irratti du’e) ta’eedha. Funduree
Rabbitti fidamee Rabbiin qananii itti oole ni
beeksisa. Innis ni beeka. Rabbiin “Qananiini
tanaan maal hojjatte?”jedhee gaafata.
Namtichis “Siif jedhe lole hanga shahiida
ta’utti.” jedha. Rabbin ni jedha,”Sobde jirta.
Garuu atii goota haa jedhamtuuf lolaa turte.
Jedhamtees jirta. “ Ergasii Rabbiin ni ajaja
fuula isaatin lafarra harkifamee ibiddatti
akka darbamu.
(Namni lammafaan immoo) nama
beekumsa(ilmi) baratee barsiise fi Qur’aana
qara’edha. Funduree Rabbitti ni fidama.
Ni’ima(qananii) itti oole Rabbiin ni
beeksisa.Namtichis ni beeka. Rabbiin
“Qananii tanaan maal hojjatte?” jedhaan.”
17
Siif jedhe beekumsa (amantii ) baradhe
barsiise, Qur’aanas qara’ee. “ jedha namtichi.
Rabbiin ni jedhaan,” Sobdee jirta. Inni
Aalima(beekaa) akka jedhamtuuf beekumsa
(amantii) baratte;inni qaaridha(nama
Qur’aana qara’u) akka jedhamtuuf Qur’aana
qaraate. Jedhamtees jirta. Ergasii fuula
isaatin lafarra harkifamee ibidatti akka
darbamuu ajajama.
Namtichi biraa immoo nama Rabbiin
dureessa godhee fi qabeenya gosa hundaa
kenneefi. .Funduree Rabbitti ni
fidama.Ni’ima(qananii) itti oole Rabbiin ni
beeksisa.Namtichis ni beeka.
Rabbiin,”qananii tanaan maal hojjatte?”
jedhe gaafata. Karaa qabeenyi irratti akka
bahu Ati jaallatu wayitu hin dhiisne Siif
jedhe qabeenya koo baasu malee. “ jedha
namtichi. Rabbiin ni jedha,”Sobdee jirta.
Garuu ati arjaadha akka jedhamtuuf kana
18
dalagde. Jedhamtees jirta.” Ergasii fuula
isaatin lafarra harkifamee ibidatti akka
darbamuu ajajama.” (Hadiisa Qudsi-
Musliimin Gabaafame)
Dhugumatti dhuma nama sodaachisudha.
Dhuma qalbii nama hurguufudha. Yaa
Rabbii Ati iklaasan nu qananiisi.
Dabalataanis Jundub(RA) akkana jechuun
gabaase:
“Ergamaan Rabbii(SAW) akkana
jedhan,”Namni faarsa namoota argachuuf
hojii gaarii isaa isaan dhageessise, Rabbiin
niyyaa dhugaa isaa (Guyyaa Qiyaama)
namoonni akka beekan godha. Namni hojii
gaarii agarsiisu fi faarsa isaani argachuuf
ummata keessatti hojjatu,Rabbiin niyyaa
dhugaa isaa ifa baasa(ni salphisaas.)” Sahih
Al-Bukhaari Jildii 8 Boqonna 36 Lakk
6499(From English Translation Vol.8 Page
19
274)
Kanaafu gaafin Maalif jettu cimtudha. Gaafii
namoota baay’ee qilee kufaatitti
darbiteedha. Hojii tokko hojjatuun dura
maaliif hojjadha,jaalala Rabbii moo jaalala
namoota argachuuf jenne of gaafachu
qabna. Gaafii niyyaa gaarii fi niyyaa badaa
addaan baastudha. Gaafin maaliif jettu
gaafii iklaasati. Hojiin keenya iklaasa yoo
qabaate qofa fudhatama kan argatu. Iklaasa
horachuuf carraaqqi guddaa barbaachisa.
Beekumsa,du’aayi fi obsa barbaachisa.
Wanti irraanfatamu hin qabne tokko hojiin
koo iklaasa hin qabu jenne dhiisu hin
qabnu. Akkana yoo goone kaayyoo
sheyxaanaa bakkaan geenye jechuudha.
Wanti sheyxaanni barbaadu ilma namaa
hojii gaarii irraa hojii badaatti
garagalchuudha. İklaasa qabaachuuf
dalagaa gaarii keenya hojjatuu itti fufaa
20
Rabbiin iklaasa akka nu kennu hidda onnee
jalaati itti warwaachudha(kadhachuudha).
“Yaa Rabbii iklaasa na kenni” jechuudha.
Kutaan 1ffaan daandii jijjiramaa
asumarratti dhaabbata. Insha Allah torbaan
dhufuu kutaa 2ffaa itti fufna. Ilmi nama
dogongoruu danda’a dogongora koo
sirreessaa.
DAANDII JIJJIRAMAA-KUTAA 2FFAA
Yeroo darbee daandii jijjiramaa tuttuquuf
yaalle turre. Ka’uumsa daandii jijjirama
21
eerre/ibsinee turre. Amma ka’uumsa
sanirraa kaane imala keenya jalqabuufi.
Haa ta’uu malee daandiin imalaa kunii
asphaalti osoo hin ta’iin dhoqqee,qoree fi
gufuudhan kan guuttameedha. Amma
gufuwwaan kanniini fi akkamitti akka of
funduraa kaasan qoranna. Dhoqee,qoree fi
gufuwwaan kunniin maal fa’a ta’ina laata?
Shakkii kee qulqulleessi(Clear
your doubt)
Daandii jijjirama irra shakkaa yoo adeemne
bakka barbaanne san hin geenyu. Nan kufa
jenne shakkaa yoo wanta tokko hojjanne
hojiin keenya hangas mara bu’aa qabeessa
hin ta’u. Akkuma kutaa tokkofatti jenne
kaayyon keenya inni guddaan Jaalala Rabbii
fi Jannata jenne murtefanne turre. Kaayyoo
guddaa kanaa fi kan isaa gadii galmaan
gahuuf xuriin shakkii nu keessaa
qulqullaa’u qaba. Diina keenya kan ta’ee
22
sheyxaanni kaayyoo guddaa kana irraa ilma
nama garagalchuu fi qilee ibiddaatti isaan
darbuuf maloota adda addaatti fayyadama.
İsaan keessaa shakkii fi soba dhugaa,dhugaa
soba fakkeesse qalbii isaani irratti
darbuudha. Shakkiile bakka sadiitti qoonne
ilaalu dandeenya. Shakkiwwan kunniin nu
keessaa qulqullaa’an jechuun fedhii
Rabbiitin fiixe milkaa’inna gudda irra
ijjachuu ni dandeenya. Shakkiwwan
kunniin maal fa’a?
1. Shakkii Qur’aanaa
Namni beekumsa malee wanta tokko
hojjachuu hin danda’u. Wanta gaarii tokko
sirnaan hojjachuu fi wanta gadhee irraa of
tiksuuf maddi beekumsa murtessadha.
Sammuun ilma namaa wanta badaa fi
gadhee guutuu addaan baasu hin danda’u.
Kanaafu Goofta ilma namaa uumerraa
qajeelfama barbaachisa. Sababni isaas
23
Rabbiin akkuma nama uume fedhiin
namootas maal akka ta’e sirratti keessa
beeka.
Daandii jijjirama irra adeemuf kitaaba
qajeelfama(manual) irraa ilaalanee gara
gahuumsa keenyatti ceenu nu barbaachisa.
Qajeelfamni keenyas Qur’aana fi sunnaa
Nabiyyanaa Muhammad(SAW) ta’uu qabu.
Ta’uu baannan qajeelfamonni biroo daandii
irraa waan nama jallisaniif kaayyoo keenya
gahuu hin dandeenyu. Diinni keenya
sheyxaanni Qur’aana akka qajeelfamaatti
akka hin fudhanneef shakkii onne keenyatti
darba. Rabbirraa ta’uu fi ta’uu dhiisu nu
shakkisisa. Sababa kanaan daandii
jijjiramaa irraa ilma namaa jallisa.
Qur’aanni Rabbirraa bu’uu isaa ragaaleen
lakkofsa hin qabne osoo jiranuu sheyxaanni
fi gargaartonni isaa qalbii namaa
dukkaneessu. Akka itti hin amanne fi hin
24
milkoofne humna ofi hin qusatan.
Muslimoota fi namoota kaanniin Qur’aana
irraa fageessanii jireenya badii akka
jiraatan diinonni(aduwwiin) Islaama
halkanii guyyaa boqonnaa hin qaban.
Hoggantoota warra Dhihaa keessaa tokko
akkana jechuun isaa ni yaadatama,” Hanga
Qur’aanni Muslimoota jiddu jirutti isaan
moo’achu hin dandeenyu.” Edaa kana
beekanii warri dhihaa fi yahuudonni
Qur’aana qalbii Muslimoota irraa haaquf itti
gadi jedhan. Shakkii qalbii keessa facaasu fi
irraa garagalchuuf erga Qur’aanni bu’uu
jalqabee kaase hanga har’aatti yahuudonni
humna qaban guutuu baasaa jiru. Maloota
adda addaa fayadamuun yaalin isaan
godhan miidha guddaa ilma namaatirraan
gahe jira. Akkuma amala isaani jecha sirrii
wal jijjiranii dhugaa soba fakkeessun qalbii
namoota irratti shakki facaasu. Furmaanni
keenya isaan misaa’elan wal lolu osoo hin
25
ta’iin gara Qur’aanatti deebi’udha. Shakkii
isaan nutti facaasanii fi kan keessa keenya
ofirraa qulqulleessuf Qur’aana qo’achuu fi
xinxaluudha. Misaa’elli keenya imaana.
Imaanni immoo kan argamuu Qur’aana
qo’achuu fi hojii irra oolchuni.
Rakkoo fi gadadoon guddaan akkanatti
Muslimootatti roobaa jiruuf sababa isaan
Qur’aana dugda duubatti darbaniifi. Seenaa
dhala namaa keessatti qaroominna kamtu
qaroominna Islaama zamana/gadaa
Nabiyyanaa Muhammadi(SAW) fi
sahaabotaatin wal-qixxaate beeka?
Qaroominni yeroo san ijaarrame jireenya
dhala namaa keessatti san duras san boodas
ijaarrame kan hin beeknedha. Hundeen
qaroominna kanaa Qur’aana fi ummata
isaan buledha. Teknolojin guddatuu fi dhalli
namaa cunqurfamuu fi dararamuun
akkamitti qaroominna jedhamee
26
ilaallamaa?
Shakkii keenya qulquleessine gara Qur’aana
akka deebinuf nu gargaran keeyyatoota
muraasa mee haa eerru.
“Kuni kitaaba (Qur’aana)mamiin
(shakkiin) isa keessa kan hin jirreedha,
warra Rabbii sodaatanif qajeelfama. “
Suuraa Al-Baqaraa 2:1
“Yoo waan Nuti gabricha keenya irratti
buufne Qur’aana irraa mamii(shakkii)
keessa taataniif yoo kan dhugaa
dubbattan taatan suuraa akka isaa tokko
fidaati ragoota (gargaartota fi
deggartoota) keessan kan Rabbiin ala
jiraniis waamadhaa.” Suuraa Al-Baqaraa
2:23
“Dhugaan Gooftaa kee irraayi. Warra
shakkan irraa hin ta’in” Suuraa
Al-Baqaraa 2:147
27
“ Sila isaan Qur’aana hin xinxallanii?
Osoo (Qur’aanni kuni) Rabbiin ala kan
biraa irraa ta’ee, silaa isa keessatti wal
dhabbii baay’ee argu turan.” Suuraa
An-Nisaa 4:82
“Buufamuun kitaabicha(Qur’aana) Rabbii
injifataa ogeessa ta’ee irraayi.” 39:1
Qur’aanni osoo Rabbirraa ta’uu baate silaa
boora’iinsa tokko malee qulqullummaa isaa
eggatee hanga yoonaa ni turaa? Ilmi namaa
akka hin booressinee fi Qur’aanni
qulqullummaa isaa eeggate akka turu
Rabbiin itti gaafatamummaa eegumsaa
ofirratti fudhate.
“Dhugummatti Zikrii(Qur’aana) Numatu
buuse. Numatu isaaf tiksodha. “ Suuraa
Al-Hijr 15:9
28
Kewwatonni hanganaa nama hubatuuf
ragaa gahaadha jedhe yaada. Kanaafu falli
keenya kan dhibee wallaalumma,shakii fi
munaafiqummaa ofirraa itti fayyisnuun
Qur’aana. Gara isaatti yoo deebine
dhibeewwan kanniinirraa kan fayyinu.
“Yaa ilmaan namaa,dhugumatti gorsi
Gooftaa keessan irraa taatee,waan qoma
keessa jiruf qoricha (kan
taate),qajeelfamaa fi Rahmanni
mu’umintootaf tan taate isinitti
dhufte.”Suuraa Yuunus 10:57
“Asitti ‘gorsi’ Qur’aana- kan waan gaariitti
nama ajaju waan badaa irraa nama dhorgu.
Wanti qoma keessa jiru immoo
wallaalummaa,shakkii,munaafiqummaa,fi
kkf. Qajeelfama yoo jedhu immoo wanta
haraama fi halaala addaan baase kan ibsu.”
Muhsin Khan English translation of Noble
29
Qur’an irraa fudhatame.
Namni gara Qur’aanatti deebi’ee isa qo’ate fi
itti fayyadamee dhugumatti addunyaa
aakiratti ni milkaa’a. Daandii jijjiramaa
kana irra adeemuf namni imala baye
Qur’aana akka qajeelfamaatti fayyadamuu
qaba. Dhugumatti namni Qur’aana qabate
ni jijjirama maa hanga fedhe nama badaa fi
gadhee hin taane. Seenaa Araboota osoo
ofirra mil’anne seenaa adunyaa keessatti
dofummaan kan beekkaman turan.
Qur’aanni dhufnaan addunyaa keessaa
ummataa qaroo fi gadi fageessanii kan
xinxallan ta’un beekkaman. Ummanni
Qur’aanan dura dukkana doofumaa fi
wallaalummaa keessatti kufee Qur’aanni itti
dhufnaan qaroominna dhalli namaa ijaaru
hin dandeenye ijaarani darban. Haaluma
Kanaan namni dukkana wallaalumma
keessatti bade Qur’aanan jireenya ofi ni
30
ibsata. Daandiin jijjiramaa isaaf gabaabbata.
2.Shakkii Guyyaa Qiyaama
Guyyaa Qiyaamatti amanuun utubaa
imaanaa keessaa tokko. Erga du’anii booda
deebifamanii kaafamuun wanta shakkiin
wayitu keessa hin jireedha. Namni kana
didus ragaa qabatamaa fi dhugaa fiduu hin
danda’u. Osoo guyyaan Qiyaama jiraachu
baate silaa akkamitti madaalli/mizaanni
haqaa uumamtoota dhaabbataa? Osoo
guyyaan Qiyaama jiraachu baate moottonni
abbaa irree ilma namaa akkanatti
cunqursanii osoo hin adabamiin
akkanumatti du’anii hafuu? Warrii Rabbii
jedhe hojii gaarii hojjachuu fi madaala
haqummaa dhaabuf qabsaa’an
akkanummatti hojiin isaani bilaasha ta’e
hafaa? Rabbiin Haqaa kan ilma namaa hin
cunqursinee, yoo cunqurfamanillee kan hin
31
jaalanne, madaala haqaa dhaabuf guyyaan
Qiyaama/Murtii akka jiraatu dirqama
godhe. Kanaafu dhaabbachuun guyyaa
Qiyaama shakkiin wayitu keessa hin jiru.
Guyyaa Qiyaamatti amanuun ilma nama
amala bineessa irraa gara fiixe
namummaatti ol fuudha. Sababni isaas
namni wanta hojjatu keessatti gara
fuunduratti adabamuu fi mindaa argachuu
akka danda’u waan amanuuf hojii kam
keessattu of eegannoo gochaa adeema.
Nama akka hin cunqursinee fi hojii gadhee
akka hin raawwanne adabbiin cimaan
fundura isaa akka jiru beeke irraa of qusata.
Akkasumas,mindaa gaarii guyyaa
Qiyaamatti argachuu akka danda’u beeke
waan gaarii hojjachutti fiiga. Kanaafu wanta
gadhee irra gara nama gaaritti of jijjiruuf
guyyaa Qiyaamatti amanuun gahee ol’aanaa
taphata. Dabalataan warroota Guyyaa
32
Qiyaamatti amananiif gadadoo fi rakkoo
kamiyyuu ni salphataaf. Sababni isaas ifa
milkaa’innaa of funduratti ilaalaa rakkoo fi
gadadoo kamu obsaan dabarsu. Rakkoo fi
gadadoon duniyaa tanaa adabbii Guyyaa
Qiyaamatiin wal bira yoo qabamuu xiqqaa
akka ta’etti ilaalun obsaa fi jajjabinna
dabalatu. Guyyaa Qiyaamatti akka hin
amanne wantoonni baay’en ilma namaatti
shakki naqu. Wantoota shakkii namatti
naqanii fi akkaata itti ittisan gara boodatti
kan ilaallu ta’a.
Mee shakkii Guyyaa Qiyaama
qulqulleefanne qalbiin teenya tasgabboofte
daandii jijjirama irra akka adeemtuf,
keyyatoota Qur’aanaa muraasa haa eerru.
“Dhugumatti, Qiyaaman dhuftuudha;
ishee keessaa shakkiin wayitu hin jiru.
Ammas dhugumatti Rabbiin namoota
awwaala keessa jiran hundaa ni
33
kaasa.”Suuraa Hajji 22:7
“Qiyaaman dhuftuudha, ishee keessaa
shakkiin/mamiin wayitu hin jiru. Garuu
irra hedduun namootaa hin amanan.
Suuraa Al-Gaafir 40:59
“Ni jedhus:”Sila nuti erga duunee lafee fi
bututaa(tortoraa) taanee booda uumama
haarawa taanee kaafamoodhaa?”
(Yaa Muhammad) jedhiin, “Dhagaa
yookin sibila ta’aa.
Yookiin uumama qoma keessan keessatti
kaafamuun guddatus ta’aa (kaafamuun
keessan hin hafu)”. Ergasiis “Eenyutu nu
deebisa” jedhu. “Isa yeroo jalqabaa isin
uumedha” jedhiin. Mataa isaani sitti
raasuf jiru. Ni jedhus” inni suni yoomi
ree?” “Dhihoo ta’uun mirkanaa’adha.”
jedhiin.
Guyyaa Inni isin waamnan, isin Isa
34
faarsaa awwaattanii, yeroo gabaabaa
malee turuu dhabuu yaaddan (ta’uu
mirkanaa’e). “Suuraa Al-Israa 17:49-52
