Se ha denunciado esta presentación.
Se está descargando tu SlideShare. ×

Mammaaksota hubachuu fi hiikuun

Anuncio
Anuncio
Anuncio
Anuncio
Anuncio
Anuncio
Anuncio
Anuncio
Anuncio
Anuncio
Anuncio
Anuncio
Cargando en…3
×

Eche un vistazo a continuación

1 de 11 Anuncio

Mammaaksota hubachuu fi hiikuun

Descargar para leer sin conexión

Kaayyoo barreeffama tana Mammaaksota yeroo itti fayyadamnu ergaa isaa akkamitti akka
hubachuu fi hiikachuu qabnuun wal qabatee qabxiilee tokko tokko yaadachiisuudha. Keessattuu,
yeroo ammaa yeroo itti fayyadamiinsa ogafaanii keessaahuu kan Mammaaksaa laafaa dhufe
kanatti, namoonni tokko tokko yoo mammaaksi itti mammaakame haalli ergaa isaa hubachuu
dhabuu kan mul’atuudha. Kana malees, haasaa taasisu keessatti mammaaksaa fi dubbii wal
qunnamsiisee itti fayyadamuu keessattis laafinni jiraachuu danda’a. Kanaaf, qabxiileen armaan
gaditti kaafamanis, rakkoolee kanneenii fi k.k.f keessatti akka yaada furmaataatti tajaajiluu
danda’u.
Yaa dubbistoota, hanqinni yookiin dogongorri barruu kana keessatti uumames yoo jiraate yaada
kennuu irraa of hin qusatinaa! Dubbisa gaarii!

Kaayyoo barreeffama tana Mammaaksota yeroo itti fayyadamnu ergaa isaa akkamitti akka
hubachuu fi hiikachuu qabnuun wal qabatee qabxiilee tokko tokko yaadachiisuudha. Keessattuu,
yeroo ammaa yeroo itti fayyadamiinsa ogafaanii keessaahuu kan Mammaaksaa laafaa dhufe
kanatti, namoonni tokko tokko yoo mammaaksi itti mammaakame haalli ergaa isaa hubachuu
dhabuu kan mul’atuudha. Kana malees, haasaa taasisu keessatti mammaaksaa fi dubbii wal
qunnamsiisee itti fayyadamuu keessattis laafinni jiraachuu danda’a. Kanaaf, qabxiileen armaan
gaditti kaafamanis, rakkoolee kanneenii fi k.k.f keessatti akka yaada furmaataatti tajaajiluu
danda’u.
Yaa dubbistoota, hanqinni yookiin dogongorri barruu kana keessatti uumames yoo jiraate yaada
kennuu irraa of hin qusatinaa! Dubbisa gaarii!

Anuncio
Anuncio

Más Contenido Relacionado

Presentaciones para usted (20)

A los espectadores también les gustó (18)

Anuncio

Similares a Mammaaksota hubachuu fi hiikuun (20)