Mallatoolle Guyyaa Qiyaamaa keessaa
muraasa mee haa eerru:
Abu Hureeyran Ergamaa Rabbii(SAW) irraa
akkana jechuun gabaasan:
“Beekumsi (du’a aalimtootatin) ni bada,
wallaalummaan fi fitnaan(rakkoo fi
gadadoon) ni babal’atu,Harj ni baay’ata.
Ergamaan Rabbii(SAW) akkana jedhamanii
gaafataman,”Yaa Ergamaa Rabbii ‘Harj’
maalidha?” Harka isaanitin akeekun
‘Ajjeechadha” jedhanii deebisan. “ (Sahih
Al-Bukhari Kitabul İlm- Jildii 1ffaa Hadiisa
lakk. 85
Hadiisa biraa yoo nan dabala jedhe
barreefamni ni dheerata. Kanaafu
mallatoolle guyyaa Qiyaama yoo
35
barbaaddan CD Yaasin Nuuru fi kan biroo
dhageefachuu fi kitaabota dubbisuu
dandeessu.
Akeekachiisa cimaa warroota Guyyaa
Qiyaamatti/Aakiratti hin amanneef
“Warroota Aakiratti hin amanne immoo
adabbii laaleessaa ta’e isaanif
qopheessine jirra.” Suuraa Al-Israa 17:10
“Sila malaykonni isaanitti dhufuu yookiin
Gooftaan kee dhufuu yookiin gariin
mallatoolee Gooftaa keeti dhufuu malee
homaa hin eeganuu? Guyyaa gariin
mallatoole Gooftaa keetii(kana jechuun
mallatoolee guyyaa qiyaama kan akka
aduun dhihaan bahuu,dajjaal dhufuu fi
kkf) dhufan lubbuun san dura hin
amaniin yookiin imaana(faith) ishee
keessatti toltu hin hojjatin malee
36
iimaanni ishee homaa ishee hin fayyadu.
“Isin eegaa;nuti eegodha.” jedhiin. Suuraa
Al-An’aam 6:158
Erga waa’ee jireenya boodaa ykn Guyyaa
Qiyaama hangana jenne dhufiinsa guyyaa
Qiyaama shakkuun hasaasa sheyxaanati fi
baleeqessa addunyaa tanaatirra madda.
Gara shakkii itti aanutti haa dabarru.
3.Shakkii Kasaaru
Daandii jijjiramaa irra akka hin adeemnef
gufuun biroo immoo shakkii kasaaruti. Yoo
akkana godhe nan kasaaraa natti haa hafu
jedhanii yaadudha. Namni gootummaa fi
ijannon wanta jalqabe tokko hanga bu’aa
isaa beekutti kasaare dhiise duubatti kan
hin deebineedha. Kaayyoo keenya ol’aanaa
armaan olitti tumanne fi kan isaa gadii
bakka akka hin geenye sheyxaanni sodaa
kasaaru nutti naqa. Yoo akkana goote ni
37
kasaarta sitti haa hafu nun jedha. Hasaasa
sheyxaana kan waa’ee kasaaraa nutti
hasaasu keessa muraasa haa eerru. “Amma
dargagumma keetti bashananii,yeroo gara
dulummaa deemte saalaatta; sadaqaa hin
kenniin mallaqni si jalaa hir’ataa; barnoota
amantii yoo baratte barnoota kaan ni
dhabda; Islaamaf yoo qabsoofte/carraaqte
qabeenya dhabda yookin hiyyeessa taata;
Hijaaba yoo uffatte namni si tufata,si
qeeqan; fi kkf jechuun diinni keenya
sheyxaanni fi gargaartonni isaa fiixe
kabajaa fi milkaa’inna irra akka hin geenye
gufuu badii nu funduratti dhaaban. Gufuu
kanniin buqqisne gara jijjiramaatti
tarkaanfachuu kan danda’u mataa keenya fi
mataa keenya qofa. Eenyullee dhufee gufuu
fi qoree kanniin buqqisee ‘koottu daandii
habaabon afamerra deemii’ kan nun jedhu
hin jiru.
38
Sheyxaanni sadaqaa akka hin kenninee
hiyyumaan nama sodaachisun garuu bakka
kanaa wanta fokkataa maallaqa saniin akka
hojjatan nama ajaja.
“Sheyxaanni hiyyummaan isin
sodaachisa, wantoota fokkataattis isin
ajaja. Rabbiin garuu araaramaa fi tola Isa
biraa ta’e waadaa isiniif gala. Rabbiin
kenni isaa bal’aa, beekaadha. “Suuraa
Al-Baqaraa 2:268
Shakkiin maalirraa maddaa?
Shakkiin wantoota gurguddaa sadii
irraa madduu danda’a. Isaanis;
1.Beekumsa gadi fagoo dhabuu– namni
beekumsa yoo hin qabaatin jireenyi itti
naannofti. Dhugaa fi soba addaan
baafachun itti ulfaata. Maddii beekumsaas
murteessadha. Maddii beekumsaa namoota
39
daandii qajeelaa irra jallatan yoo ta’ee
akkasuma nama jallisa. Sobaa fi dhugaan
walitti naqame/makamee nama dhiphisa.
Kanaafu shakkii armaan olii fi kan biraa
irraa qulqullaa’uuf maddii beekumsa
Qur’aana fi Hadiisa Ergama Rabbii (SAW)
ta’uu qabu. Kana yoo jennu kitaabota
Qur’aana fi Hadiisa ragaa godhatanii fi
daandii sirrii irraa kan hin jallannee ta’anii
barreefaman akka madda beekumsatti itti
fayyadamuu hin dandeenyu jechuu keenya
miti. Fakkeenyaf Tafsiironni Qur’aana hiika
Qur’aana nu addeessun shakkii keenya
nurraa qulquleessu. Beekumsa karaa adda
addaatin barbaadun shakkii keenya
qulqulleessu dandeenya. Gara masjiidota
deemun da’awa irratti hirmaachu,vidiyoo fi
odiyoo aalimoota daawwachuu fi
dhageefachuu,kitaabota dubbisu. Of
eeggannoo wanti gochuu qabnu tokko
namni ykn maddii beekumsa irraa
40
argannuu sirrii fi daandii Qur’aanati fi
hadiisaa irraa kan hin jalanne ta’uu qaba.
Namoota bid’a(amantii keessatti wanta
haarawa uumame) hordofuu fi beekumsa
isaanirraa barbaadun of jaamsu fi shakkiin
dhiphachuudhaa malee qajeelu miti.
Kanaafu namoota fi kitaabota bid’aa
hordofan irraa fagaachudha.
2.Cubbuu keessa daakuu- cubbuun ifa
beekumsaa dhaamsun dukkana
wallaalumatti nama gata. Cubbuun
diina/aduwwii beekumsaati. Qalbii shakkii fi
wallaalummaan gurraachesuun dhugaa fi
soba addaan akka hin baafanne nama
godha. Ijji cubbuutti rakkattu akkamitti ifni
beekumsa itti seenaa yoo cubbuu san dhiisu
hin yaalin malee? Cubbuun qalbii haguugun
akka sibilaa dandee’essa.
Abu Hureeyran Ergamaa Rabbii(SAW) irraa
41
akkana jechuun gabaasan:
“Yommuu gabrichi cubbuu raawwatu tuqaan
gurraatin qalbii isaa irratti mul’atti. Yoo inni
cubbuu san dhiise, araarama barbaade fi
towbate(gara Rabbii deebi’e), qalbiin isaa ni
qulqullofti. Yoo inni garuu (cubbuu sanitti)
deebi’e tuqaan gurraatin qalbii isaa guutuu
haguugdi. Sun kan Rabbiin jedhe, ‘Ran’ idha.”
(Jami at-Tirmizi gabaafame)
“Ifti imaanati fi dukkanni cubbuu bakka
tokko ta’u hin danda’an.” Kanaafu namni
shakkii ofii qulqullefate daandii jijjiramaa
irra adeemu barbaadu, cubbuu irraa haa
fagaatu.
3.Balaqeessa duniyaatin sobamuu fi
hasaasa sheyxaanaa- balaqeesni duniyaa
yoo namatti baay’atte ija jaamsa, qalbii
dukkaneessa yoo namtichi beekumsa gadi
fagoo qabaate irraa of hin tiiksin. Duniyaan
42
tuni badde Qiyaaman waan dhaabbattu itti
hin fakkaatu. “Jiraachu guyyaa Qiyaamatti
hin amanu” jedha. İlma namaa kamiifu
fakkeenyaa fi baruumsa akka ta’uuf Rabbiin
Qur’aana keessatti namoota lama nuu eera.
Tokko kan qabeenya baay’ee qabuu garuu
imaana kan hin qabne fi kan biraa immoo
qabeenya xiqqaa kan qabu garuu imaana
kan qabu turan. Namticha jalqabaatti
Rabbiin oyruu timiraa lama itti kenne.
“(Oyruun tun)Isaaf firii godhatte hiriyyaa
isaatittii odoo haasa’uu “Anatu
qabeenyan si caala;gosaanis sirra
jabaadha”jedheen. Haala lubbuu isaa
miidhaa ta’ee oyruu isaa seenee ni
jedhe:”Ishiin kun gonkumaa ni baddi
jedhe hin yaadu. Qiyaamaanis ni
dhaabbatti hin yaadu. Dhugumatti yoon
gara Gooftaa kiyyaa deebifame ,iddoo
deebii kan isa caaluun argadha.”
43
Hiriyyaan isaas kan isaan haasa’u ta’ee ni
jedhe: “Sila ati isa biyyee irraa,ergasii
bishaan saalaa irraa si uumee,ergasii
nama guutuu si godhetti kafartee? Ani
garuu Inni Rabbiin Gooftaa kiyya; ani
Gooftaa kiyyatti tokkollee hin dabalu.
Yeroo oyruu kee seentu “Waan Rabbiin
fedhetu ta’a;Rabbiin malee humni naaf
hin jiru” maaliif jechuu dhiiste! Yoo ana
horii fi ilmaaniin sirra xiqqaa ta’uu na
agartes.” Suuraa Kahf 18:34-39
Karaa biraatin immoo sheyxaanni ilma
namaatti hasaasun shakkii qalbii isaanii
irratti facaasa. Qalbii isaani dukkaneessun
dhugaa soba fakkeesse,soba dhugaa
fakkeesse itti agarsiisa. Kanaafu hasaasa
isaatirraa eeggamuuf:
1. “Yaadota babbadoo waa’ee amantii ofii
sheyxaanni qalbii namatti darbuu dhiisu fi
44
irraanfachuu. Yaadota gaariin of ko’oomsu.
2. Sheyxaana abaarrame Rabbitti
mangafachuu;A’uz billahi mina sheyxaani
rajiim jechuu.
3. Jechoota kana jechuu “Rabbii fi Ergamaa
isaatti amane.”
4. Suuratul İklaas qara’uun gara bitaatti
yeroo sadii tufuun A’uz billahi mina
sheyxaani rajiim jechuu “ Youth problems By
Shek Muhammad Salih al-useymiin page 49
irraa fudhatame.
Asitti tufuu yoo jedhamuu hancufa gadii
dhangalaasu yookin ciriqachuu osoo hin
ta’in copha hancufaa “tu,tu” jechuudha.
Keeyyatoonni Qur’aana afaan Oromootin
website kanarratti dhihaatan “Hiika
Qur’aana Kabajamaa Afaan Oromootin”
Mana maxxansaa Najashitin kan
maxxanfamee fi Sahih International English
45
translation of The Holy Qur’an irraa kan
fudhatamaniidha. Daandiin Jijjirama
asirratti hin dhaabbannee itti fufa Insha
Allah..
Hubachiisa: Keeyyatoota Qur’aana armaan
oli keessatti Rabbiin ‘Nuu,Numa, Keenya’
yeroo jedhu baay’inna agarsiisuf osoo hin
taane kabaja fi guddinna Isaaf malu
agarsiisufi. Rabbii guddaa dhiisati mootiin
biyya tokko bulchuu, ‘Nuti akkas goone…’
jedhe maqdhaala baay’inna fayyadama.
Hatta Barreessan tokko kitaaba ofii
keessatti,’Mata duree kana bal’innaan
ibsinee jirra,ni ibsina..’ ofiin jedha. Kanaafu
bakka kanatti ‘Nuu,Numa fi Keenya’
maqdhaala baay’inna osoo hin ta’iin kan
kabajaa fi guddinaati. Rabbiin tokkicha kan
shariika/hiriyyaa wayitu hin qabne,Guddate
guddinna Isaaf malu.
46
DAANDII JIJJIRAMAA-KUTAA 3FFAA
Daandii jijjiramaa itti fufuun har’as imala
keenya karaa sirri qabanne deemna.
1.Olguddisii yaadi– Amala ilma namaa
horii irraa isa adda godhu keessaa tokko ol
guddisee yaadudha. Rabbiin dandeette ilmi
47
namaa yaade dhugaa fi dhara addaan baasu
itti kenne jira. Sammuu isaatti fayyadamuu
fi dhiisun mirga isaati. Namoonni ol
guddisanii yaadanii fi galma guddaa gahuuf
carraaqan Rabbiin bakka san isaan dhaaba.
Kan sammuu ofiti osoo hin fayyadamiin
yeroo hundaa gara gadii yaadu immoo
achumatti hafa. Namoonni addunyaa tanatti
wanta guddaa hojjatanii aakiratti mindaa
guddaa argatuuf carraaqan seenan haa
lakkaa’u. Yaanni isaani yeroo hundaa gara
gadiiti mitii gara ooliti. “Akkamitti nama
guddaa akkasii ta’a” jedhanii yaadu fi
dharra’uudha. Ashaaraa akkamii dhiise
addunyaa tanarraa darbuun qaba jedhanii
of gaafatu. Hojii akkamitiin Rabbii kiyya
qunnama? Jedhanii dhiphatu. “Qabeenyan
yoo namoota waliin of bira qabdu,namoota
sii gadii hiyyeeyyi ta’an ilaalii Rabbii galata
galchii,wanta qabdutti gammadi,quufi.
Yommuu Taqwaa(sodaa Rabbii),beekumsaa
48
fi gaarummaan namoota waliin dorgomtu
namoota taqwaan,beekumsaa fi
gaarummaan si caalaan ilaali akka isaani
ta’uuf hawwi,carraaqi.”
“Osoo gabayaan jiruu fi dandeetti waa
bitachuu qabduu, mataa keeti bitadhu
(hojii gaggaarii hojjachuun).” Imaam Ibn
Al-Qayyiim
Taqwaan,beekumsi fi gaarummaan
gingilchaa namoota addaan baasaniidha.
Namni qabeenya hanga fedhe qabaate yoo
taqwaa,beekumsa fi gaarummaa hin
qabaatin dhukkuba dhipinnaa fi gadadoo
malee wanta biraa isaa hin buustu.
Namoota si oolii seenaa isaanii qo’achuu fi
qorachuun akka isaani ta’uuf hawwi.
Hawwuun qofti akka isaani si godhuti akka
isaan carraaqanitti atillee carraaqi. Akkuma
49
olguddiste yaaddu fi abdiin kee cimaa
adeemun jireenyi dukkanooftun siif ifaa
adeemti. “InshaAllah nama akkanaa ta’uun
qaba” jette akkuma yaaddu fi hojii namticha
sanii ilaala adeemtun afuurri dandeetti waa
hojjatuu danda’uu fi galma guddaa gahuu si
keessatti uumama adeema. “Aboo ani nama
akkanaa ta’uun barbaada.” jechaa carraaqi
gochuu jalqabda. Seenaa namticha kana
qofaa miti namoota duraan gadhee turanii fi
ergasii taqwaa,beekumsaa fi gaarummaan
of faayanii qo’atta. Sana booda “edaa anis
nama akkana ta’uu nan danda’a, maaltu na
dhowwa?”jette yaadu fi hawwuu jalqabda.
Abdii fi hawwii kee kan dukkaneessan
yaadota negaativii keessaa fi alaa ofirraa
ittisii. Keessi kee “hin dandeessu,ni
kufta,wanta/humna akkana hin qabdu,fi
kkf” siin jedha. Keessi kee cubbuu fi
hanqinna kee si yaadachisuun akka gara olii
50
hin yaadne si hin godhin. Cubbuu kee
tobwaan(gara Rabbii deebi’uun) ofirraa
dhiqii irraanfadhu. Hanqinna kee immoo
suuta suutan sirreessu akka dandeessu
abdadhu. Yeroon ati nama gaarii itti taatu
dhihoo akka ta’ee hin irraanfatin. Kanaafu
cubbuu fi hir’inna kee yaadachuun fiixe
milkaa’innaa irraa duubatti of hin harkiisin.
Hanga feete cubbamaa fi nama gadhee yoo
taate abdii nama gaarii ta’u ofirratti hin
dukkaneessin. Sodaa Rabbii fi gaarummaa
horachuuf guyyaa guyyaan carraaqi godhi.
“Bakka jirtutti wanta qabduun wanta
dandeessu hojjadhu.” -Roosvelt
Kan alaa immoo namoota gara gadii malee
gara olii hin yaannetu si summeessa. “Aboo
gootni keenya ambaa nama akkanaa ta’uuf
carraaqa,ofuu hin jijjiree nama jijjirtaa,fi
yaadota kana fi kan kana fakkaataniin si
51
laamshessu,dandeetti kee baqsu. Namoota
akkanaa gurra itti hin kenniin. Sammuun
kee qaaliidha bakka jechoota isaanii itti
kuufatu hin qabu. Yaada fi jechoota isaani
dagadhu. Isaan irraayis fagaadhu. Guyyaa
tokko wanti isaan yaadanii fi jedhan soba
akka ta’e itti agarsiista. Ol guddistee yaadun
kee fi nama gaarii ta’uuf carraaqun kaayyoo
kee ol’aanaa san galmaan gahuuf si
gargaara.
2.Ijjannoo- Erga olguddistee yaadde booda
kaayyoo keetirratti ijjannoo fi murannoo
barbaachisa. Wanta qabaterraa hanga
dhumaatti irraa deebi’uu akka hin qabne
gatii fi wareegama kafalamuu qabu akka
kafaltu of amansiista.
“Garaagarummaan namoota suuraa
isaani caalaa ijjannoo isaani irratti kan
hundaa’edha.” jedhu imam
52
Ibn-Al-Qayyiim
Itti fufinsa kaayyoo keetitiif dhaabni kee
sirritti jabaachu qaba. Ajaja Rabbii
hordofuu fi wantoota Inni idhowwii irraa of
ittisuuf ijjannoo fi murannoo cima
barbaaachisa. Hojii tokko yeroo jalqabnu
garmalee mirqaanne jalqabuu dandeenya.
Haa ta’uu malee akkuma yeroon darba
adeemun fedhiin keenyas kan duraa caalaa
hir’ataa adeema. Dhumarratti dhaabutu
dhufa. Akka akkana hin taanef ijjannoo ofii
cimsuun baay’ee barbaachisadha.
Karaa adda addaatin ijjannoo keenya
cimsuu dandeenya. Karaan nuti ijjannoo
keenya ittiin ciimsinuun inni guddaan
beekumsa. Qur’aana hiika isaa waliin
dubbisuu fi qo’aachun ijjannoo baquuf
adeemu jabeessa,afuura kakaasa. Seenaa
namoota darbanii dhageefachuu fi
53
dubbisuun ijannoo keenya daran cimsa.
Wanta irraanfatamuu hin qabne ijjanoo fi
niyyaan keenya jalqaba irratti hanga fedhe
haa laafu, yoo hojii keenya hojjachuu itti
fuufne ijjannoo fi Niyyaan keenya ni cima.
“Yeroo dheeraf humna kan hin qabne
turte. Kanaafu niyyaan kee sirritti yoo
qajeele ifni ijjannoo keeti ol faagate sitti
mul’ata” jedhu imam Ibn-Al-Qayyiim
3.Yeroo keetti sirnaan fayyadamii–
Yeroon kee jireenya keeti. Galma gahuun
kaayyoo keeti yeroo kee irratti hundaa’a.
Yeroon takka si dabarte gonkumaa duubatti
hin deebitu. Osoo duuti sitti hin dhufin
wanta bitachuu dandeessu har’a
bitadhu,karaa dheeraa saniif galaa
qopheefadhu. Akkuma Imam Ibn
Al-Qayyiim jedhan:
54
“Har’a milkaa’inna bitadhu osoo gabayaan
jirtu,gatiin kafalamuu fi meeshaa rakasaa
osoo ta’ee jiru. Hanga gabaaya fi meeshaan
argamuu hin dandeetti hin eegin” Kana
jechuun dhukkubni,jaarsummaan,duuti
osoo sitti hin dhufiin yeroo kee hojii
gaggaari hojjachuun saamadhu. Guyyaan
Qiyaama guyyaa hojii gaarii itti hojjatanii of
baraaranii miti. Har’a yeroon wanta
hojjatachuu dandeessu hojjadhu osoo
Qiyaaman sitti hin dhufin. Guyyaa Qiyaama
meeshaa bitattus,gatii kafaltus hin qabdu.
Har’a yeroo kee saamadhu,bakkuma
argitetti hin guubin.Qaruute ta’ii.
Dhugumatti addunyaa lamaani
hojjatachuun yeroon keenya nu geessi.
Yeroon akkanumaan interneeti,haasawa
faaydaa hin qabne fi kkf irratti dabartu
madaalle beeknaa? Akkuma xiyyii sa’aati
naannoftuun duuti nutti dhihaata akka
55
jirtu,faayilin hojii keenya cufamuuf deemaa
akka jiru yaanne beeknaa? Maarre faayilii
keenya hojii badaa irraa haaqne dalagaa
gaggaarii irratti barreessuf har’a yerootti
sirnaan yoo fayyadamneedha.
Yeroo keenya qoqqoonne fi saganteessinee
fayyadamuun galma guddaa gahuu ni
dandeenya. Guyyaa guyyaan maal
hojjachuu akka qabnu barreessu fi
saganteessudha. Yeroon hin saganteefamne
yeroo barakaa hin qabnedha. Osoo homaa
hin dalagin bakkuma argiteetti gubatti.
4.Rabbitti hirkachuu fi Du’aayi– Ilmi nama
dhugumatti dadhabaadha(da’iifa). Dandeetti
isaa qofaan wanta hamaa tokko ofirraa
deebisuu hin danda’u wanta gaariis
hojjachuu hin danda’u. Gargarsa isa
barbaachisa. Maddi gargaarsa irraa
argatuus murteessadha. Aakiraa duniyatti
56
galma guddaa gahuu yoo barbaadde nama
gargaaru kan hin hifanne Rabbii kee
gaafadhu. Ilma namaa gargaarsaf yoo
gaafatte si hifata,ijaan si arguu hin
barbaadu. Garuu Rabbiin gargaarsaf nama
isa kadhatu ni jaallata. Nama isa hin
kadhanne ni jibba.
Daandiin ani irra adeemu dheeradha jette
duubatti akka hin deebine abdii daandii san
caalaarra dheeratu qabaatu qabda. Abdiin
kee Rabbirratti hirkachuudha. Yoo sirritti fi
karaa sirriitin carraaqxe daandiin hanga
fedhe haa dheeratu galma san gahuu akka
dandeessu amanamummaa fi abdii kee
guutuu Rabbirra kaa’udha. Yeroo hundaa
milkiin Rabbirraa akka ta’e beeku qabda.
Milkaa’inna argatteef of aja’ibsiifachuu hin
qabdu. Kana irra Rabbii galata yoo galchitee
milkii san caaltu Rabbiin sii kenna.
57
“Guyyaan ati wanta addaa tokkoo galmaan
gahee jette dhaadattu guyyaa afuurri keessa
keeti du’eedha. Kanaafu carraaqin kee
guutuu of gadi qabuun(kasoon) kan
guuttamee ta’uun itti fufuu qaba. Yeroo
hundaa wanti ati galmaan geesse humna
keetin osoo hin ta’in qananii Rabbiin sirratti
oole ta’uu isaa yaadadhu;(Rabbii si
milkeesse malee humna keetin akka hin
taane beeki.)” -Murad Khuram
Humna kootin galma guddaa galmaan gahe
jira yeroo jette yaaddu gara fuunduratti
akka hin tarkaanfanne gufuu sitti ta’a.
ammas milkaa’inna dabalataa kan duraa
caalu argatuuf humna qabduun carraaqu fi
Rabbitti hirkachuu qabda.
Daandiin jijjirama ati irra deemtu daandii
qoree fi mucucaati. Kanaafu akka küfte
achitti hin hafne yeroo hundaa Rabbiitti
58
iyyatuu qabda. Sheyxaanni ijjannoo kee
laamshesse akka si hin kuffisne “Yaa Rabbii
badii sheyxaanatirraa na tiksii” jette
Rabbiitti iyyatu qabda.
Wanti na dinqisiisus namoonni salaata erga
salaatanii booda zikriis du’aayis osoo hin
godhatiin olka’anii fiigu. Akkamitti
Rabbirraa fiignaa osoo harka jala hin
qabatiin hiyyeeyi waa hin qabne fi cuubbuu
meeqa keessa borcamne osoo jirru?
Dandeetti keenya qofaan wanta tokko
hojjachuu kan hin dandeenye taane osoo
jirru akkamitti olkaane Rabbirra
dheessinaa?
Na kadhaa isinii deebisa osoo jedhu
akkamitti Rabbirraa garagallaa?
ُ‫ه‬‫ُﻮ‬‫ﻤ‬ُ‫ﺘ‬ْ‫ﻣ‬‫َﺪ‬‫ﻗ‬ ْ‫ﻢ‬ُ‫ﺘ‬‫اﻧ‬ ۖ ْ‫ﻢ‬ُ‫ﻜ‬ِ‫ﺑ‬ ‫ۢﺎ‬ً‫ﺒ‬َ‫ﺣ‬ْ‫ﺮ‬َ‫ﻣ‬ َ‫ﻻ‬ ْ‫ﻢ‬ُ‫ﺘ‬‫اﻧ‬ ْ‫ﻞ‬َ‫ﺑ‬ ۟‫ا‬‫ُﻮ‬‫ﻟ‬‫َﺎ‬‫ﻗ‬
59
ُ‫ر‬‫َا‬‫ﺮ‬َ‫ﻘ‬ْ‫ﻟ‬‫ٱ‬ َ‫ﺲ‬ْ‫ﺌ‬ِ‫ﺒ‬َ‫ﻓ‬ ۖ ‫َﺎ‬‫ﻨ‬َ‫ﻟ‬
60. Qaaloo bal antum laa marhabam
bikum; antum qaddamtumoohu lanaa
fabi’sal qaraar
“Gooftan keessan ni jedhe “Na kadhaa
isiniifan awwaadhaa. Dhugumatti
warroonni ana gabbaruu irraa boonan
salphattoota ta’anii Jahaannam seenuf
jiru.” Al-Gaafir 40:60
Daandii qajeelaa qabanne irraa akka hin
dabne,taqwaa,beekumsii fi gaarummaan
keenya akka nu dabaluu du’aayin(Rabbiin
kadhachuun) irraanfatamuu wanta hin
qabneedha. Rabbitti hirkachuu fi du’aayin
furtuu milkaa’innaati. Namni gargaarsa fi
eeggumsa Rabbii halkanii guyyaa kadhatuu
akkamitti kufaa?
60
Du’aayin teenya fudhatama akka qabdu yoo
barbaanne hidda onne jalaati kadhachuu fi
deebii Rabbirraa hanga argannuu
obsuudha. Rabbiin inuman kadhaa deebii
hin arganne jechuu hin qabnu. Wanta
Rabbiin kadhannu argachuu akka
dandeenyu abdataa kadhachuu qabnaa
malee shakkaa hin argadhu jenne
kadhachuu hin qabnu. Wanti kadhannu
afaanirraa osoo hin ta’iin “Yaa Rabbii…”
jenne hidda onnee jalaa kadhachuu qabna.
InshaAllah yeroo san du’aayin teenya deebii
argatti.
Du’aayiwwan babareedo fiixe
milkaa’innaati ol nu fuudhan keessaa
muraasa mee haa eerru:
“Gooftaa keenya duniyatti toltu,Aakhirattis
toltuu nuuf keenni. Adaba ibiddaa irraa nu
baraari.” Suuraa Al-Baqaraa 2:201
61
“Gooftaa keenya erga nu qajeelchitee
booda onnee keenya dhugaa irraa hin
jallisin. Si biraas rahmata nuuf
kenni.Dhugumatti Ati akkaan
kennaadha.” Suuraa Ali-Imraan 3:8
“…Gooftaa keenya badii keenya nuuf
araarami;hamtuuwwan keenyas nurraa
harcaasi;warra qulqulluu wajjiinis nu
ajjeessi.” Suuraa Ali-Imraan 3:193
“Gooftaa keenya waan ergamtoota Kee
irratti waadaa nuuf seente nuuf kenni.
Guyyaa Qiyaamas nu hin salphisin.
Dhugumatti Ati waadaa hin faallesitu. “
Suuraa Ali-Imraan 3:194
“…Gooftaa keenya obsa nurratti
dhangalaasi. Musliimoota godhii nu
ajjeesi.”Suuraa Al-A’raf 7:126
62
َ‫ﻚ‬ِ‫ﻨ‬‫ِﻳ‬‫د‬ ‫َﻰ‬‫ﻠ‬َ‫ﻋ‬ ‫ِﻲ‬‫ﺒ‬ْ‫ﻠ‬َ‫ﻗ‬ ْ‫ﺖ‬‫َﺒ‬‫ﺛ‬ ِ‫ب‬‫ُﻮ‬‫ﻠ‬ُ‫ﻘ‬ْ‫ﻟ‬‫ا‬ َ‫ﺐ‬‫َﻠ‬‫ﻘ‬ُ‫ﻣ‬ ‫َﺎ‬‫ﻳ‬
“Yaa Kan qalbii Jijjirtuu hoo! qalbii koo
Diinii(amantii) kee irratti gadi dhaabi.”
Jami` at-Tirmizi 3587
5. Sabrii-Carraaqiin atii guyyaa guyyaan
kaayyoo kee guddaa galmaan gahuuf gootu
keessatti gufun adda addaa si dhaha.
Daandii jijjiramaa irra yommuu adeemtu
hadhaa sabrii liqimsuuf qophii ta’ii.
Hadhaan kunii guyyaa tokko gara mi’aa fi
gammachuutti jijjiramuu akka danda’uu
abdataa daandii milkaa’innaa irra adeemi.
Namoonni obsuu dhabuu isaani irraa kan
ka’e waan baay’ee dhabu. Wanta san
argachuuf garmalee jarjaru. Wanti jarjaraan
argame immoo turtii hin qabu. Har’a
63
kaayyoo tokko kaayyefatanii xiqqoo erga
carraaqanii booda firii isaa yeroma san
arguu barbaadu. Kuni gonkumaa wanta hin
taane. Wanti carraaqi fi hadhaa sabriitin
argamee firiin isaa ni mii’aya.Firiin/bu’aan
namoota sirritti carraaqanii fi hadhaa sabrii
liqimsani Jannataa miti ree? Firiin kanarra
mi’awaa eessatti argama ree? Kanaafu
carraaqin nuti daandii jijjiramaa irratti
goonu sabriin kan guuttamee ta’uu qaba.
Rabbiin namoota sabriin karaa Isaa irratti
carraaqan akka qajeelchu waadaa galee
jira. Rabbiin waadaa ofii gonkumaa hin
diigu; nutu ulaagalee nurraa eeggamuu
guutuu dhabee malee.
َ‫ﻪ‬‫ٱﻟﻠ‬ ‫َان‬‫و‬ ۚ ‫َﺎ‬‫ﻨ‬َ‫ﻠ‬ُ‫ﺒ‬ُ‫ﺳ‬ ْ‫ﻢ‬ُ‫ﻬ‬‫َﻨ‬‫ﻳ‬ِ‫ﺪ‬ْ‫ﻬ‬َ‫ﻨ‬َ‫ﻟ‬ ‫َﺎ‬‫ﻨ‬‫ِﻴ‬‫ﻓ‬ ۟‫ا‬‫ُو‬‫ﺪ‬َ‫ﻬ‬ٰ‫ـ‬َ‫ﺟ‬ َ‫ﻦ‬‫ِﻳ‬‫ﺬ‬‫َٱﻟ‬‫و‬
َ‫ﻦ‬‫ِﻴ‬‫ﻨ‬ِ‫ﺴ‬ْ‫ﺤ‬ُ‫ﻤ‬ْ‫ﻟ‬‫ٱ‬ َ‫ﻊ‬َ‫ﻤ‬َ‫ﻟ‬
64
69. Wallazeena jaahadoo feenaa
lanahdiyannahum subulana; wa innal
laaha lama’al muhsineen
”Warroota Nuuf qabsaa’an- dhugumatti
karaa Keenyatti ni qajeelchina.
Dhugumatti Rabbiin warroota hojiiwwan
gaggaarii hojjatan waliin jira.” Suraa
Al-Ankabut 29:69
6.Cubbuu irraa fagaachuu fi hojii
gaggaari hojjachuu- wanta ilma namaa
duubatti harkisuu cubbudha. Kan gara
fuundarratti oofu immoo dalagaa
gaggaariidha. Kaayyoo kee galmaan gahuuf
guyyaa guyyaan wanta dandeessu dalagi.
Carraaqin guyyoota baay’ee yoo walitti
kuufame gamoo milkaa’innaa ijaaru.
Akkuma wanta xixxiqoo hojjattuun walitti
kuufamte wanta guddaa si taati. “Damla
damla göl olur.” Jedhu Turkoonni. Hiikni
65
isaa “Bishaan cophe cophee haroo ta’a.”
Hojiin xixiqoon ati har’a facaastu walitti
kuufamte boru sii guddati. Hojii kamiyyuu
xiqqaa jette hin tufatin. Xiqqeenyi sanyii
guddinaati jedhama. Kana jechuun wanti
hunduu xiqqaa irraa ka’a.
Akkasumas,cubbuun nuti xiqqoo jenne
tufannu guyyaa tokko walitti kuufamte akka
xaaraa manaa nuratti jigdi. Cubbuu xixiqoo
irraa of qabuuf yoo hin carraaqin,cubbuu
gurguddaa irraayis of qabuun garmalee
nutti ulfaata. Cubbuuwwan/diliwwan
xixiqqoo irraa yoo of qabne gurguddaa
irraayis of qabun nutti hin ulfaatu.
Cubbuun tee rahmata Rabbii irraa abdii akka
si hin kuchisiisne fi baay’atun hojii gaggaari
kee of ajaa’ibsiifachuun rahmata Rabbii
keessaa akka si hin baasne of eeggadhu. “Yaa
Rabbii cubbuun teenya nu balleessu fi hojii
66
gaggaarii keenyan of tuulu irraa nu
tiksi.”jedhi kadhu.
7.Boqonnaa qabaadhu,karaa madaalama
hordofii- daandii jijjiramaa dheeraa kana
irra deemte iddoo gahumsaa kee gahuuf
gaaddisa jala teette hafuura baafachuu si
barbaachisa. Guyyaa tokkon utaalen achii
gahaan kufuudha. Guyyaa tokkoon amala
kiyyaa hundaa jijjiruun qaba,beekaa ta’uun
qaba jette yoo kaate ni kufta. Kanaafu
suutaa fi daandii madaalamaa hordofuu si
barbaachisa.
“Yommuu Rabbiin wayiti nama ajaju
sheyxaani karaa lamaan nama gowwoomsa.
Yookaa namticha laamshoo(dadhabaa)
taasisu fi hojii gaggaari akka hin hojjanne
godhu yookiin immoo dhaadhessuu fi
daangaa akka darbu gochuun sheyxaanni
nama gowwomsa. Dhugumatti amantiin
67
Rabbii nama dadhabaa fi daangaa darbu
jiddutti madaallamaadha akkuma sulula
gaarren lamaan jiddu. Namni ajaja Rabbii
irraa laafe fi duubatti harkifate,ajaja san
qisaasse jira. Namni daangaa darbees ajaja
san qisaasse ykn balleesse jira. Kan jalqabaa
minimam limitii(daangaa xiqqaa) guutu
dhiisu isaatin. Kan lammataa immoo
maksimum limiti(daangaa ol’aanaa) darbuu
isaatin ajaja qisaasesse/balleesse.”Imaam
Ibn Al-Qayyim(Rabbii rahmata isaa haa
godhu)
Keeyyata armaan olii yoo ibsinuu
sheeyxaanni fedhii waa hojjachuu nama
keessatti ajjeessun namtichi ajaja Rabbii
akka hin hordofne fi itti hin bulle godha.
Karaa biraatin immoo fedhii garmalee nama
keessatti bobeessun daangaa Rabbiin kaa’ee
akka darbu godha. Islaamni kanniin lamaan
irraa adda ta’uun daandii madaalamaa fi
68
qajeeladha.
Kanaafu daandii qajeela kanarra yoo
adeemnu osoo garmalee ofitti hin
jabeessinee fi dhumarratti hifanne akka hin
dhiisne boqonnaa nu barbaachisa. Karaa
madaalama Nabiyyana Muhammad(SAW) fi
sahaboonni isaa irra deemanirra deemutu
fiixe milkaa’inna irra nu ijjachiisa.
Karaa biraatin immoo laamshoo taane
Islaama hordofuu irraa duubatti jechuu hin
qabnu. Utubaa Islaama kan ta’e
salaata,takka salaata takka dhiisaa
akkamitti addunyaa aakiratti milkoofnaa?
Yaadannoo Dhumaa
Daandiin jijjiramaa daandii dheeradha.
Carraaqqi dhugaa,fedhii keessaa
burqu,Rabbitii hirkachuu, du’aayi fi sabrii
69
gochuu barbaachisa. Daandii kanarraa yoo
adeemnu galaa beekumsaa gudunfachuu
qabna. Wantoota daandii kanarraa nu
dabsan beekuf beekumsi(ilmiin)
murteessadha.Of jijjiruuf yeroo hundaa
beekumsa nu barbaachisa. Of jijjiruun
adeemsa suuta suutati malee wanta
sakandii takkatti raawwatamuu miti. Nama
Rabbiin sodaatu fi gaarummaa qabu ta’uuf
hanqinna fi cubbuu keenya qorachuun
guyyaa guyyaan sirreessuf carraaqudha.
Fakkeenyaf torbii yookiin ji’a yookiin
waggaa kana keessa amala of tuulu yookin
amala badaa kiyya tokko nan sirreessa
jenne yaadun ergasii sirreessuf
carraaqudha. Daandiin jijjiramaa uffata
amala gadhee fi wallaalummaa ofirraa
baasanii uffata taqwaa,beekumsaa fi
gaarummaa ofitti diirudha. Uffata kana
jijjirachuuf suuta
suutan,malaan,sabriin,beekumsaan adeemu
70
qabna. Yoo akkana goone fedhii Rabbiitin
kaayyoo guddaa keenya gahuu ni
dandeenya. Daandii jijjiramaa asumarratti
xumuramee jira. InshaAllah hanga barruu
biraatin walitti deebinutti Assalamu
aleykum warahmatullahi wa barakaatuh
Alhamdulillah gargaarsa Rabbiitin hojii
keyrii hojjanna. Yaa Rabbii Ati nu milkeesse.
Yaada keessaniif: sammubani@hotmail.com