Mammaaksota hubachuu fi hiikuun

  1. 1. Mammaaksota Hubachuu fi Hiikuu Muhaammad Abdoo Leenjisoo’tiin Yuunivarsiitii Haramaayaatti B/saa Afaan Oromoo, Ogumaa fi Qunnamtii Ebla, 2016 Kaayyoo barreeffama tana Mammaaksota yeroo itti fayyadamnu ergaa isaa akkamitti akka hubachuu fi hiikachuu qabnuun wal qabatee qabxiilee tokko tokko yaadachiisuudha. Keessattuu, yeroo ammaa yeroo itti fayyadamiinsa ogafaanii keessaahuu kan Mammaaksaa laafaa dhufe kanatti, namoonni tokko tokko yoo mammaaksi itti mammaakame haalli ergaa isaa hubachuu dhabuu kan mul’atuudha. Kana malees, haasaa taasisu keessatti mammaaksaa fi dubbii wal qunnamsiisee itti fayyadamuu keessattis laafinni jiraachuu danda’a. Kanaaf, qabxiileen armaan gaditti kaafamanis, rakkoolee kanneenii fi k.k.f keessatti akka yaada furmaataatti tajaajiluu danda’u. Yaa dubbistoota, hanqinni yookiin dogongorri barruu kana keessatti uumames yoo jiraate yaada kennuu irraa of hin qusatinaa! Dubbisa gaarii! Imeelii: maammeeabdoo@gmail.com
  2. 2. 2 Mammaaksota Hubachuu fi Hiikuu Akka duudhaa hawaasa Oromootti, ergaan mammaaksa mammaakame kamuu nama/oota itti mammaakameef dhiifama. Kan yeroo sanitti dhagahe hundinuu ergaasaa ofumaa hiikkata. Hiikkaan mammaaksa kanaa isa kana/akkana jechuudha jedhamee waliifis hin ibsamu. Haa ta’u malee, galuumsa keessatti erga mammaakaniin booda ‘Akka sanii …’ jedhanii haalli itti wal akeekan, karaa irra itti wal kaahan ni mula’ta. Akkasumas; ‘Akka sanii maal jechuu feete?’ jedhanii wal gaafatuun yookiin mammaaksaan wal sukkuumanii waan jedhamuu barbaadame sana kallattiinis waliif ibsuu baatan, ‘akkana/kana jechuun akkana jechuudha’ jechuu akka danda’an itti wal taasisan ni mul’ata. Fakkeenyaaf, haasaa namoota (Liibanii fi Lataa) armaan gadii keessatti ilaaluu dandeenya: Liiban: Beekaan baar-gamattuu; wallaalaan of jalattuu. Of jalatti …. Lataa: Maal of jalatti dhiisee wallaalaa ta’e yaa beekaa koo? (Aariin fuula walitti guuree) Liiban: Ihii … Si qofaa miti, nu hunduu rakkoo guddaa qabna. “Gowwaan bishaan irra dhaabatee dheebota.” jedhe Oromoon. Lataa: Tokkoffaa wallaalaa … ihii… lama gowwaa (Jedhaa quba isaa laakkahe). Dhiira! Hagana caalaa na haa dhooftuuf si bira hin taa’u. Gowwaa takkuma arrabsan lammaffaa inninuu of arrabsa. Humna si waliin fookkaruun hin qabu. Nagahatti mee… (Jedhee biraa deemuuf futtuq jedhee ol utaale). Liiban: Lataa! Taa’i! (Sagalee olkaasee aariin itti dubbate, itti fufees) Keenna kanuma wal hin dhageennu, afaanitti wal qabna, wal tuffanna, walitti hiiqnee waliin hin mari’annu …. Sitti himu moo sitti hidhu? Lataa! Yaa tiruu koo! Walii galan; alaa galan.” Jedha Oromoon yoo mammaaku. Lataa: Akka sanii … (jedhee mataa sossoose) Liiban: Alaa galuuf … Lataa:Walii qaluurra; walii galuutu caala. Si’ii qalanii osoo na nyaachisanii. Liiban: Duras akkanumaan lafarra burrifte malee osoo na dhageettee, Kanaaf, mammaaksaa fi jechi hayyoota Oromoo kamuu kan xiinxalamuu fi hiikkamu yoomessa galuumsa keessatti mammaakamu sana keessatti. Ergaasaa kan xiinxalee hiikkatus nama itti mammaakame ta’ee; kan inni hiikkatus galuumsa mammaaksichaan wal qabsiiseeti. Sababni isaas, kan mammaakus galuumsa sana keessatti dhimma irratti haasa’aaru sanaan wal qabsiisee waan mammaakuuf.