Más contenido relacionado

La actualidad más candente

Mammaaksota hubachuu fi hiikuun
Mammaaksota hubachuu fi hiikuunMammaaksota hubachuu fi hiikuun
Mammaaksota hubachuu fi hiikuunMohammed Abdo
 
4_5922252583941967214[1].pptx
4_5922252583941967214[1].pptx4_5922252583941967214[1].pptx
4_5922252583941967214[1].pptxMohammedAbdela7
 
Ati macaafa qulqulluu hubachuu ni dandeessaa
Ati macaafa qulqulluu hubachuu ni dandeessaaAti macaafa qulqulluu hubachuu ni dandeessaa
Ati macaafa qulqulluu hubachuu ni dandeessaaharamaya university
 
Barumsa Lallabaa 1ffaa.pdf
Barumsa Lallabaa 1ffaa.pdfBarumsa Lallabaa 1ffaa.pdf
Barumsa Lallabaa 1ffaa.pdfIbsaaNamee
 
Lallaba 2ffaa.pdf
Lallaba 2ffaa.pdfLallaba 2ffaa.pdf
Lallaba 2ffaa.pdfIbsaaNamee
 
4_5922384989193768142[1].pptx
4_5922384989193768142[1].pptx4_5922384989193768142[1].pptx
4_5922384989193768142[1].pptxMohammedAbdela7
 
القول النافع في تحريرات قالون عن نافع من الشاطبية
القول النافع في تحريرات قالون عن نافع من الشاطبيةالقول النافع في تحريرات قالون عن نافع من الشاطبية
القول النافع في تحريرات قالون عن نافع من الشاطبيةأحمد محمود
 
Arabic Short story With English Translation
Arabic Short story With English TranslationArabic Short story With English Translation
Arabic Short story With English Translationabd5050
 
Barumsa Waa'ee Mallattoolee Bara dhumaa Signs of End Times by Amenti Teka (BS...
Barumsa Waa'ee Mallattoolee Bara dhumaa Signs of End Times by Amenti Teka (BS...Barumsa Waa'ee Mallattoolee Bara dhumaa Signs of End Times by Amenti Teka (BS...
Barumsa Waa'ee Mallattoolee Bara dhumaa Signs of End Times by Amenti Teka (BS...AmentiTeka1
 
الهوس الثالث وإريبسالين
الهوس الثالث وإريبسالينالهوس الثالث وإريبسالين
الهوس الثالث وإريبسالينstmary damshiria
 
الهيتنيات
الهيتنياتالهيتنيات
الهيتنياتmagdy-f
 
Leenjii Bittaa Mootummaa for training 2015 baatuu.pptx
Leenjii Bittaa Mootummaa for training 2015 baatuu.pptxLeenjii Bittaa Mootummaa for training 2015 baatuu.pptx
Leenjii Bittaa Mootummaa for training 2015 baatuu.pptxJaafar47
 
مختصر صفات الحروف والمخارج
مختصر صفات الحروف والمخارجمختصر صفات الحروف والمخارج
مختصر صفات الحروف والمخارجhammad_hhaa1999
 
مديح عربى شيرى نى ماريا
مديح عربى شيرى نى ماريامديح عربى شيرى نى ماريا
مديح عربى شيرى نى مارياstmary damshiria
 
الأصول الثلاثة سؤال وجواب
الأصول الثلاثة سؤال وجوابالأصول الثلاثة سؤال وجواب
الأصول الثلاثة سؤال وجوابعرفت فالزم
 

La actualidad más candente (20)

Mammaaksota hubachuu fi hiikuun
Mammaaksota hubachuu fi hiikuunMammaaksota hubachuu fi hiikuun
Mammaaksota hubachuu fi hiikuun
 
4_5922252583941967214[1].pptx
4_5922252583941967214[1].pptx4_5922252583941967214[1].pptx
4_5922252583941967214[1].pptx
 
Barumsa bu
Barumsa buBarumsa bu
Barumsa bu
 
Qoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdfQoricha Maraatuu5.pdf
Qoricha Maraatuu5.pdf
 
Ati macaafa qulqulluu hubachuu ni dandeessaa
Ati macaafa qulqulluu hubachuu ni dandeessaaAti macaafa qulqulluu hubachuu ni dandeessaa
Ati macaafa qulqulluu hubachuu ni dandeessaa
 
Barumsa Lallabaa 1ffaa.pdf
Barumsa Lallabaa 1ffaa.pdfBarumsa Lallabaa 1ffaa.pdf
Barumsa Lallabaa 1ffaa.pdf
 
Lallaba 2ffaa.pdf
Lallaba 2ffaa.pdfLallaba 2ffaa.pdf
Lallaba 2ffaa.pdf
 
4_5922384989193768142[1].pptx
4_5922384989193768142[1].pptx4_5922384989193768142[1].pptx
4_5922384989193768142[1].pptx
 
Jaalala yesus
Jaalala yesusJaalala yesus
Jaalala yesus
 
القول النافع في تحريرات قالون عن نافع من الشاطبية
القول النافع في تحريرات قالون عن نافع من الشاطبيةالقول النافع في تحريرات قالون عن نافع من الشاطبية
القول النافع في تحريرات قالون عن نافع من الشاطبية
 
Arabic Short story With English Translation
Arabic Short story With English TranslationArabic Short story With English Translation
Arabic Short story With English Translation
 
Barumsa Waa'ee Mallattoolee Bara dhumaa Signs of End Times by Amenti Teka (BS...
Barumsa Waa'ee Mallattoolee Bara dhumaa Signs of End Times by Amenti Teka (BS...Barumsa Waa'ee Mallattoolee Bara dhumaa Signs of End Times by Amenti Teka (BS...
Barumsa Waa'ee Mallattoolee Bara dhumaa Signs of End Times by Amenti Teka (BS...
 
الهوس الثالث وإريبسالين
الهوس الثالث وإريبسالينالهوس الثالث وإريبسالين
الهوس الثالث وإريبسالين
 
الهيتنيات
الهيتنياتالهيتنيات
الهيتنيات
 
Leenjii Bittaa Mootummaa for training 2015 baatuu.pptx
Leenjii Bittaa Mootummaa for training 2015 baatuu.pptxLeenjii Bittaa Mootummaa for training 2015 baatuu.pptx
Leenjii Bittaa Mootummaa for training 2015 baatuu.pptx
 
مختصر صفات الحروف والمخارج
مختصر صفات الحروف والمخارجمختصر صفات الحروف والمخارج
مختصر صفات الحروف والمخارج
 
مديح عربى شيرى نى ماريا
مديح عربى شيرى نى ماريامديح عربى شيرى نى ماريا
مديح عربى شيرى نى ماريا
 
الأصول الثلاثة سؤال وجواب
الأصول الثلاثة سؤال وجوابالأصول الثلاثة سؤال وجواب
الأصول الثلاثة سؤال وجواب
 
Malayalam - 2nd Maccabees.pdf
Malayalam - 2nd Maccabees.pdfMalayalam - 2nd Maccabees.pdf
Malayalam - 2nd Maccabees.pdf
 
الفيل من المصباح
الفيل من المصباحالفيل من المصباح
الفيل من المصباح
 

Similar a (Daandii jijjiiramaa ).pdf

Beekeeping.pptx
Beekeeping.pptxBeekeeping.pptx
Beekeeping.pptxLammiiEdae
 
Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)
Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)
Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)Bahar Abdi Dawid
 
Presentation on Disability
Presentation on DisabilityPresentation on Disability
Presentation on DisabilityDinkaYadeta1
 
Wantoota islaamummaa balleysu.fb
Wantoota islaamummaa balleysu.fbWantoota islaamummaa balleysu.fb
Wantoota islaamummaa balleysu.fbNuradin Sultan
 
Wantoota islaamummaa balleysu
Wantoota islaamummaa balleysuWantoota islaamummaa balleysu
Wantoota islaamummaa balleysuNuradin Sultan
 

Similar a (Daandii jijjiiramaa ).pdf (20)

Siqe
SiqeSiqe
Siqe
 
Beekeeping.pptx
Beekeeping.pptxBeekeeping.pptx
Beekeeping.pptx
 
Oromo - The Gospel of the Birth of Mary.pdf
Oromo - The Gospel of the Birth of Mary.pdfOromo - The Gospel of the Birth of Mary.pdf
Oromo - The Gospel of the Birth of Mary.pdf
 
Oromo-Testament-of-Issachar.pdf
Oromo-Testament-of-Issachar.pdfOromo-Testament-of-Issachar.pdf
Oromo-Testament-of-Issachar.pdf
 
Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)
Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)
Finqillee fi goguu bishaan haramaya fi xinniqqee (baharudin abdi)
 
Oromo - The Protevangelion.pdf
Oromo - The Protevangelion.pdfOromo - The Protevangelion.pdf
Oromo - The Protevangelion.pdf
 
Oromo - Joseph and Asenath by E.W. Brooks.pdf
Oromo - Joseph and Asenath by E.W. Brooks.pdfOromo - Joseph and Asenath by E.W. Brooks.pdf
Oromo - Joseph and Asenath by E.W. Brooks.pdf
 
Inuktitut (Latin) - The Gospel of the Birth of Mary.pdf
Inuktitut (Latin) - The Gospel of the Birth of Mary.pdfInuktitut (Latin) - The Gospel of the Birth of Mary.pdf
Inuktitut (Latin) - The Gospel of the Birth of Mary.pdf
 
Barnoota dhuuga aeditedtwocolumn
Barnoota dhuuga aeditedtwocolumnBarnoota dhuuga aeditedtwocolumn
Barnoota dhuuga aeditedtwocolumn
 
Inuktitut (Latin) - The Protevangelion.pdf
Inuktitut (Latin) - The Protevangelion.pdfInuktitut (Latin) - The Protevangelion.pdf
Inuktitut (Latin) - The Protevangelion.pdf
 
Oromo - Testament of Dan.pdf
Oromo  - Testament of Dan.pdfOromo  - Testament of Dan.pdf
Oromo - Testament of Dan.pdf
 
Oromo - Ecclesiasticus the Wisdom of Jesus the Son of Sirach.pdf
Oromo - Ecclesiasticus the Wisdom of Jesus the Son of Sirach.pdfOromo - Ecclesiasticus the Wisdom of Jesus the Son of Sirach.pdf
Oromo - Ecclesiasticus the Wisdom of Jesus the Son of Sirach.pdf
 
Barnoota dhuuga aeditedtwocolumn
Barnoota dhuuga aeditedtwocolumnBarnoota dhuuga aeditedtwocolumn
Barnoota dhuuga aeditedtwocolumn
 
Presentation on Disability
Presentation on DisabilityPresentation on Disability
Presentation on Disability
 
Oromo - Testament of Gad.pdf
Oromo - Testament of Gad.pdfOromo - Testament of Gad.pdf
Oromo - Testament of Gad.pdf
 
Acoelomates boq. 6
Acoelomates boq. 6Acoelomates boq. 6
Acoelomates boq. 6
 
Oromo - Susanna.pdf
Oromo - Susanna.pdfOromo - Susanna.pdf
Oromo - Susanna.pdf
 
Oromo - Poverty.pdf
Oromo - Poverty.pdfOromo - Poverty.pdf
Oromo - Poverty.pdf
 
Wantoota islaamummaa balleysu.fb
Wantoota islaamummaa balleysu.fbWantoota islaamummaa balleysu.fb
Wantoota islaamummaa balleysu.fb
 
Wantoota islaamummaa balleysu
Wantoota islaamummaa balleysuWantoota islaamummaa balleysu
Wantoota islaamummaa balleysu
 

(Daandii jijjiiramaa ).pdf

  • 2. 2 Jijjirama yeroo jennu amala tokkorraa gara amala biraatti darbuu jechuudha. Daandii yeroo jennu immoo karaa irra adeemanii bakka ga’uumsa gahaniidha. Namni daandii qajeela irra yoo hin deemin kallatiin bakka ga’uumsa waan jalaa baduuf karaa bada, bakka deemu hin beeku. Ilmi namaa amala jijjirama qaba. Badaa irraa gara gaaritti yookin immoo gaarii irraa gara badatti jijjiramutu jira. Namoonni akkanumaan cal’isanii jijjirama kana hin adeemsiisan. Sababa tokkotu isaan jijjira. Gariin isaanii wanta badaa osoo hojjataa jiranuu balaan itti bu’ee ergasii balaa sanirra barnoota fudhachuun jireenya ofii sirreessan. Gariin isaanii immoo kitaaba wayii dubbisuun ykn dubbii nama tokkootin jireenya ofii foyyeessan. Namni laamshayaan osoo balaallen itti bu’ee barnoota fudhate of sirreessu kan hin feenedha. Yookiin namoota gaggaari hordofee ykn kitaaba
  • 3. 3 dubbise gara fuunduraatti tarkaanfachuu hin dandeenyedha. Kana caalaa hundarra badaan namaa immoo osoo beekumsa qabuu kan itti hin fayyadamnee fi hojii irra kan hin oolchineedha. Beekumsa ittiin boonuf fayyadama. Erga kana hunda jenne daandiin jijjiramaa maal fa’a. Kaayyoon jireenya kee maalii? Namni maaliif akka jiraatu sirritti hubate yoo hin beekin, jireenya dukkanaa’a jiraata. Maaliif dachii tanarra dhufe,akkuma beeladoota nyaadhe dhuguufi moo kaayyoo kanarra caale qaba? Jedhe of gaafachu qaba. Kaayyoo jireenya ijaaru keessatti gaafileen sadan kunniin deebii gaha argachuu qabu. Keessattu gaafiin sadaffaan deebii gahaa yoo hin argatiin kufaatif nama saaxilti. Gaafileen kunniinis: “Maal haa hojjadhu?, Akkamitti haa hojjadhu?,Maaliif hojjadha?” Gaafileen kunniin dhagaa bu’uura kaayyoo
  • 4. 4 keetitti. Sirritti itti yaadde fi furmaata garagaraa barbaadde deebisu qabda. Kaayyoon koo inni guddaan maalidha jette of gaafachudha. Kaayyoon jireenya keenya inni guddaani fi inni dhumaa ‘Jaalala Rabbii argachuu fi Jannata seenudha.” Kaayyoon ilma nama kana yoo hin ta’in akkamitti horii irra adda bahaa? Horiin ni nyaata ni dhuga,ni hora dhumarratti ni du’a. Kaayyoon iIlmi namaas inni guddaan nyaatu fi dhuguuf qabeenya walitti sassaabu, fedhii foonii guuttachuu dhumarratti du’u yoo ta’ee garaagarummaan isaa fi horii jiddu jiru maalidha ree? Namni hanga fedhe milkaa’inna guddaa jedhamu addunyaa kanarratti haa galmeessu,yoo kaayyoon isaa inni dhumaa Jaalala Rabbii fi Jannata seenu yoo ta’iin hojiin isaa daaraa ta’ee hafa. Mee haa jennu namni tokko hogganaa biyya
  • 5. 5 tokko ta’uuf kaayyefate haa jennu. Kaayyoo kana carraaqe galmaan gahe. Erga kaayyoo kana galmaan gahe booda dulloome haa jennu. Kaayyoon namticha kanaa yoo Jaalala Rabbii fi Jannata hin ta’iin, hawwii fi abdiin isaa asumarratti dhaabbatte jechuudha. Hadhaa du’aa qofa taa’e eegudha. Fuggisoo kanaa immoo namni Jireenya booda(aakiraa) kaayyoo ofii godhate abdii fi hawwiin isaa addaan hin citu. Umar ibn Abdulaziz akkana jedhan,” Niiti gaarii tan taate Faaxumaa fuudhe maatii gaarii ijaaru fi kaliifa ta’uuf hawwii fi abdii koo türe. Erga Faxuuma fuudhe fi kaliifa ta’een booda amma lubbuun koo Jannatatti na rarraate.” Kana kaayyon ilma nama ta’uu kan qabu. Namoonni kaayyoo ofii wallaalu irraa kan ka’ee galaana jireenya keessa ibsaa malee daakaa jiru. Mallii fi kallattiin itti deeman
  • 6. 6 harkaa bade. Kaayyoo guddaa dhabuu irraa kan ka’ee abdii fi gammachuu ofirratti dukkaneessan. Kaayyoon kee maalii jedhamanii yoo gaafataman fuudhu,heerumu nyaatu,dhuguu dhumarratti du’uu jechuu malee deebii biraa hin qaban. Kaayyoon ilma namaa maal akka ta’ee Qur’aanni aaya takkatiin gudunfee. Rabbiin kaayyoo ilmaa tumuun akkana jedha: ِ‫ن‬‫ُو‬‫ﺪ‬ُ‫ﺒ‬ْ‫ﻌ‬َ‫ﻴ‬ِ‫ﻟ‬ ‫اﻻ‬ َ‫ﺲ‬‫ْﻧ‬‫ﻻ‬‫َٱ‬‫و‬ ‫ِﻦ‬‫ﺠ‬ْ‫ﻟ‬‫ٱ‬ ُ‫ﺖ‬ْ‫ﻘ‬َ‫ﻠ‬َ‫ﺧ‬ ‫َﺎ‬‫ﻣ‬َ‫و‬ 56. Wa maa khalaqtul jinna wal insa illaa liya’budoon “Jinnii fi ilma namaa akka Ana qofa
  • 7. 7 gabbaraniif(waaqefataniif) malee hin uumne.” Al-Qur’an 51:56 Namni kaayyoo kanarraa dabee jireenya addunyaa tana qofa ari’ee jireenya akkamii jiraata? Kaayyoo malee hurrii jireenya keessatti yoo badu maal jedhamaa? Kaayyoo salphaa fi ifa ta’ee Rabbiin ibseef dhiise maaliif jaanja’aa? Namni yoo gowwomu akkamitti jireenya duniyaa tana qofatti hawwii fi abdii ofii gabaabsa,osoo Rabbiin akkana jedhe jiru: ُ‫ب‬‫َا‬‫ﻮ‬َ‫ﺛ‬ ِ‫ﻪ‬‫ٱﻟﻠ‬ َ‫ﺪ‬‫ِﻨ‬‫ﻌ‬َ‫ﻓ‬ ‫َﺎ‬‫ﻴ‬ْ‫ﻧ‬‫ٱﻟﺪ‬ َ‫ب‬‫َا‬‫ﻮ‬َ‫ﺛ‬ ُ‫ﺪ‬‫ِﻳ‬‫ﺮ‬ُ‫ﻳ‬ َ‫ن‬‫َﺎ‬‫ﻛ‬ ‫ﻣﻦ‬ ‫ًا‬‫ﺮ‬‫ِﻴ‬‫ﺼ‬َ‫ﺑ‬ ‫ۢﺎ‬ً‫ﻌ‬‫ِﻴ‬‫ﻤ‬َ‫ﺳ‬ ُ‫ﻪ‬‫ٱﻟﻠ‬ َ‫ن‬‫َﺎ‬‫ﻛ‬َ‫و‬ ۚ ِ‫ة‬َ‫ﺮ‬ِ‫ﺧ‬‫َا‬‫ء‬ْ‫ل‬‫َٱ‬‫و‬ ‫َﺎ‬‫ﻴ‬ْ‫ﻧ‬‫ٱﻟﺪ‬ 134.man kaana yureedu sawaabad dunyaa fa’indallaahi sawaabud dunyaa wal Aakhirah; wa kaanal laahu Samee’am
  • 8. 8 Baseeraa “Namni mindaa duniyaa kan fedhu ta’e, mindaan duniyaa fi aakiraa Rabbiin bira qofa jira. Rabbiin Dhaga’aa Argaa ta’eera. “ Al-Qur’an 4:134 Sayyiid Quxbiin asirratti yaada kennuun akkana jedha: “Dhugumatti gowwummaa fi wanta garmalee ilma namaati hin malle mataa ofiiti fi hawwii ofii jireenya duniyaa tana qofarratti gabaabsuun, qananii Rabbii jireenya tanaa fi aakiratti barbaadachuu osoo danda’u. Gammachuun addunyaa lamaani waadaa galameefi jira karaa jireenya Islaamummaa gochaa fi yaada wal qabate hojii irra oolchun. Lukti isaa lafarraa osoo adeemtu afuurri(ruhiin) isaa jannata keessa ta’uun namni dhugumattii jireenya ulfinna/kabajaa ilma nama galmaan gahuu
  • 9. 9 ni danda’a. “ * Kana jechuun wanta danda’u jireenya tanarratti ni hojjata. Akkuma namoota kaannini ni nyaata ni dhuga. Garuu hawwii fi abdiin isaa garmalee dheeradha. Inniis Jaalala Rabbii fi Jannata argachuuf halkanii guyyaa carraaqa. ِ‫ﻪ‬‫ٱﻟﻠ‬ َ‫ﻦ‬‫ﻣ‬ ٍ‫ﻂ‬َ‫ﺨ‬َ‫ﺴ‬ِ‫ﺑ‬ َ‫ء‬‫َﺂ‬‫ﺑ‬ ۢ‫ﻦ‬َ‫ﻤ‬َ‫ﻛ‬ ِ‫ﻪ‬‫ٱﻟﻠ‬ َ‫ن‬َٰ‫ﻮ‬ْ‫ﺿ‬ِ‫ر‬ َ‫ﻊ‬َ‫ﺒ‬‫ٱﺗ‬ ِ‫ﻦ‬َ‫ﻤ‬َ‫ﻓ‬‫ا‬ ُ‫ﺮ‬‫ِﻴ‬‫ﺼ‬َ‫ﻤ‬ْ‫ﻟ‬‫ٱ‬ َ‫ﺲ‬ْ‫ﺌ‬ِ‫ﺑ‬َ‫و‬ ۚ ُ‫ﻢ‬‫َﻨ‬‫ﻬ‬َ‫ﺟ‬ ُ‫ﻪ‬ٰ‫ى‬َ‫و‬‫َﺎ‬‫ﻣ‬َ‫و‬ 162. Afamanit taba’a Ridwaanal laahi kamam baaa’a bisakhatim minal laahi wa maawaahu Jahannam; wa bi’sal maseer “Sila namni Jaalala Rabbii hordofee fi kan dallansuu Rabbii ofitti fide kan manni isaa Jahannam ta’ee wal fakkaatu? Bakki gahuumsi isaa waa fokkate!” Al-Qur’an 3:162
  • 10. 10 ‫ِﻦ‬‫ﻣ‬ ‫ِى‬‫ﺮ‬ْ‫ﺠ‬َ‫ﺗ‬ ٍ‫ﺖ‬ٰ‫َﻨ‬‫ﺟ‬ ِ‫ﺖ‬َٰ‫ﻨ‬ِ‫ﻣ‬ْ‫ﺆ‬ُ‫ﻤ‬ْ‫ﻟ‬‫َٱ‬‫و‬ َ‫ﻦ‬‫ِﻴ‬‫ﻨ‬ِ‫ﻣ‬ْ‫ﺆ‬ُ‫ﻤ‬ْ‫ﻟ‬‫ٱ‬ ُ‫ﻪ‬‫ٱﻟﻠ‬ َ‫ﺪ‬َ‫ﻋ‬َ‫و‬ ‫ِﻰ‬‫ﻓ‬ ً‫ﺔ‬َ‫ﺒ‬‫َﻴ‬‫ﻃ‬ َ‫ﻦ‬ِ‫ﻜ‬َٰ‫ﺴ‬َ‫ﻣ‬َ‫و‬ ‫َﺎ‬‫ﻬ‬‫ِﻴ‬‫ﻓ‬ َ‫ﻦ‬‫ِﻳ‬‫ﺪ‬ِ‫ﻠ‬َٰ‫ﺧ‬ ُ‫ﺮ‬َٰ‫ﻬ‬ْ‫ﻧ‬ْ‫ﻻ‬‫ٱ‬ ‫َﺎ‬‫ﻬ‬ِ‫ﺘ‬ْ‫ﺤ‬َ‫ﺗ‬ َ‫ﻮ‬ُ‫ﻫ‬ َ‫ﻚ‬ِ‫ﻟ‬َٰ‫ذ‬ ۚ ُ‫ﺮ‬َ‫ﺒ‬ْ‫ﻛ‬‫ا‬ ِ‫ﻪ‬‫ٱﻟﻠ‬ َ‫ﻦ‬‫ﻣ‬ ٌ‫ن‬َٰ‫ﻮ‬ْ‫ﺿ‬ِ‫ر‬َ‫و‬ ۚ ٍ‫ن‬ْ‫ﺪ‬َ‫ﻋ‬ ِ‫ﺖ‬ٰ‫َﻨ‬‫ﺟ‬ ُ‫ﻢ‬‫ِﻴ‬‫ﻈ‬َ‫ﻌ‬ْ‫ﻟ‬‫ٱ‬ ُ‫ز‬ْ‫ﻮ‬َ‫ﻔ‬ْ‫ﻟ‬‫ٱ‬ 72. Wa’adal laahulmu’ mineena walmu’minaati Jannaatin tajree min tahtihal anhaaru khaalideena feehaa wa masaakina taiyibatan fee Jannnaati ‘adn; wa ridwaanum minal laahi akbar; zaalika hual fawzul ‘azeem “Rabbiin mu’umintoota dhiiraatii fi dubartootaf jannata laggeen ishee jala yaatu, ishee keessatti kan hafan ta’anii fi manneen gaggaarii jannata qubsumaa
  • 11. 11 keessa jiran waadaa galeefi jira. Garuu Jaalalli Rabbii kana hundarra caala. Kunii milkaa’inna ol’aanadha. “ Al-Qur’an 9:72 Erga hanga asii dubbistee kaayyoo jireenya yoo hin qabaatin amma kaayyoo jireenya murteessu fi bocuuf adeemtaa,mitiiree? Galaana fi hurrii jireenya keessatti erga badde gara ifaatti bahuuf adeemta. Kaayyoo kee inni guddaan Jaalala Rabbii fi Jannata erga ta’ee kaayyoleen biroo immoo kaayyoo guddaa fi isa dhumaa kana galmaan gahuuf kan kaayyefattuudha. Yoo akkana goote addunyaa aakiratti maal dhabdaree? Fakkeenyaf barreessaa,daa’i(nama karaa Rabbitti namoota waamu), injinera, doktara ta’uu barbaadde haa jennu. Asitti kaayyoo kee inni guddaan qarshii argatte jiraachuf qofa osoo hin ta’iin fiildii kanniin kaayyoo kee ol’aana armaan olii bakkaan gahuuf kan
  • 12. 12 itti fayyadamtudha. Qarshii argattu sadaqaa kennuun jaalala Rabbii barbaadda. Humnaa fi beekumsa qabduun ummata kee tajaajiluun Jaalala Rabbii barbaadda malee ittiin of tuulu fi beekkama ta’uufi miti. Sirri mitiiree? Daandii guddaa armaan olii kanarra adeemuuf hidhannoon nuti hidhachuu qabnu baay’etu jiru. Daandiin jijjirama daandii dhoqqee nama mucuceessu,qoree nama waraantu,gufuu nama dhooftu hin qabne miti. Dhoqqee, qoree fi gufuudhan kan guuttameedha. Daandiin kun akkana ta’uun isa ilma namaa jabeessuf malee laaffisuu fi dubatti harkiisufi miti. Kanaafu dhoqqeen yommuu nu mucucceessu mucucaanne achitti akka hin hafne,qoreen yoo nu waraantu fi gufuun yoo nu dhofte ah jenne achumatti akka hin hafne qoricha harkatti qabachu qabna.(Insha Allah Qoricha kana torbii dhufu ni ilaalla)
  • 13. 13 Seera MAM (Maal,Akkamitti,Maaliif) Akkuma duratti jenne daandii jijjiramaa irra adeemuf gaafileen sadan kunniin deebii argatu qabu. Jireenya keenya keessatti gaafilee kanniin irraanfachuu hin qabnu. Gaafileen kuni irraanfatamnaan namni of irraanfate jechuudha. Sababni kufaati namoota baay’ee gaafilee kanaaf deebii gaha kennu dhabu isaaniti. Maal– Kaayyoo jireenyaa kee maal akka ta’ee murteefatte jirta. Kaayyoo kana bakkaan gahuuf maal maal hojjachuu akka qabdu of gaafatte hojitti seenudha. Hawwiin hojii malee kayyoo kee galmaan gahuu hin danda’an. Humnaa fi carraaqi cimaa barbaachisa. Maal maal hojjatte kaayyoo kee galmaan gahu akka dandeessu namoota kaayyoo kana galmaan gahan ilaali akkeessi. Maal maal hojjatanii akka
  • 14. 14 milkaa’an isaanirraa hubadhu. Haala kanaan gaafii maal jedhuuf deebii kennita. Amma kan si hafee gaafile AM(akkamitti,maaliif). Beektonni Islaama akkuma jedhan hojiin gaariin tokko fudhatama argachuuf ulaagaalee lama guutu qaba jedhu. Isaanis: Sirrii fi Rabbii jedhamee hojjatamu qaba. Ulaagaale lamaan keessaa tokko diigamnaan hojiin hanga fedhe gaarii yoo ta’ee fudhatama hin qabu. Hojii sirrii yoo jennuu Sunnaa(karaa) Nabiyyanaa Muhammad(SAW) waliin kan adeemu ta’uu qaba. Akkamitti kan jedhuuf namoota kaayyoo kana galmaan gahan hordofuudha. Daandii jijjiramaa akkami keessa akka darban isaanirraa hubachuudha. Kaayyoon kee Jaalala Rabbii fi Jannata yoo ta’ee akkamitti galmaan gahu akka dandeessu Ergamaan
  • 15. 15 Rabbii Muhammad(SAW) sitti agarsiisu. Faana isaani qofa dhahuudha. Faana isaanitin ala kan biraa hordofnaan kaayyoo guddaa kana galmaan gahachuu hin dandeessu,ni kufta. Kanaafu deebiin akkamitti jedhuuf faana Nabiyyana Muhammad(SAW) hordofuudha. Gaafiin sitti ulfaatu garuu gaafii sadaffaa ‘Maaliif’ jettudha. Gaafin tuni gaafii qalbii waliin adeemtudha. Wanti hojjachaa jiru maaliif dalagaa jira,jaalala Rabbii moo jaalala namoota barbaadetiin? Dhugumatti gaafii kana deebisuun salphaa miti. Qabsoo fi cimanii hojjachuu barbaachisa. Gaafii Maaliif jettu tanaa bar namoota sadan hojii gaggaari dalagaa turan jahannamitti darbitu. Sadan sun eenyu fa’a: Abu Hureeyran(RA) akkana jechuun gabaasan
  • 16. 16 Ergamaan Rabbii(SAW) akkana jedhan: “Guyyaa qiyaama namoonni yeroo jalqabaa irratti murteefamu nama shahiida(nama karaa Rabbii irratti du’e) ta’eedha. Funduree Rabbitti fidamee Rabbiin qananii itti oole ni beeksisa. Innis ni beeka. Rabbiin “Qananiini tanaan maal hojjatte?”jedhee gaafata. Namtichis “Siif jedhe lole hanga shahiida ta’utti.” jedha. Rabbin ni jedha,”Sobde jirta. Garuu atii goota haa jedhamtuuf lolaa turte. Jedhamtees jirta. “ Ergasii Rabbiin ni ajaja fuula isaatin lafarra harkifamee ibiddatti akka darbamu. (Namni lammafaan immoo) nama beekumsa(ilmi) baratee barsiise fi Qur’aana qara’edha. Funduree Rabbitti ni fidama. Ni’ima(qananii) itti oole Rabbiin ni beeksisa.Namtichis ni beeka. Rabbiin “Qananii tanaan maal hojjatte?” jedhaan.”
  • 17. 17 Siif jedhe beekumsa (amantii ) baradhe barsiise, Qur’aanas qara’ee. “ jedha namtichi. Rabbiin ni jedhaan,” Sobdee jirta. Inni Aalima(beekaa) akka jedhamtuuf beekumsa (amantii) baratte;inni qaaridha(nama Qur’aana qara’u) akka jedhamtuuf Qur’aana qaraate. Jedhamtees jirta. Ergasii fuula isaatin lafarra harkifamee ibidatti akka darbamuu ajajama. Namtichi biraa immoo nama Rabbiin dureessa godhee fi qabeenya gosa hundaa kenneefi. .Funduree Rabbitti ni fidama.Ni’ima(qananii) itti oole Rabbiin ni beeksisa.Namtichis ni beeka. Rabbiin,”qananii tanaan maal hojjatte?” jedhe gaafata. Karaa qabeenyi irratti akka bahu Ati jaallatu wayitu hin dhiisne Siif jedhe qabeenya koo baasu malee. “ jedha namtichi. Rabbiin ni jedha,”Sobdee jirta. Garuu ati arjaadha akka jedhamtuuf kana