  3. 3. 3 Gama birootiin, mammaaksi kan jiraatu/mammaakamu yoo haasofni ykn dhimmi itti/keessatti mammaakamu jiraate qofa. Kanumarraa ka’ee, Sahlu Kidaanee (2002:55) yaada akkana jedhu kenna: “Only when there is speech-act, an issue, can mamaksa exist. … it is best understood as a meta-speech; a speech form which comments on a speech-act.” Kunis, mammaaksi kan mammaakamu yoo wanti namni jedhu (gochi dubbii), yoo dhimmi wahii jiraate qofa. Kana malees, mammaaksi uunkaa dubbii ta’ee, kan gocha dubbiirratti yaada kennu tokkootti hubatamuu qaba yaada jedhus ibsa. Jabbiin bifa kormaati; Mammaaksi bifa dubbiiti. Dabalataan, mammaaksa yeroo fi iddoma arginetti yookiin yaadannetti sadarkaa isaa malee hin fayyadamnu. Yaadachuufuu yoomessaa fi dhimmi nuti mammaaksicha itti yaadannu murteessaadha. Kanaaf, mammaaksi nuti mammaaknu yeroo fi iddoo jirru sanaan walqabataa? Dhimma nuti yeroo fi iddoo kenname sanatti ibsuu, hubachiisuu, cimsuu, akeekkachiisu, beeksisuu yookiin barsiisuu barbaanne sana akka nu barbaannetti bakkaan nuuf gahaa? Nuuf mi’eessaa? gaaffilee jedhanii fi k.k.f nuuf deebisuu qaba. Fakkeenyaaf, mammaaksa ‘Dubbiin mammaaksa hin qabnee fi midhaan sooqidda hin qabne hin miidhagu/mi’aawu.’ jedhu keessatti, waa’ee mammaaksaa sooqiddaan wal qabsiifnee ilaaluu dandeenya. Sooqiddi midhaaniif dhama ykn mi’aa gaarii kenna; ni mi’eessa. Kana malees, faaydaalee biroo qabaachuu danda’a. Yoo yeroo itti godhamuu qabuun ala yookiin immoo, hamma itti godhamuu qabuun ala yoo itti godhame midhaan sana dhangaggeessuu, nama jibbisiisuu, akkasumas, miidhaalee biroos fiduu danda’a. Kanaaf, faaydaa inni kennuu qabu qajeellotti irraa argachuuf, yeroo fi akkaataan nuti sooqidda nyaatatti goonu murteessaadha. Erga midhaan nu bira gahee dhagaa lama yookiin sadii keessa buusuu yookiin erga nyaannee fixneen booda akka nama qorsoo boqqollaa/garbuu boonaaf nyaatuutti firii takkaa lama akka takiitti afaanitti of a’uunii miti. Dubartiin cimtuun, nyaata osoo nama biraan hin gahiniin dura yeroo fi iddoo itti godhamutti hagam itti godhuu akka qabdu shallagdee itti gooti. Erga itti gootee boodas haxumaan ganaa irra xaph gootee dhandhamtee ilaalti. Ni mi’eesse moo ni dhangaggeesse? Bishaan bishaan moo midhaan midhaan jechisiise? kan jedhuuf deebii argatti. Kan mammaaksaas haaluma kana fakkaata. Mammaaksi sooqidda dubbiiti. Garuu, akka sooqidda walitti tumamee hurraayee yeroo tokkotti mooqqaa, haxumaa ykn quba lamaan dubbitti hin firfirfamu. Galuumsa mataasaatiin faaydaarra oola.