  • 18. 18 dalagde. Jedhamtees jirta.” Ergasii fuula isaatin lafarra harkifamee ibidatti akka darbamuu ajajama.” (Hadiisa Qudsi- Musliimin Gabaafame) Dhugumatti dhuma nama sodaachisudha. Dhuma qalbii nama hurguufudha. Yaa Rabbii Ati iklaasan nu qananiisi. Dabalataanis Jundub(RA) akkana jechuun gabaase: “Ergamaan Rabbii(SAW) akkana jedhan,”Namni faarsa namoota argachuuf hojii gaarii isaa isaan dhageessise, Rabbiin niyyaa dhugaa isaa (Guyyaa Qiyaama) namoonni akka beekan godha. Namni hojii gaarii agarsiisu fi faarsa isaani argachuuf ummata keessatti hojjatu,Rabbiin niyyaa dhugaa isaa ifa baasa(ni salphisaas.)” Sahih Al-Bukhaari Jildii 8 Boqonna 36 Lakk 6499(From English Translation Vol.8 Page
  • 19. 19 274) Kanaafu gaafin Maalif jettu cimtudha. Gaafii namoota baay’ee qilee kufaatitti darbiteedha. Hojii tokko hojjatuun dura maaliif hojjadha,jaalala Rabbii moo jaalala namoota argachuuf jenne of gaafachu qabna. Gaafii niyyaa gaarii fi niyyaa badaa addaan baastudha. Gaafin maaliif jettu gaafii iklaasati. Hojiin keenya iklaasa yoo qabaate qofa fudhatama kan argatu. Iklaasa horachuuf carraaqqi guddaa barbaachisa. Beekumsa,du’aayi fi obsa barbaachisa. Wanti irraanfatamu hin qabne tokko hojiin koo iklaasa hin qabu jenne dhiisu hin qabnu. Akkana yoo goone kaayyoo sheyxaanaa bakkaan geenye jechuudha. Wanti sheyxaanni barbaadu ilma namaa hojii gaarii irraa hojii badaatti garagalchuudha. İklaasa qabaachuuf dalagaa gaarii keenya hojjatuu itti fufaa
  • 20. 20 Rabbiin iklaasa akka nu kennu hidda onnee jalaati itti warwaachudha(kadhachuudha). “Yaa Rabbii iklaasa na kenni” jechuudha. Kutaan 1ffaan daandii jijjiramaa asumarratti dhaabbata. Insha Allah torbaan dhufuu kutaa 2ffaa itti fufna. Ilmi nama dogongoruu danda’a dogongora koo sirreessaa. DAANDII JIJJIRAMAA-KUTAA 2FFAA Yeroo darbee daandii jijjiramaa tuttuquuf yaalle turre. Ka’uumsa daandii jijjirama
  • 21. 21 eerre/ibsinee turre. Amma ka’uumsa sanirraa kaane imala keenya jalqabuufi. Haa ta’uu malee daandiin imalaa kunii asphaalti osoo hin ta’iin dhoqqee,qoree fi gufuudhan kan guuttameedha. Amma gufuwwaan kanniini fi akkamitti akka of funduraa kaasan qoranna. Dhoqee,qoree fi gufuwwaan kunniin maal fa’a ta’ina laata? Shakkii kee qulqulleessi(Clear your doubt) Daandii jijjirama irra shakkaa yoo adeemne bakka barbaanne san hin geenyu. Nan kufa jenne shakkaa yoo wanta tokko hojjanne hojiin keenya hangas mara bu’aa qabeessa hin ta’u. Akkuma kutaa tokkofatti jenne kaayyon keenya inni guddaan Jaalala Rabbii fi Jannata jenne murtefanne turre. Kaayyoo guddaa kanaa fi kan isaa gadii galmaan gahuuf xuriin shakkii nu keessaa qulqullaa’u qaba. Diina keenya kan ta’ee
  • 22. 22 sheyxaanni kaayyoo guddaa kana irraa ilma nama garagalchuu fi qilee ibiddaatti isaan darbuuf maloota adda addaatti fayyadama. İsaan keessaa shakkii fi soba dhugaa,dhugaa soba fakkeesse qalbii isaani irratti darbuudha. Shakkiile bakka sadiitti qoonne ilaalu dandeenya. Shakkiwwan kunniin nu keessaa qulqullaa’an jechuun fedhii Rabbiitin fiixe milkaa’inna gudda irra ijjachuu ni dandeenya. Shakkiwwan kunniin maal fa’a? 1. Shakkii Qur’aanaa Namni beekumsa malee wanta tokko hojjachuu hin danda’u. Wanta gaarii tokko sirnaan hojjachuu fi wanta gadhee irraa of tiksuuf maddi beekumsa murtessadha. Sammuun ilma namaa wanta badaa fi gadhee guutuu addaan baasu hin danda’u. Kanaafu Goofta ilma namaa uumerraa qajeelfama barbaachisa. Sababni isaas
  • 23. 23 Rabbiin akkuma nama uume fedhiin namootas maal akka ta’e sirratti keessa beeka. Daandii jijjirama irra adeemuf kitaaba qajeelfama(manual) irraa ilaalanee gara gahuumsa keenyatti ceenu nu barbaachisa. Qajeelfamni keenyas Qur’aana fi sunnaa Nabiyyanaa Muhammad(SAW) ta’uu qabu. Ta’uu baannan qajeelfamonni biroo daandii irraa waan nama jallisaniif kaayyoo keenya gahuu hin dandeenyu. Diinni keenya sheyxaanni Qur’aana akka qajeelfamaatti akka hin fudhanneef shakkii onne keenyatti darba. Rabbirraa ta’uu fi ta’uu dhiisu nu shakkisisa. Sababa kanaan daandii jijjiramaa irraa ilma namaa jallisa. Qur’aanni Rabbirraa bu’uu isaa ragaaleen lakkofsa hin qabne osoo jiranuu sheyxaanni fi gargaartonni isaa qalbii namaa dukkaneessu. Akka itti hin amanne fi hin
  • 24. 24 milkoofne humna ofi hin qusatan. Muslimoota fi namoota kaanniin Qur’aana irraa fageessanii jireenya badii akka jiraatan diinonni(aduwwiin) Islaama halkanii guyyaa boqonnaa hin qaban. Hoggantoota warra Dhihaa keessaa tokko akkana jechuun isaa ni yaadatama,” Hanga Qur’aanni Muslimoota jiddu jirutti isaan moo’achu hin dandeenyu.” Edaa kana beekanii warri dhihaa fi yahuudonni Qur’aana qalbii Muslimoota irraa haaquf itti gadi jedhan. Shakkii qalbii keessa facaasu fi irraa garagalchuuf erga Qur’aanni bu’uu jalqabee kaase hanga har’aatti yahuudonni humna qaban guutuu baasaa jiru. Maloota adda addaa fayadamuun yaalin isaan godhan miidha guddaa ilma namaatirraan gahe jira. Akkuma amala isaani jecha sirrii wal jijjiranii dhugaa soba fakkeessun qalbii namoota irratti shakki facaasu. Furmaanni keenya isaan misaa’elan wal lolu osoo hin
  • 25. 25 ta’iin gara Qur’aanatti deebi’udha. Shakkii isaan nutti facaasanii fi kan keessa keenya ofirraa qulqulleessuf Qur’aana qo’achuu fi xinxaluudha. Misaa’elli keenya imaana. Imaanni immoo kan argamuu Qur’aana qo’achuu fi hojii irra oolchuni. Rakkoo fi gadadoon guddaan akkanatti Muslimootatti roobaa jiruuf sababa isaan Qur’aana dugda duubatti darbaniifi. Seenaa dhala namaa keessatti qaroominna kamtu qaroominna Islaama zamana/gadaa Nabiyyanaa Muhammadi(SAW) fi sahaabotaatin wal-qixxaate beeka? Qaroominni yeroo san ijaarrame jireenya dhala namaa keessatti san duras san boodas ijaarrame kan hin beeknedha. Hundeen qaroominna kanaa Qur’aana fi ummata isaan buledha. Teknolojin guddatuu fi dhalli namaa cunqurfamuu fi dararamuun akkamitti qaroominna jedhamee
  • 26. 26 ilaallamaa? Shakkii keenya qulquleessine gara Qur’aana akka deebinuf nu gargaran keeyyatoota muraasa mee haa eerru. “Kuni kitaaba (Qur’aana)mamiin (shakkiin) isa keessa kan hin jirreedha, warra Rabbii sodaatanif qajeelfama. “ Suuraa Al-Baqaraa 2:1 “Yoo waan Nuti gabricha keenya irratti buufne Qur’aana irraa mamii(shakkii) keessa taataniif yoo kan dhugaa dubbattan taatan suuraa akka isaa tokko fidaati ragoota (gargaartota fi deggartoota) keessan kan Rabbiin ala jiraniis waamadhaa.” Suuraa Al-Baqaraa 2:23 “Dhugaan Gooftaa kee irraayi. Warra shakkan irraa hin ta’in” Suuraa Al-Baqaraa 2:147
  • 27. 27 “ Sila isaan Qur’aana hin xinxallanii? Osoo (Qur’aanni kuni) Rabbiin ala kan biraa irraa ta’ee, silaa isa keessatti wal dhabbii baay’ee argu turan.” Suuraa An-Nisaa 4:82 “Buufamuun kitaabicha(Qur’aana) Rabbii injifataa ogeessa ta’ee irraayi.” 39:1 Qur’aanni osoo Rabbirraa ta’uu baate silaa boora’iinsa tokko malee qulqullummaa isaa eggatee hanga yoonaa ni turaa? Ilmi namaa akka hin booressinee fi Qur’aanni qulqullummaa isaa eeggate akka turu Rabbiin itti gaafatamummaa eegumsaa ofirratti fudhate. “Dhugummatti Zikrii(Qur’aana) Numatu buuse. Numatu isaaf tiksodha. “ Suuraa Al-Hijr 15:9
  • 28. 28 Kewwatonni hanganaa nama hubatuuf ragaa gahaadha jedhe yaada. Kanaafu falli keenya kan dhibee wallaalumma,shakii fi munaafiqummaa ofirraa itti fayyisnuun Qur’aana. Gara isaatti yoo deebine dhibeewwan kanniinirraa kan fayyinu. “Yaa ilmaan namaa,dhugumatti gorsi Gooftaa keessan irraa taatee,waan qoma keessa jiruf qoricha (kan taate),qajeelfamaa fi Rahmanni mu’umintootaf tan taate isinitti dhufte.”Suuraa Yuunus 10:57 “Asitti ‘gorsi’ Qur’aana- kan waan gaariitti nama ajaju waan badaa irraa nama dhorgu. Wanti qoma keessa jiru immoo wallaalummaa,shakkii,munaafiqummaa,fi kkf. Qajeelfama yoo jedhu immoo wanta haraama fi halaala addaan baase kan ibsu.” Muhsin Khan English translation of Noble
  • 29. 29 Qur’an irraa fudhatame. Namni gara Qur’aanatti deebi’ee isa qo’ate fi itti fayyadamee dhugumatti addunyaa aakiratti ni milkaa’a. Daandii jijjiramaa kana irra adeemuf namni imala baye Qur’aana akka qajeelfamaatti fayyadamuu qaba. Dhugumatti namni Qur’aana qabate ni jijjirama maa hanga fedhe nama badaa fi gadhee hin taane. Seenaa Araboota osoo ofirra mil’anne seenaa adunyaa keessatti dofummaan kan beekkaman turan. Qur’aanni dhufnaan addunyaa keessaa ummataa qaroo fi gadi fageessanii kan xinxallan ta’un beekkaman. Ummanni Qur’aanan dura dukkana doofumaa fi wallaalummaa keessatti kufee Qur’aanni itti dhufnaan qaroominna dhalli namaa ijaaru hin dandeenye ijaarani darban. Haaluma Kanaan namni dukkana wallaalumma keessatti bade Qur’aanan jireenya ofi ni
  • 30. 30 ibsata. Daandiin jijjiramaa isaaf gabaabbata. 2.Shakkii Guyyaa Qiyaama Guyyaa Qiyaamatti amanuun utubaa imaanaa keessaa tokko. Erga du’anii booda deebifamanii kaafamuun wanta shakkiin wayitu keessa hin jireedha. Namni kana didus ragaa qabatamaa fi dhugaa fiduu hin danda’u. Osoo guyyaan Qiyaama jiraachu baate silaa akkamitti madaalli/mizaanni haqaa uumamtoota dhaabbataa? Osoo guyyaan Qiyaama jiraachu baate moottonni abbaa irree ilma namaa akkanatti cunqursanii osoo hin adabamiin akkanumatti du’anii hafuu? Warrii Rabbii jedhe hojii gaarii hojjachuu fi madaala haqummaa dhaabuf qabsaa’an akkanummatti hojiin isaani bilaasha ta’e hafaa? Rabbiin Haqaa kan ilma namaa hin cunqursinee, yoo cunqurfamanillee kan hin
  • 31. 31 jaalanne, madaala haqaa dhaabuf guyyaan Qiyaama/Murtii akka jiraatu dirqama godhe. Kanaafu dhaabbachuun guyyaa Qiyaama shakkiin wayitu keessa hin jiru. Guyyaa Qiyaamatti amanuun ilma nama amala bineessa irraa gara fiixe namummaatti ol fuudha. Sababni isaas namni wanta hojjatu keessatti gara fuunduratti adabamuu fi mindaa argachuu akka danda’u waan amanuuf hojii kam keessattu of eegannoo gochaa adeema. Nama akka hin cunqursinee fi hojii gadhee akka hin raawwanne adabbiin cimaan fundura isaa akka jiru beeke irraa of qusata. Akkasumas,mindaa gaarii guyyaa Qiyaamatti argachuu akka danda’u beeke waan gaarii hojjachutti fiiga. Kanaafu wanta gadhee irra gara nama gaaritti of jijjiruuf guyyaa Qiyaamatti amanuun gahee ol’aanaa taphata. Dabalataan warroota Guyyaa
  • 32. 32 Qiyaamatti amananiif gadadoo fi rakkoo kamiyyuu ni salphataaf. Sababni isaas ifa milkaa’innaa of funduratti ilaalaa rakkoo fi gadadoo kamu obsaan dabarsu. Rakkoo fi gadadoon duniyaa tanaa adabbii Guyyaa Qiyaamatiin wal bira yoo qabamuu xiqqaa akka ta’etti ilaalun obsaa fi jajjabinna dabalatu. Guyyaa Qiyaamatti akka hin amanne wantoonni baay’en ilma namaatti shakki naqu. Wantoota shakkii namatti naqanii fi akkaata itti ittisan gara boodatti kan ilaallu ta’a. Mee shakkii Guyyaa Qiyaama qulqulleefanne qalbiin teenya tasgabboofte daandii jijjirama irra akka adeemtuf, keyyatoota Qur’aanaa muraasa haa eerru. “Dhugumatti, Qiyaaman dhuftuudha; ishee keessaa shakkiin wayitu hin jiru. Ammas dhugumatti Rabbiin namoota awwaala keessa jiran hundaa ni
  • 33. 33 kaasa.”Suuraa Hajji 22:7 “Qiyaaman dhuftuudha, ishee keessaa shakkiin/mamiin wayitu hin jiru. Garuu irra hedduun namootaa hin amanan. Suuraa Al-Gaafir 40:59 “Ni jedhus:”Sila nuti erga duunee lafee fi bututaa(tortoraa) taanee booda uumama haarawa taanee kaafamoodhaa?” (Yaa Muhammad) jedhiin, “Dhagaa yookin sibila ta’aa. Yookiin uumama qoma keessan keessatti kaafamuun guddatus ta’aa (kaafamuun keessan hin hafu)”. Ergasiis “Eenyutu nu deebisa” jedhu. “Isa yeroo jalqabaa isin uumedha” jedhiin. Mataa isaani sitti raasuf jiru. Ni jedhus” inni suni yoomi ree?” “Dhihoo ta’uun mirkanaa’adha.” jedhiin. Guyyaa Inni isin waamnan, isin Isa
  • 34. 34 faarsaa awwaattanii, yeroo gabaabaa malee turuu dhabuu yaaddan (ta’uu mirkanaa’e). “Suuraa Al-Israa 17:49-52 Mallatoolle Guyyaa Qiyaamaa keessaa muraasa mee haa eerru: Abu Hureeyran Ergamaa Rabbii(SAW) irraa akkana jechuun gabaasan: “Beekumsi (du’a aalimtootatin) ni bada, wallaalummaan fi fitnaan(rakkoo fi gadadoon) ni babal’atu,Harj ni baay’ata. Ergamaan Rabbii(SAW) akkana jedhamanii gaafataman,”Yaa Ergamaa Rabbii ‘Harj’ maalidha?” Harka isaanitin akeekun ‘Ajjeechadha” jedhanii deebisan. “ (Sahih Al-Bukhari Kitabul İlm- Jildii 1ffaa Hadiisa lakk. 85 Hadiisa biraa yoo nan dabala jedhe barreefamni ni dheerata. Kanaafu mallatoolle guyyaa Qiyaama yoo
  • 35. 35 barbaaddan CD Yaasin Nuuru fi kan biroo dhageefachuu fi kitaabota dubbisuu dandeessu. Akeekachiisa cimaa warroota Guyyaa Qiyaamatti/Aakiratti hin amanneef “Warroota Aakiratti hin amanne immoo adabbii laaleessaa ta’e isaanif qopheessine jirra.” Suuraa Al-Israa 17:10 “Sila malaykonni isaanitti dhufuu yookiin Gooftaan kee dhufuu yookiin gariin mallatoolee Gooftaa keeti dhufuu malee homaa hin eeganuu? Guyyaa gariin mallatoole Gooftaa keetii(kana jechuun mallatoolee guyyaa qiyaama kan akka aduun dhihaan bahuu,dajjaal dhufuu fi kkf) dhufan lubbuun san dura hin amaniin yookiin imaana(faith) ishee keessatti toltu hin hojjatin malee
  • 36. 36 iimaanni ishee homaa ishee hin fayyadu. “Isin eegaa;nuti eegodha.” jedhiin. Suuraa Al-An’aam 6:158 Erga waa’ee jireenya boodaa ykn Guyyaa Qiyaama hangana jenne dhufiinsa guyyaa Qiyaama shakkuun hasaasa sheyxaanati fi baleeqessa addunyaa tanaatirra madda. Gara shakkii itti aanutti haa dabarru. 3.Shakkii Kasaaru Daandii jijjiramaa irra akka hin adeemnef gufuun biroo immoo shakkii kasaaruti. Yoo akkana godhe nan kasaaraa natti haa hafu jedhanii yaadudha. Namni gootummaa fi ijannon wanta jalqabe tokko hanga bu’aa isaa beekutti kasaare dhiise duubatti kan hin deebineedha. Kaayyoo keenya ol’aanaa armaan olitti tumanne fi kan isaa gadii bakka akka hin geenye sheyxaanni sodaa kasaaru nutti naqa. Yoo akkana goote ni
  • 37. 37 kasaarta sitti haa hafu nun jedha. Hasaasa sheyxaana kan waa’ee kasaaraa nutti hasaasu keessa muraasa haa eerru. “Amma dargagumma keetti bashananii,yeroo gara dulummaa deemte saalaatta; sadaqaa hin kenniin mallaqni si jalaa hir’ataa; barnoota amantii yoo baratte barnoota kaan ni dhabda; Islaamaf yoo qabsoofte/carraaqte qabeenya dhabda yookin hiyyeessa taata; Hijaaba yoo uffatte namni si tufata,si qeeqan; fi kkf jechuun diinni keenya sheyxaanni fi gargaartonni isaa fiixe kabajaa fi milkaa’inna irra akka hin geenye gufuu badii nu funduratti dhaaban. Gufuu kanniin buqqisne gara jijjiramaatti tarkaanfachuu kan danda’u mataa keenya fi mataa keenya qofa. Eenyullee dhufee gufuu fi qoree kanniin buqqisee ‘koottu daandii habaabon afamerra deemii’ kan nun jedhu hin jiru.
  • 38. 38 Sheyxaanni sadaqaa akka hin kenninee hiyyumaan nama sodaachisun garuu bakka kanaa wanta fokkataa maallaqa saniin akka hojjatan nama ajaja. “Sheyxaanni hiyyummaan isin sodaachisa, wantoota fokkataattis isin ajaja. Rabbiin garuu araaramaa fi tola Isa biraa ta’e waadaa isiniif gala. Rabbiin kenni isaa bal’aa, beekaadha. “Suuraa Al-Baqaraa 2:268 Shakkiin maalirraa maddaa? Shakkiin wantoota gurguddaa sadii irraa madduu danda’a. Isaanis; 1.Beekumsa gadi fagoo dhabuu– namni beekumsa yoo hin qabaatin jireenyi itti naannofti. Dhugaa fi soba addaan baafachun itti ulfaata. Maddii beekumsaas murteessadha. Maddii beekumsaa namoota
  • 39. 39 daandii qajeelaa irra jallatan yoo ta’ee akkasuma nama jallisa. Sobaa fi dhugaan walitti naqame/makamee nama dhiphisa. Kanaafu shakkii armaan olii fi kan biraa irraa qulqullaa’uuf maddii beekumsa Qur’aana fi Hadiisa Ergama Rabbii (SAW) ta’uu qabu. Kana yoo jennu kitaabota Qur’aana fi Hadiisa ragaa godhatanii fi daandii sirrii irraa kan hin jallannee ta’anii barreefaman akka madda beekumsatti itti fayyadamuu hin dandeenyu jechuu keenya miti. Fakkeenyaf Tafsiironni Qur’aana hiika Qur’aana nu addeessun shakkii keenya nurraa qulquleessu. Beekumsa karaa adda addaatin barbaadun shakkii keenya qulqulleessu dandeenya. Gara masjiidota deemun da’awa irratti hirmaachu,vidiyoo fi odiyoo aalimoota daawwachuu fi dhageefachuu,kitaabota dubbisu. Of eeggannoo wanti gochuu qabnu tokko namni ykn maddii beekumsa irraa
  • 40. 40 argannuu sirrii fi daandii Qur’aanati fi hadiisaa irraa kan hin jalanne ta’uu qaba. Namoota bid’a(amantii keessatti wanta haarawa uumame) hordofuu fi beekumsa isaanirraa barbaadun of jaamsu fi shakkiin dhiphachuudhaa malee qajeelu miti. Kanaafu namoota fi kitaabota bid’aa hordofan irraa fagaachudha. 2.Cubbuu keessa daakuu- cubbuun ifa beekumsaa dhaamsun dukkana wallaalumatti nama gata. Cubbuun diina/aduwwii beekumsaati. Qalbii shakkii fi wallaalummaan gurraachesuun dhugaa fi soba addaan akka hin baafanne nama godha. Ijji cubbuutti rakkattu akkamitti ifni beekumsa itti seenaa yoo cubbuu san dhiisu hin yaalin malee? Cubbuun qalbii haguugun akka sibilaa dandee’essa. Abu Hureeyran Ergamaa Rabbii(SAW) irraa
  • 41. 41 akkana jechuun gabaasan: “Yommuu gabrichi cubbuu raawwatu tuqaan gurraatin qalbii isaa irratti mul’atti. Yoo inni cubbuu san dhiise, araarama barbaade fi towbate(gara Rabbii deebi’e), qalbiin isaa ni qulqullofti. Yoo inni garuu (cubbuu sanitti) deebi’e tuqaan gurraatin qalbii isaa guutuu haguugdi. Sun kan Rabbiin jedhe, ‘Ran’ idha.” (Jami at-Tirmizi gabaafame) “Ifti imaanati fi dukkanni cubbuu bakka tokko ta’u hin danda’an.” Kanaafu namni shakkii ofii qulqullefate daandii jijjiramaa irra adeemu barbaadu, cubbuu irraa haa fagaatu. 3.Balaqeessa duniyaatin sobamuu fi hasaasa sheyxaanaa- balaqeesni duniyaa yoo namatti baay’atte ija jaamsa, qalbii dukkaneessa yoo namtichi beekumsa gadi fagoo qabaate irraa of hin tiiksin. Duniyaan
  • 42. 42 tuni badde Qiyaaman waan dhaabbattu itti hin fakkaatu. “Jiraachu guyyaa Qiyaamatti hin amanu” jedha. İlma namaa kamiifu fakkeenyaa fi baruumsa akka ta’uuf Rabbiin Qur’aana keessatti namoota lama nuu eera. Tokko kan qabeenya baay’ee qabuu garuu imaana kan hin qabne fi kan biraa immoo qabeenya xiqqaa kan qabu garuu imaana kan qabu turan. Namticha jalqabaatti Rabbiin oyruu timiraa lama itti kenne. “(Oyruun tun)Isaaf firii godhatte hiriyyaa isaatittii odoo haasa’uu “Anatu qabeenyan si caala;gosaanis sirra jabaadha”jedheen. Haala lubbuu isaa miidhaa ta’ee oyruu isaa seenee ni jedhe:”Ishiin kun gonkumaa ni baddi jedhe hin yaadu. Qiyaamaanis ni dhaabbatti hin yaadu. Dhugumatti yoon gara Gooftaa kiyyaa deebifame ,iddoo deebii kan isa caaluun argadha.”
  • 43. 43 Hiriyyaan isaas kan isaan haasa’u ta’ee ni jedhe: “Sila ati isa biyyee irraa,ergasii bishaan saalaa irraa si uumee,ergasii nama guutuu si godhetti kafartee? Ani garuu Inni Rabbiin Gooftaa kiyya; ani Gooftaa kiyyatti tokkollee hin dabalu. Yeroo oyruu kee seentu “Waan Rabbiin fedhetu ta’a;Rabbiin malee humni naaf hin jiru” maaliif jechuu dhiiste! Yoo ana horii fi ilmaaniin sirra xiqqaa ta’uu na agartes.” Suuraa Kahf 18:34-39 Karaa biraatin immoo sheyxaanni ilma namaatti hasaasun shakkii qalbii isaanii irratti facaasa. Qalbii isaani dukkaneessun dhugaa soba fakkeesse,soba dhugaa fakkeesse itti agarsiisa. Kanaafu hasaasa isaatirraa eeggamuuf: 1. “Yaadota babbadoo waa’ee amantii ofii sheyxaanni qalbii namatti darbuu dhiisu fi
  • 44. 44 irraanfachuu. Yaadota gaariin of ko’oomsu. 2. Sheyxaana abaarrame Rabbitti mangafachuu;A’uz billahi mina sheyxaani rajiim jechuu. 3. Jechoota kana jechuu “Rabbii fi Ergamaa isaatti amane.” 4. Suuratul İklaas qara’uun gara bitaatti yeroo sadii tufuun A’uz billahi mina sheyxaani rajiim jechuu “ Youth problems By Shek Muhammad Salih al-useymiin page 49 irraa fudhatame. Asitti tufuu yoo jedhamuu hancufa gadii dhangalaasu yookin ciriqachuu osoo hin ta’in copha hancufaa “tu,tu” jechuudha. Keeyyatoonni Qur’aana afaan Oromootin website kanarratti dhihaatan “Hiika Qur’aana Kabajamaa Afaan Oromootin” Mana maxxansaa Najashitin kan maxxanfamee fi Sahih International English
  • 45. 45 translation of The Holy Qur’an irraa kan fudhatamaniidha. Daandiin Jijjirama asirratti hin dhaabbannee itti fufa Insha Allah.. Hubachiisa: Keeyyatoota Qur’aana armaan oli keessatti Rabbiin ‘Nuu,Numa, Keenya’ yeroo jedhu baay’inna agarsiisuf osoo hin taane kabaja fi guddinna Isaaf malu agarsiisufi. Rabbii guddaa dhiisati mootiin biyya tokko bulchuu, ‘Nuti akkas goone…’ jedhe maqdhaala baay’inna fayyadama. Hatta Barreessan tokko kitaaba ofii keessatti,’Mata duree kana bal’innaan ibsinee jirra,ni ibsina..’ ofiin jedha. Kanaafu bakka kanatti ‘Nuu,Numa fi Keenya’ maqdhaala baay’inna osoo hin ta’iin kan kabajaa fi guddinaati. Rabbiin tokkicha kan shariika/hiriyyaa wayitu hin qabne,Guddate guddinna Isaaf malu.
  • 46. 46 DAANDII JIJJIRAMAA-KUTAA 3FFAA Daandii jijjiramaa itti fufuun har’as imala keenya karaa sirri qabanne deemna. 1.Olguddisii yaadi– Amala ilma namaa horii irraa isa adda godhu keessaa tokko ol guddisee yaadudha. Rabbiin dandeette ilmi
  • 47. 47 namaa yaade dhugaa fi dhara addaan baasu itti kenne jira. Sammuu isaatti fayyadamuu fi dhiisun mirga isaati. Namoonni ol guddisanii yaadanii fi galma guddaa gahuuf carraaqan Rabbiin bakka san isaan dhaaba. Kan sammuu ofiti osoo hin fayyadamiin yeroo hundaa gara gadii yaadu immoo achumatti hafa. Namoonni addunyaa tanatti wanta guddaa hojjatanii aakiratti mindaa guddaa argatuuf carraaqan seenan haa lakkaa’u. Yaanni isaani yeroo hundaa gara gadiiti mitii gara ooliti. “Akkamitti nama guddaa akkasii ta’a” jedhanii yaadu fi dharra’uudha. Ashaaraa akkamii dhiise addunyaa tanarraa darbuun qaba jedhanii of gaafatu. Hojii akkamitiin Rabbii kiyya qunnama? Jedhanii dhiphatu. “Qabeenyan yoo namoota waliin of bira qabdu,namoota sii gadii hiyyeeyyi ta’an ilaalii Rabbii galata galchii,wanta qabdutti gammadi,quufi. Yommuu Taqwaa(sodaa Rabbii),beekumsaa
  • 48. 48 fi gaarummaan namoota waliin dorgomtu namoota taqwaan,beekumsaa fi gaarummaan si caalaan ilaali akka isaani ta’uuf hawwi,carraaqi.” “Osoo gabayaan jiruu fi dandeetti waa bitachuu qabduu, mataa keeti bitadhu (hojii gaggaarii hojjachuun).” Imaam Ibn Al-Qayyiim Taqwaan,beekumsi fi gaarummaan gingilchaa namoota addaan baasaniidha. Namni qabeenya hanga fedhe qabaate yoo taqwaa,beekumsa fi gaarummaa hin qabaatin dhukkuba dhipinnaa fi gadadoo malee wanta biraa isaa hin buustu. Namoota si oolii seenaa isaanii qo’achuu fi qorachuun akka isaani ta’uuf hawwi. Hawwuun qofti akka isaani si godhuti akka isaan carraaqanitti atillee carraaqi. Akkuma
  • 49. 49 olguddiste yaaddu fi abdiin kee cimaa adeemun jireenyi dukkanooftun siif ifaa adeemti. “InshaAllah nama akkanaa ta’uun qaba” jette akkuma yaaddu fi hojii namticha sanii ilaala adeemtun afuurri dandeetti waa hojjatuu danda’uu fi galma guddaa gahuu si keessatti uumama adeema. “Aboo ani nama akkanaa ta’uun barbaada.” jechaa carraaqi gochuu jalqabda. Seenaa namticha kana qofaa miti namoota duraan gadhee turanii fi ergasii taqwaa,beekumsaa fi gaarummaan of faayanii qo’atta. Sana booda “edaa anis nama akkana ta’uu nan danda’a, maaltu na dhowwa?”jette yaadu fi hawwuu jalqabda. Abdii fi hawwii kee kan dukkaneessan yaadota negaativii keessaa fi alaa ofirraa ittisii. Keessi kee “hin dandeessu,ni kufta,wanta/humna akkana hin qabdu,fi kkf” siin jedha. Keessi kee cubbuu fi hanqinna kee si yaadachisuun akka gara olii
  • 50. 50 hin yaadne si hin godhin. Cubbuu kee tobwaan(gara Rabbii deebi’uun) ofirraa dhiqii irraanfadhu. Hanqinna kee immoo suuta suutan sirreessu akka dandeessu abdadhu. Yeroon ati nama gaarii itti taatu dhihoo akka ta’ee hin irraanfatin. Kanaafu cubbuu fi hir’inna kee yaadachuun fiixe milkaa’innaa irraa duubatti of hin harkiisin. Hanga feete cubbamaa fi nama gadhee yoo taate abdii nama gaarii ta’u ofirratti hin dukkaneessin. Sodaa Rabbii fi gaarummaa horachuuf guyyaa guyyaan carraaqi godhi. “Bakka jirtutti wanta qabduun wanta dandeessu hojjadhu.” -Roosvelt Kan alaa immoo namoota gara gadii malee gara olii hin yaannetu si summeessa. “Aboo gootni keenya ambaa nama akkanaa ta’uuf carraaqa,ofuu hin jijjiree nama jijjirtaa,fi yaadota kana fi kan kana fakkaataniin si
  • 51. 51 laamshessu,dandeetti kee baqsu. Namoota akkanaa gurra itti hin kenniin. Sammuun kee qaaliidha bakka jechoota isaanii itti kuufatu hin qabu. Yaada fi jechoota isaani dagadhu. Isaan irraayis fagaadhu. Guyyaa tokko wanti isaan yaadanii fi jedhan soba akka ta’e itti agarsiista. Ol guddistee yaadun kee fi nama gaarii ta’uuf carraaqun kaayyoo kee ol’aanaa san galmaan gahuuf si gargaara. 2.Ijjannoo- Erga olguddistee yaadde booda kaayyoo keetirratti ijjannoo fi murannoo barbaachisa. Wanta qabaterraa hanga dhumaatti irraa deebi’uu akka hin qabne gatii fi wareegama kafalamuu qabu akka kafaltu of amansiista. “Garaagarummaan namoota suuraa isaani caalaa ijjannoo isaani irratti kan hundaa’edha.” jedhu imam
  • 52. 52 Ibn-Al-Qayyiim Itti fufinsa kaayyoo keetitiif dhaabni kee sirritti jabaachu qaba. Ajaja Rabbii hordofuu fi wantoota Inni idhowwii irraa of ittisuuf ijjannoo fi murannoo cima barbaaachisa. Hojii tokko yeroo jalqabnu garmalee mirqaanne jalqabuu dandeenya. Haa ta’uu malee akkuma yeroon darba adeemun fedhiin keenyas kan duraa caalaa hir’ataa adeema. Dhumarratti dhaabutu dhufa. Akka akkana hin taanef ijjannoo ofii cimsuun baay’ee barbaachisadha. Karaa adda addaatin ijjannoo keenya cimsuu dandeenya. Karaan nuti ijjannoo keenya ittiin ciimsinuun inni guddaan beekumsa. Qur’aana hiika isaa waliin dubbisuu fi qo’aachun ijjannoo baquuf adeemu jabeessa,afuura kakaasa. Seenaa namoota darbanii dhageefachuu fi