  4. 4. 4 Kanaaf, mammaaksi ani namaaf dhiheessu ykn namatti mammaaku kun, waan ani dhiheessu/dubbadhu ni mi’eessa moo ni dhangaggeessa? Ni ibsa moo ni dukkanneessa? Dubbii fixa moo dubbii fida? Animmoo dubbii fixuu moo dubbii fiduu yookiin ibsachuu barbaade? kanneen jedhan erga of gaafannee deebii barbaadamu arganneen booda mammaakna. Sababni isaas, ibsi inni kennu karaa sirrii hin taaneen hojiirra ooluu fi wanti ibsamuu barbaadame akka barbaadametti hubatamuu dhabuu danda’a. Kana yemmuu jennu, mammaaksa nuti mammaaknu qofas osoo hin taane, kan nutti mammaakamee/mu hubachuu barbaannus yoo ta’e, haala kanaan yoo ilaalle salphatti hubachuu dandeenya. Gama birootiin, mammaaksa hubachuu keessatti sadarkaaleen gara garaa lama kan jiraniidha: Sadarkaalee hiika kallattii fi dhokataa adda baafatanii hubachuuti. Hiikni Kallattii mammaaksotaa, qindoomina uunkaa xiinqooqaa; caasaa alaa----tartiiba wahii keessatti qindoomina jechootaa; miira walaloo kan inni dura bakka buufameef ta’ee kan osoo baay’ee yaaduu hin barbaachisne ergaansaa hubatamuudha (Valiulytė, 2010; Norick, 1985). Hiikni Dhokataan immoo, yeroo baay’ee dubbiiwwan qolaa, suuressaa fi miseensota ogumaa biroo giddu gala godhatee kan darbuudha. Kanaaf, hiikni dhokataan mammaaksotaa sirritti kan hubatamu irra deddeebi’anii dubbisuun ykn sirritti xiinxaluuni. Haa ta’u malee, galuumsa yookiin yoomessa mammaaksichi hojiirra itti oole bu’uura godhatanii miseensota ogumaa mammaaksichi fayyadame xiyyeeffannoon xiinxaluuni. Kanuma irraa ka’uun, hayyootni hedduun, maalummaa isaa yoo ibsan, mammaaksi uumama isaatiin dachaa ta’uusaa tuqanii dubbisuu akka qabnullee akeekkachiisu (Mangashaa Riqiituu, 1992; Norick, 1985). Akka fakkeenyaatti hiika mammaaksota armaan gadii: Hoo’u! Eeboo abbaa keetii kaahi! Yoo woraanuu hin dandeenye eeboo kee itti argisiisin. Harmatu lama malee, aannan tokkichuma. Dabeessatu lama bula. Kufa irratti kufa; garri jalaa tortora. Naachi Baaro keessaa fi Birbir keessaa bishaan jalaan wal quba qabu. jedhanii fi k.k.f xiinxaluu dandeenya.
  5. 5. 5 Haaluma kanaan, mammaaksota hubachuu fi salphatti yaadannee itti fayyadamuuf, keessattuu, hiika dhokataa hubachuuf hiika dubbii/wwan qolaa hubachuun sadarkaa isa birooti. Sababni isaas, yeedaloo ykn quphata sagalee fi dhawataa (Prosody) caalaa karaalee mammaaksi ittiin yaadatamu, hubatamu ykn mammaaksa ta’uunsaa xiyyeeffannoo argatuun mammaaksichi dubbii qolaa of keessaa qabaachuusaa fi galuumsi, hiika inni kennuun waan walqabatuuf (Garai, K., J., (2001). Kunimmoo, mammaaksi galuumsa irratti hundaa’uun hiika gara garaa akka kennu taasisa. Kanaaf, mammaaksa keessatti miirri dubbiiwwan qolaa caasaa keessa isaa ta’ee, kan yaadni qabatamatti jechootaan hin ibsamne; garuu, kan galuumsaan hubatamuudha. Kana keessattis, akka hayyuun Garai (2001) jedhamu kun kaa’utti, galuumsa haalota irraa; haalota hawaasummaa immoo haalota suuressaa irraa adda baasnee ilaaluu qabna. Haalotni hawaasummaa galuumsa mammaaksonni hojiirra itti oolani. Galuumsa ibsuuf immoo, qabxiilee akka umrii hirmaattotaa, walitti dhufeenya isaan gidduu