  • 53. 53 dubbisuun ijannoo keenya daran cimsa. Wanta irraanfatamuu hin qabne ijjanoo fi niyyaan keenya jalqaba irratti hanga fedhe haa laafu, yoo hojii keenya hojjachuu itti fuufne ijjannoo fi Niyyaan keenya ni cima. “Yeroo dheeraf humna kan hin qabne turte. Kanaafu niyyaan kee sirritti yoo qajeele ifni ijjannoo keeti ol faagate sitti mul’ata” jedhu imam Ibn-Al-Qayyiim 3.Yeroo keetti sirnaan fayyadamii– Yeroon kee jireenya keeti. Galma gahuun kaayyoo keeti yeroo kee irratti hundaa’a. Yeroon takka si dabarte gonkumaa duubatti hin deebitu. Osoo duuti sitti hin dhufin wanta bitachuu dandeessu har’a bitadhu,karaa dheeraa saniif galaa qopheefadhu. Akkuma Imam Ibn Al-Qayyiim jedhan:
  • 54. 54 “Har’a milkaa’inna bitadhu osoo gabayaan jirtu,gatiin kafalamuu fi meeshaa rakasaa osoo ta’ee jiru. Hanga gabaaya fi meeshaan argamuu hin dandeetti hin eegin” Kana jechuun dhukkubni,jaarsummaan,duuti osoo sitti hin dhufiin yeroo kee hojii gaggaari hojjachuun saamadhu. Guyyaan Qiyaama guyyaa hojii gaarii itti hojjatanii of baraaranii miti. Har’a yeroon wanta hojjatachuu dandeessu hojjadhu osoo Qiyaaman sitti hin dhufin. Guyyaa Qiyaama meeshaa bitattus,gatii kafaltus hin qabdu. Har’a yeroo kee saamadhu,bakkuma argitetti hin guubin.Qaruute ta’ii. Dhugumatti addunyaa lamaani hojjatachuun yeroon keenya nu geessi. Yeroon akkanumaan interneeti,haasawa faaydaa hin qabne fi kkf irratti dabartu madaalle beeknaa? Akkuma xiyyii sa’aati naannoftuun duuti nutti dhihaata akka
  • 55. 55 jirtu,faayilin hojii keenya cufamuuf deemaa akka jiru yaanne beeknaa? Maarre faayilii keenya hojii badaa irraa haaqne dalagaa gaggaarii irratti barreessuf har’a yerootti sirnaan yoo fayyadamneedha. Yeroo keenya qoqqoonne fi saganteessinee fayyadamuun galma guddaa gahuu ni dandeenya. Guyyaa guyyaan maal hojjachuu akka qabnu barreessu fi saganteessudha. Yeroon hin saganteefamne yeroo barakaa hin qabnedha. Osoo homaa hin dalagin bakkuma argiteetti gubatti. 4.Rabbitti hirkachuu fi Du’aayi– Ilmi nama dhugumatti dadhabaadha(da’iifa). Dandeetti isaa qofaan wanta hamaa tokko ofirraa deebisuu hin danda’u wanta gaariis hojjachuu hin danda’u. Gargarsa isa barbaachisa. Maddi gargaarsa irraa argatuus murteessadha. Aakiraa duniyatti
  • 56. 56 galma guddaa gahuu yoo barbaadde nama gargaaru kan hin hifanne Rabbii kee gaafadhu. Ilma namaa gargaarsaf yoo gaafatte si hifata,ijaan si arguu hin barbaadu. Garuu Rabbiin gargaarsaf nama isa kadhatu ni jaallata. Nama isa hin kadhanne ni jibba. Daandiin ani irra adeemu dheeradha jette duubatti akka hin deebine abdii daandii san caalaarra dheeratu qabaatu qabda. Abdiin kee Rabbirratti hirkachuudha. Yoo sirritti fi karaa sirriitin carraaqxe daandiin hanga fedhe haa dheeratu galma san gahuu akka dandeessu amanamummaa fi abdii kee guutuu Rabbirra kaa’udha. Yeroo hundaa milkiin Rabbirraa akka ta’e beeku qabda. Milkaa’inna argatteef of aja’ibsiifachuu hin qabdu. Kana irra Rabbii galata yoo galchitee milkii san caaltu Rabbiin sii kenna.
  • 57. 57 “Guyyaan ati wanta addaa tokkoo galmaan gahee jette dhaadattu guyyaa afuurri keessa keeti du’eedha. Kanaafu carraaqin kee guutuu of gadi qabuun(kasoon) kan guuttamee ta’uun itti fufuu qaba. Yeroo hundaa wanti ati galmaan geesse humna keetin osoo hin ta’in qananii Rabbiin sirratti oole ta’uu isaa yaadadhu;(Rabbii si milkeesse malee humna keetin akka hin taane beeki.)” -Murad Khuram Humna kootin galma guddaa galmaan gahe jira yeroo jette yaaddu gara fuunduratti akka hin tarkaanfanne gufuu sitti ta’a. ammas milkaa’inna dabalataa kan duraa caalu argatuuf humna qabduun carraaqu fi Rabbitti hirkachuu qabda. Daandiin jijjirama ati irra deemtu daandii qoree fi mucucaati. Kanaafu akka küfte achitti hin hafne yeroo hundaa Rabbiitti
  • 58. 58 iyyatuu qabda. Sheyxaanni ijjannoo kee laamshesse akka si hin kuffisne “Yaa Rabbii badii sheyxaanatirraa na tiksii” jette Rabbiitti iyyatu qabda. Wanti na dinqisiisus namoonni salaata erga salaatanii booda zikriis du’aayis osoo hin godhatiin olka’anii fiigu. Akkamitti Rabbirraa fiignaa osoo harka jala hin qabatiin hiyyeeyi waa hin qabne fi cuubbuu meeqa keessa borcamne osoo jirru? Dandeetti keenya qofaan wanta tokko hojjachuu kan hin dandeenye taane osoo jirru akkamitti olkaane Rabbirra dheessinaa? Na kadhaa isinii deebisa osoo jedhu akkamitti Rabbirraa garagallaa? ُ‫ه‬‫ُﻮ‬‫ﻤ‬ُ‫ﺘ‬ْ‫ﻣ‬‫َﺪ‬‫ﻗ‬ ْ‫ﻢ‬ُ‫ﺘ‬‫اﻧ‬ ۖ ْ‫ﻢ‬ُ‫ﻜ‬ِ‫ﺑ‬ ‫ۢﺎ‬ً‫ﺒ‬َ‫ﺣ‬ْ‫ﺮ‬َ‫ﻣ‬ َ‫ﻻ‬ ْ‫ﻢ‬ُ‫ﺘ‬‫اﻧ‬ ْ‫ﻞ‬َ‫ﺑ‬ ۟‫ا‬‫ُﻮ‬‫ﻟ‬‫َﺎ‬‫ﻗ‬
  • 59. 59 ُ‫ر‬‫َا‬‫ﺮ‬َ‫ﻘ‬ْ‫ﻟ‬‫ٱ‬ َ‫ﺲ‬ْ‫ﺌ‬ِ‫ﺒ‬َ‫ﻓ‬ ۖ ‫َﺎ‬‫ﻨ‬َ‫ﻟ‬ 60. Qaaloo bal antum laa marhabam bikum; antum qaddamtumoohu lanaa fabi’sal qaraar “Gooftan keessan ni jedhe “Na kadhaa isiniifan awwaadhaa. Dhugumatti warroonni ana gabbaruu irraa boonan salphattoota ta’anii Jahaannam seenuf jiru.” Al-Gaafir 40:60 Daandii qajeelaa qabanne irraa akka hin dabne,taqwaa,beekumsii fi gaarummaan keenya akka nu dabaluu du’aayin(Rabbiin kadhachuun) irraanfatamuu wanta hin qabneedha. Rabbitti hirkachuu fi du’aayin furtuu milkaa’innaati. Namni gargaarsa fi eeggumsa Rabbii halkanii guyyaa kadhatuu akkamitti kufaa?
  • 60. 60 Du’aayin teenya fudhatama akka qabdu yoo barbaanne hidda onne jalaati kadhachuu fi deebii Rabbirraa hanga argannuu obsuudha. Rabbiin inuman kadhaa deebii hin arganne jechuu hin qabnu. Wanta Rabbiin kadhannu argachuu akka dandeenyu abdataa kadhachuu qabnaa malee shakkaa hin argadhu jenne kadhachuu hin qabnu. Wanti kadhannu afaanirraa osoo hin ta’iin “Yaa Rabbii…” jenne hidda onnee jalaa kadhachuu qabna. InshaAllah yeroo san du’aayin teenya deebii argatti. Du’aayiwwan babareedo fiixe milkaa’innaati ol nu fuudhan keessaa muraasa mee haa eerru: “Gooftaa keenya duniyatti toltu,Aakhirattis toltuu nuuf keenni. Adaba ibiddaa irraa nu baraari.” Suuraa Al-Baqaraa 2:201
  • 61. 61 “Gooftaa keenya erga nu qajeelchitee booda onnee keenya dhugaa irraa hin jallisin. Si biraas rahmata nuuf kenni.Dhugumatti Ati akkaan kennaadha.” Suuraa Ali-Imraan 3:8 “…Gooftaa keenya badii keenya nuuf araarami;hamtuuwwan keenyas nurraa harcaasi;warra qulqulluu wajjiinis nu ajjeessi.” Suuraa Ali-Imraan 3:193 “Gooftaa keenya waan ergamtoota Kee irratti waadaa nuuf seente nuuf kenni. Guyyaa Qiyaamas nu hin salphisin. Dhugumatti Ati waadaa hin faallesitu. “ Suuraa Ali-Imraan 3:194 “…Gooftaa keenya obsa nurratti dhangalaasi. Musliimoota godhii nu ajjeesi.”Suuraa Al-A’raf 7:126
  • 62. 62 َ‫ﻚ‬ِ‫ﻨ‬‫ِﻳ‬‫د‬ ‫َﻰ‬‫ﻠ‬َ‫ﻋ‬ ‫ِﻲ‬‫ﺒ‬ْ‫ﻠ‬َ‫ﻗ‬ ْ‫ﺖ‬‫َﺒ‬‫ﺛ‬ ِ‫ب‬‫ُﻮ‬‫ﻠ‬ُ‫ﻘ‬ْ‫ﻟ‬‫ا‬ َ‫ﺐ‬‫َﻠ‬‫ﻘ‬ُ‫ﻣ‬ ‫َﺎ‬‫ﻳ‬ “Yaa Kan qalbii Jijjirtuu hoo! qalbii koo Diinii(amantii) kee irratti gadi dhaabi.” Jami` at-Tirmizi 3587 5. Sabrii-Carraaqiin atii guyyaa guyyaan kaayyoo kee guddaa galmaan gahuuf gootu keessatti gufun adda addaa si dhaha. Daandii jijjiramaa irra yommuu adeemtu hadhaa sabrii liqimsuuf qophii ta’ii. Hadhaan kunii guyyaa tokko gara mi’aa fi gammachuutti jijjiramuu akka danda’uu abdataa daandii milkaa’innaa irra adeemi. Namoonni obsuu dhabuu isaani irraa kan ka’e waan baay’ee dhabu. Wanta san argachuuf garmalee jarjaru. Wanti jarjaraan argame immoo turtii hin qabu. Har’a
  • 63. 63 kaayyoo tokko kaayyefatanii xiqqoo erga carraaqanii booda firii isaa yeroma san arguu barbaadu. Kuni gonkumaa wanta hin taane. Wanti carraaqi fi hadhaa sabriitin argamee firiin isaa ni mii’aya.Firiin/bu’aan namoota sirritti carraaqanii fi hadhaa sabrii liqimsani Jannataa miti ree? Firiin kanarra mi’awaa eessatti argama ree? Kanaafu carraaqin nuti daandii jijjiramaa irratti goonu sabriin kan guuttamee ta’uu qaba. Rabbiin namoota sabriin karaa Isaa irratti carraaqan akka qajeelchu waadaa galee jira. Rabbiin waadaa ofii gonkumaa hin diigu; nutu ulaagalee nurraa eeggamuu guutuu dhabee malee. َ‫ﻪ‬‫ٱﻟﻠ‬ ‫َان‬‫و‬ ۚ ‫َﺎ‬‫ﻨ‬َ‫ﻠ‬ُ‫ﺒ‬ُ‫ﺳ‬ ْ‫ﻢ‬ُ‫ﻬ‬‫َﻨ‬‫ﻳ‬ِ‫ﺪ‬ْ‫ﻬ‬َ‫ﻨ‬َ‫ﻟ‬ ‫َﺎ‬‫ﻨ‬‫ِﻴ‬‫ﻓ‬ ۟‫ا‬‫ُو‬‫ﺪ‬َ‫ﻬ‬ٰ‫ـ‬َ‫ﺟ‬ َ‫ﻦ‬‫ِﻳ‬‫ﺬ‬‫َٱﻟ‬‫و‬ َ‫ﻦ‬‫ِﻴ‬‫ﻨ‬ِ‫ﺴ‬ْ‫ﺤ‬ُ‫ﻤ‬ْ‫ﻟ‬‫ٱ‬ َ‫ﻊ‬َ‫ﻤ‬َ‫ﻟ‬
  • 64. 64 69. Wallazeena jaahadoo feenaa lanahdiyannahum subulana; wa innal laaha lama’al muhsineen ”Warroota Nuuf qabsaa’an- dhugumatti karaa Keenyatti ni qajeelchina. Dhugumatti Rabbiin warroota hojiiwwan gaggaarii hojjatan waliin jira.” Suraa Al-Ankabut 29:69 6.Cubbuu irraa fagaachuu fi hojii gaggaari hojjachuu- wanta ilma namaa duubatti harkisuu cubbudha. Kan gara fuundarratti oofu immoo dalagaa gaggaariidha. Kaayyoo kee galmaan gahuuf guyyaa guyyaan wanta dandeessu dalagi. Carraaqin guyyoota baay’ee yoo walitti kuufame gamoo milkaa’innaa ijaaru. Akkuma wanta xixxiqoo hojjattuun walitti kuufamte wanta guddaa si taati. “Damla damla göl olur.” Jedhu Turkoonni. Hiikni
  • 65. 65 isaa “Bishaan cophe cophee haroo ta’a.” Hojiin xixiqoon ati har’a facaastu walitti kuufamte boru sii guddati. Hojii kamiyyuu xiqqaa jette hin tufatin. Xiqqeenyi sanyii guddinaati jedhama. Kana jechuun wanti hunduu xiqqaa irraa ka’a. Akkasumas,cubbuun nuti xiqqoo jenne tufannu guyyaa tokko walitti kuufamte akka xaaraa manaa nuratti jigdi. Cubbuu xixiqoo irraa of qabuuf yoo hin carraaqin,cubbuu gurguddaa irraayis of qabuun garmalee nutti ulfaata. Cubbuuwwan/diliwwan xixiqqoo irraa yoo of qabne gurguddaa irraayis of qabun nutti hin ulfaatu. Cubbuun tee rahmata Rabbii irraa abdii akka si hin kuchisiisne fi baay’atun hojii gaggaari kee of ajaa’ibsiifachuun rahmata Rabbii keessaa akka si hin baasne of eeggadhu. “Yaa Rabbii cubbuun teenya nu balleessu fi hojii
  • 66. 66 gaggaarii keenyan of tuulu irraa nu tiksi.”jedhi kadhu. 7.Boqonnaa qabaadhu,karaa madaalama hordofii- daandii jijjiramaa dheeraa kana irra deemte iddoo gahumsaa kee gahuuf gaaddisa jala teette hafuura baafachuu si barbaachisa. Guyyaa tokkon utaalen achii gahaan kufuudha. Guyyaa tokkoon amala kiyyaa hundaa jijjiruun qaba,beekaa ta’uun qaba jette yoo kaate ni kufta. Kanaafu suutaa fi daandii madaalamaa hordofuu si barbaachisa. “Yommuu Rabbiin wayiti nama ajaju sheyxaani karaa lamaan nama gowwoomsa. Yookaa namticha laamshoo(dadhabaa) taasisu fi hojii gaggaari akka hin hojjanne godhu yookiin immoo dhaadhessuu fi daangaa akka darbu gochuun sheyxaanni nama gowwomsa. Dhugumatti amantiin
  • 67. 67 Rabbii nama dadhabaa fi daangaa darbu jiddutti madaallamaadha akkuma sulula gaarren lamaan jiddu. Namni ajaja Rabbii irraa laafe fi duubatti harkifate,ajaja san qisaasse jira. Namni daangaa darbees ajaja san qisaasse ykn balleesse jira. Kan jalqabaa minimam limitii(daangaa xiqqaa) guutu dhiisu isaatin. Kan lammataa immoo maksimum limiti(daangaa ol’aanaa) darbuu isaatin ajaja qisaasesse/balleesse.”Imaam Ibn Al-Qayyim(Rabbii rahmata isaa haa godhu) Keeyyata armaan olii yoo ibsinuu sheeyxaanni fedhii waa hojjachuu nama keessatti ajjeessun namtichi ajaja Rabbii akka hin hordofne fi itti hin bulle godha. Karaa biraatin immoo fedhii garmalee nama keessatti bobeessun daangaa Rabbiin kaa’ee akka darbu godha. Islaamni kanniin lamaan irraa adda ta’uun daandii madaalamaa fi
  • 68. 68 qajeeladha. Kanaafu daandii qajeela kanarra yoo adeemnu osoo garmalee ofitti hin jabeessinee fi dhumarratti hifanne akka hin dhiisne boqonnaa nu barbaachisa. Karaa madaalama Nabiyyana Muhammad(SAW) fi sahaboonni isaa irra deemanirra deemutu fiixe milkaa’inna irra nu ijjachiisa. Karaa biraatin immoo laamshoo taane Islaama hordofuu irraa duubatti jechuu hin qabnu. Utubaa Islaama kan ta’e salaata,takka salaata takka dhiisaa akkamitti addunyaa aakiratti milkoofnaa? Yaadannoo Dhumaa Daandiin jijjiramaa daandii dheeradha. Carraaqqi dhugaa,fedhii keessaa burqu,Rabbitii hirkachuu, du’aayi fi sabrii
  • 69. 69 gochuu barbaachisa. Daandii kanarraa yoo adeemnu galaa beekumsaa gudunfachuu qabna. Wantoota daandii kanarraa nu dabsan beekuf beekumsi(ilmiin) murteessadha.Of jijjiruuf yeroo hundaa beekumsa nu barbaachisa. Of jijjiruun adeemsa suuta suutati malee wanta sakandii takkatti raawwatamuu miti. Nama Rabbiin sodaatu fi gaarummaa qabu ta’uuf hanqinna fi cubbuu keenya qorachuun guyyaa guyyaan sirreessuf carraaqudha. Fakkeenyaf torbii yookiin ji’a yookiin waggaa kana keessa amala of tuulu yookin amala badaa kiyya tokko nan sirreessa jenne yaadun ergasii sirreessuf carraaqudha. Daandiin jijjiramaa uffata amala gadhee fi wallaalummaa ofirraa baasanii uffata taqwaa,beekumsaa fi gaarummaa ofitti diirudha. Uffata kana jijjirachuuf suuta suutan,malaan,sabriin,beekumsaan adeemu
  • 70. 70 qabna. Yoo akkana goone fedhii Rabbiitin kaayyoo guddaa keenya gahuu ni dandeenya. Daandii jijjiramaa asumarratti xumuramee jira. InshaAllah hanga barruu biraatin walitti deebinutti Assalamu aleykum warahmatullahi wa barakaatuh Alhamdulillah gargaarsa Rabbiitin hojii keyrii hojjanna. Yaa Rabbii Ati nu milkeesse. Yaada keessaniif: sammubani@hotmail.com