jiru, waan dubbataan jechuu barbaade, yeroo mammaaksichi hojiirra itti oolee fi k.k.f’niif xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaadha. Faaallaa kanaatiin, Haalli immoo, haalota hawaasummaa fi suuressaa kan of keessatti hammatuu fi walitti dhufeenya dubbiiwwan dachaa ta’e kan waliin hirmaataniidha. i. Galuumsa ii. Haala a. Haala hawaasummaa b. Haala suuressaa Haalli suuressaa haala mammaaksicha mataasaatiin uumamuudha. Kanas Garai (2001: 632) haala hawaasummaa waliin wal qabsiisee akka itti aanutti ibsa: “The imaginary situation is the one built by the proverb itself, and the social situation is the future/hypothetical/real-but-cancelable situation for which the proverb is intended because of its deliberative nature.” Gabaabumatti, hiika mammaaksa tokkoo, keessattuu, hiika dhokataa ta’e hubachuuf dubbiiwwan qolaa hubachuun barbaachisaadha. Sababni isaas, miira mammaaksotaa dhokataa ta’eef murtii kan kennu dubbiiwwan qolaati. Kunimmoo, galuumsa keessatti kan ta’uudha. Mammaaksonni hedduun duudhaa afaaniitiin maddi isaanii kan tuqamuudha. Haalli kunimmoo, mammaaksonni salphatti akka yaadatamaniif, hubatamanii fi dhalootaa gara dhalootaatti yoo darban jijjiiramni guddaan akka irratti hin taasifamneef gargaara. Haa ta’u malee, salphatti yaadatamuu fi hubatamuu mammaaksaa keessatti yeroo baay’ee gahee kan taphatu maloota ogumaa (Rhetorical device--kanneen sagalee irratti hundaa’an) fi maloota seerluga irratti hundaa’an kanneen mammaaksi fayyadamuudha. Isaan kunneenis:
  6. 6. 6 i. Maloota sagalee irratti hundaa’an: Maloota ogumaa keessaa kan yeroo baay’ee mammaaksota keessatti sagalee miidhagsuu fi mammaaksonni salphatti akka yaadatamaniif yookiin hubatamaniif nu gargaaran: Yeedaloo (Rhyme), Deddeebiinsa Sagaleewwan Dubbii, Suuressa fi walqixxummaadha (Russo, 1983). a. Yeedaloo Bo’oowwan walaloo keessatti yeroo jechi xumuraa kan bo’oo 1ffaa fi 2ffaa yookiin 3ffaa sagalee/wwan xumuraan wal fakkaate yookiin walitti dhihaate yeedaloo qaba jenna. Fakkeenyaaf, mammaaksota uunkaa walaloo (Mammaaksota Ogwalaloo) armaan gadii ilaaluu dandeenya: Qabanii itti hasaasanii; Ari’anii biyyaa baasani. Haasaa gara qabu; Nama jala qabu.  Raafuu fixee; Rafuu dide. Hamma namaa hin geettu; Cabsaa namaa hin teettu. b. Deddeebiinsa Sagaleewwan Dubbii Deddeebiinsa Sagaleewwan dubbifamaa fi Namni dhadhaa afaan kaa’an, dhagaa afaan nama kaaa’a. Ni tola jennaan harree qalle; hin tolu jennaan harree ganne, ni tolaa immoo fidaa jennaan dhaqnee dhabne. Deddeebiinsa Sagaleewwan dubbachiiftuu Kan manaa baalaa, alaa gaala. Ijji dhugaa hin laalle, hin argitu.” jedhe ifaan ijaan. Karaaf garaan addaan nama baasa. Duutuun duruu duute, duutee maqaa of fuute. Malaa malli jira, mucaa harmi jira. c. Irra deddeebii jechoota yookiin gaaleewwan bu’uuraa Gaafa dhalte duute, gaafa duute naafa baate. Warri ofii dhiiga ilkaan keessaati; Tokko ni tufani; tokko ni liqimsu. Tokko tokkoo qoricha. Duutuun duruu duute, duutee maqaa fuute.
  7. 7. 7 d. Suuressa Abbaa oorruu jaldeessi keessaa baase. Jaldeessi hin qotu hin bocu. Garuu, yeroo midhaan gahe oorruu dhaqee hanga nyaate erga nyaateen booda, rifeensatti gugguduunfatee mukaan kora. Mammaaksa kana keessatti bineensi kun (Jaldeessi) suuraa cunqursitootaa yookiin warra seera tokko malee humnaan qabeenya nama irraa fudhataniiti. Cunqursaan cunqurfamtoota miidhe, lafaa buqqise jechuuf ta’a. Kanaaf, warri osoo hin dalagin fedhii nama sanaa malee nama irraa fudhatanis jaldeessaan bakka buufamanii mammaaksa k.k.f’niin suureffamuu danda’u. e. Walqixxummaa Damee ogumaa keessattuu, ogwalaloo keessatti miseensi bo’oowwan walaloo bu’aa bahii wal qixa ta’an akka qabaatan gargaaru Dhawata (Rhythm) jedhama. Kanaan wal qabatee, miseensota ogwalaloo keessaa kan sagalee irratti xiyyeeffatu walqixxummaadha. Walqixxummaan, yeroo bo’oowwan aanguu/wwan (Stanza) walaloo keessa jiran walqixa dheeratani. Kana jechuun, yeroon bo’oowwan aanguu walaloo tokko keessa jiran dubbisuuf nu barbaachisu walqixa jechuudha (Muhaammad A. 2013:69). Abbee nyaatu nyaadhu; Abbee kaatu kaadhu. Ani qeensa hin qabu, qubaanan hooqqadha; Ani keessaa hin qabu, ijaanan doow’adha. Gabaabumatti, malootni kunneen humna ogumaa adda ta’ee fi miidhagina addaa kennan mammaaksotatti dabalu. Kanamalees, mammaaksotni akka ifa ta’an, miirawan, caalatti yaadatamanii fi hiika cimaa qabaatan taasisu. Haa ta’u malee, hubannaa qabiyyee yookiin yaada mammaaksaa ulfaataa taasisu (Valiulytė, 2010). Kanaaf, mammaaksota hubachuu fi hiikuu keessatti maloota kanneen of eeggannoon dubbisuu fi gadi fageenyaan xiinxaluun barbaachisaadha. ii. Maloota Caasaa seerlugaa irratti hundaa’an: Mammaaksonni hedduun sagalee osoo hin taane quphata irratti kan hundaa’aniidha. Kunis, mammaaksonni maloota caasaa seerlugaa irratti hundaa’an aartummaa yookiin dandeettii kalaqa addaa kan sagalee bu’ureeffate uumuu waan danda’aniif. Malootni caasaa seerlugaa irratti hundaa’an kanneen salphatti yaadatamuu fi miidhagina mammaaksotaa keessatti gahee taphatan immoo: Wal maddummaa (Parallelism), Gaaffilee ogumaa (Rhetorical question), Ajajaawwan (Imperatives), Himoota Yoo-Booda (If-Then Sentences), Jettee (Quotations) fi k.k.f’ni.
  8. 8. 8 a) Wal maddummaa: Mammaaksa keessatti qaamolee himaa wal madaalan lama wal maddii/cinaa qabuun gargaaramuun walmaddummaa jedhama (Miruka, 1994). Innis, gosoota gara garaa qaba:  Walmaddummaa Walfakkeesiinsaa (Comparison Parallelisms): Wal-fakkeenya yookaan tokkummaa wantootaa irratti kan xiyyeeffatu. Fkn’f: Qorataan fira bara; qorqoraan dubbii bara. Dubbii fi uleen harree, gabaabduu woyya. Ergamnii fi ergaaramni nama ajjeesa. Durbaa fi gindoon hin teettu. Dubbii fi gororri abbumatti mi’aaya. Karaa fi garaan addaan nama baasa. Dabeessaa fi dullacha saree akka itti dhadhoolan hin gorsan.  Walmaddummaa Wal faallesiinsaa (Contrasting Parallelisms): Inni kun wantoota walmaddii qabus, garaagarummaa waan tokkoo irratti xiyyeeffata. guutumaan guutuutti tokkoo isaanii irratti kan xiyyeeffannu, haala waa’ee dubbataa jirruu sana irratti hundaa’uuni. Garuu, yeroo mammaaknu caasaa isaanii irraa osoo hin hanbisin hunda isaanii wal faana itti fayyadamna. Fakkeenyaaf: Dhagaa fi hinaaffaa waliin affeellaan, dhagaan bilchaatee; hinaaffaan dheedhii bahe. Alagaa gaafa kolfaa; fira gaafa golfaa. Muka jigu bira; muka dhibitu jira.  Walmaddummaa qaxxaamuraa(Cross Paralleism): Inni kun immoo, gaalee tokko keessatti jechi barbaachisaa ta’ee fi jalqaba mammaaksaa jiru gama lammaffaatittis irra deebi’ee yoo dhufe mul’ata (Miruka, 1994). Fakkeenyaaf: Ka guyyaan yuuse, halkan beekkachiise. Isa duraa keessattis kan guyyaa yuuse Waraabessa. Kan halkan beekkachiises isuma.  “Ka ulfaan hammana nyaatte, guyyaa deettu hammam nyaatta?” jedhe namichi haadha manaa isaatiin. Yeroo ulfaas kan hammas nyaate haadha manaati, gaafa deettus kan hanga nyaatame sana ykn sanaa ol nyaatus isima.
  9. 9. 9  Walmaddummaa Gaaffii fi Deebii: “Deegaaf maal dabalu?” jennaan(Waaqni), “Qeensaa fi Cittoo” jedhe deegaan. “Leenci maal nyaata?” jennaan, “Liqeeffatee” jedhe. “Maal kanfala?” jennaan, “Eennutu isa gaafata.” jedhe. Hirribaan, “Abbaan kee eenyu?” jennaani, “Eessumni koo du’a.” jedhe. “Abbaan kee eenyu?” jennaan, “Eessumni koo farda.” jette gaangeen. Kanaaf, walmaddummaa gosa kamiittu mammaaksicha keessatti faaydaa irra oole jennee hubachuun barbaachisaadha. Kana malees, qaamota walmaddummaaf dhihaatan keessaa kamtu dursee dhufa, kamtu itti aana jennee hubachuu qabna (The Positive or Negative, The Reason or The Imperative, The Topic or The Comment). Fakkeenyaaf, qaama ykn kutaa walmaddummaa keessaa tokko ibsa mata duree yoo ta’e, kan biro immoo gocha isa duraa irratti hundaa’e ta’a. Kanaaf, kamtu dursee akka dhufu hubachuun barbaachisaadha. Kana keessattis, walqabsiistotni hojiirra oolan kanneen akkamii akka ta’an adda baafachuu qabna. Gama birootiin, mammaaksota walmaddummaan ijaaraman keessaa kanneen walqabsiistotaan wal hin qabannes ni jiru. Yeroo akkasii, walitti dhufeenyi qaamota/miseensota mammaaksichaas ifatti beekkama. Walmaddummaa dabalatee, salphatti yaadatamuu fi miidhagina mammaaksotaaf maloota caasaa seerlugaa irratti hundaa’an keessaa isaan biroo immoo: b) Gaaffilee ogumaa(Rhetorical question-Oguma keessatti itti fayyadamiinsa afaaniin wal qabata): c) Ajajaawwan: Ajaja Gaarii (Positive):  Garaatti heexoo dhugu; ilkaan dhadhaa dibatu  Garaa dhukkubutti nyaatanii, ija dhukkubutti boo’an. Ajaja Yaraa/Negative (akkasumas Walmaddummaa)  Guulaa hin bitin, jiilaa biti.  Qeeqa hundumaa hin dhiibin/didin, eebballee hundaa hin fudhatin  Namni Waaqni abaare, bona dhadhaa nagada; ganna ashaboo nagada.  Ilmi abbaa dide; abaarsa hin didu.
  10. 10. 10 Ajaja Sababaa:  Harka cabsuu hin dandeenye, dhungadhu.  Waa sadiif yaadi; wanti sadii ofiin dhufaa: Jiraachuuf yaadi; Duuti ofiin dhufaa. Gammachuuf yaadi; Gaddi ofiin dhufaa. Duroomuuf yaadi; Hiyyummaan ofiin dhufaa.  Quufan malee hin utaalan, utaalan malee hin caban. d) Himoota Yoo-Booda: Yoo bokkaan roobe; bakakkaan bu’a. Cuuphatanii ilaalanii yoo mi’aa’e faffatatu. Yoo abbaan iyyate; ollaan namaa dirmata. Yoo garaan boo’e; imimmaan hin dhibu. e) Jettee: “Dubbiin aayyoo bubbulee naa gale.” jette intalti. “Saawwi eegee waliin dallaa guuta.” jedhe namichi dinnichaa qola waliin nyaatee. “Suuta adeemuu irra suksukuu; ijaajjuu irra quphanuu wayya.” jette sareen. Walumaagalatti, mammaaksi gaariin/cimaan tokko maloota caasaa seerlugaa armaan olitti ilaalle kanneen tokkoo ol of keessaa qabaachuu danda’a. Haaluma wal fakkaatuun, mammaaksa tokko keessatti malootni sagalee irratti hundaa’an hedduun jiraachuu danda’u. Gama birootiin, mammaaksonni maloota caasaa seerlugaa irratti hundaa’an qaban, yeroo baay’ee maloota sagalee irratti hundaa’an kan hammatanii fi aartummaa/dandeettii kalaqa addaa kan sagalee bu’ureeffate uumuu kan danda’aniidha. Kana ta’uunsaanii immoo, mammaaksonni karaa salphaa ta’een hedduu akka yaadatamanii fi caalatti miidhagina gaarii akka qabaatan isaan taasisa. Kanamalees, dhalootaa gara dhalootaatti yoo darban jijjiiramni guddaan akka irratti hin taasifamneef gargaarsa guddaa kenna. Kanaaf, hubannaa yookiin itti fayyadamiinsa mammaaksotaa keessatti isaan kanneen xiyyeeffannoo keessaa galchuun akka qabxii bu’uuraatti kaafama.
  11. 11. 11 Kitaabbilee maxxanfamuuf gulaallii irra jiraniidha. Wabiilee Boonsamoo Mi’eessoo (2005). Madaala Sammuu. Finfinnee, Ethiopia. Garai, K., J., (2001). A Cognitive Rhetorical Approach to Basque Proverbs: Analogical Mappings in Coordination. Thesis submitted to the Graduate School of the University of Maryland, College Park in partial fulfillment of the requirements for the degree of MA 2001. (ASJU, XXXV-2, 2001, 573-652) Mengesha Rikitu (1992). Oromo Oral Treasure for new Generation: Proverbs and Sayings of the Oromo People with English Explanation. London, Top Print. Miruka O., (1994). “Understanding Oral Literature”: Understanding and Teaching Proverbs. Nairobi, Nairobi University Press. P.36-48 Muhaammad Abdoo (2013). Dur Hennaa Gadaa: Yaadrimeewwan Ogwalaloo fi Kuufama Walaloowwanii. Dirre Dawaa, Khalef Printing Press PLC. Norrick, N. R., (1985). How Proverbs Mean: Semantic Studies in English Proverbs. Amsterdam: Mouton. Russo, J., (1983). The Poetics of the Ancient Greek Proverb: Journal of Folklore Research 20, P. 121-130 Sahlu Kidane (2002). Borana Folktales: A Contextual Study. London: HAAN Publishing. Valiulytė, S., (2010). Proverbs as a Reflection of Life and Thinking of English People. Šiauliai, Šiauliai University, Faculty of Humanities Department Of English Philology, Bachelor Thesis. Hojiilee barreessaa barreeffama tanaatiin hojjataman keessaa: Dur Hennaa Gadaa: Yaadrimeewwan Ogwalaloo fi Kuufama Walaloowwanii. Dirre Dawaa, Khalef Printing Press PLC. Qarqabaa Eebba Oromoo

×