SlideShare una empresa de Scribd logo
1 de 98
Descargar para leer sin conexión
USUULU ASSALAASAA
Maqaa Rabbii akkaan
Mararfataa akkaan rahmata
godhaa ta’eetiin.
Gaafii:1, Wantoonni afur,kan
baratuun nurraatti dirqamaa
maali?
Deebii;Tokkoffaan;Barumsa;
Inniis Rabbi beekuu,diinii fi
nabiyyi Isaa isaas(s.a.w)
Lammaffaan;Wan beektetti
hojjachuu dha.
Sadaffaan;Gara
Islaamummaa nama
waamuudha.
Afraffaan;Rakkina amantii
keessatti sirra ga’e irratti
obsuudha.
Ragaan kanaa jecha Rabbii
olta’eeti:“Maqaa Rabbii
akkaan mararfataa,akkaan
rahmata godhaa ta’eetiin.
(1) Yeroon” kakadhe! “ (2)
Dhugumatti ilmi namaa
hoongoo keessa jira.
(3)Isaan amananii,toltuu
hojjatanii,dhugaa namaaf
dhaamanii,obsaas waliif
dhaaman malee.’’(suuratul
Asri,1-3)
Imaamu shaafi’iin-Rabbiin
isaaf rahamata haa
godhu!-akkanajedhe: ”
Rabbii n odoo uumaa Isaa
irratti boqonnaa wal Asrii
malee ragaa biroo buusuu
baateehuu isummaanuu
isaaniif ni geessi ture.’’
Bukhaariiniis –Rabbi
rahmata isaaf haa
godhuu-akkana jedhe:
’’Boqonnaan kun
:Barnootaatu jechuu fi
hojjatuu duursa jedha.
Ragaan jecha Rabbii ol
ta’eeti: “Yaa Ergamaa!
Dhugaan gabbaramaan Rabi
malee hin jiruu beekii,
balleessaa kee araarama
gaafadhu.’’ suuraa
Muhammad(19).
Rabbiin bakka kanatti
jechaa fi hujii dura
beekumsa duurse.
Gaafii-2: Waan sadi dhiiraa
fi dubara muslimaa irrattis
baratanii itti hojjachuun
dirqama;wantoonni sun
maali?
1-Rabbiin nu uumeet,nu
sooree, akkanatti nun
dhiifnee,ergamaa nutti
erge.Namni isa hordofe
jannata seena namni isa
dide immoo ibidda seena.
Ragaan jecha Rabbiiti: ’’Nuti
ergamaa isin irratti raga
ta’e,akkuma gara
Fir’ownaatti ergamaa
erginetti,gara keessaniis
ergine.Fir’owni ergamicha
faallessinaan qabaa jabaa
isa qane.’’ (Al Muzzammil
15-16).
2-Rabbiin ibaadaa Isaa
keessatti wanni tokko Isatti
ida’amuu hin jaallatu;
Malaykaa Isatti
dhiheeffamees ta’ee,
nabiyyii ergamees ta’ee.
Ragaan jecha Isa ol ta’eeti;
’’Gabbartiin hunduu
Rabbumaafi, saniifuu Rabbii
wajjiin waan tokko hin
waammatinaa!’’ (Aljinni,18)
3-Nama ergamaa
hordofee,Rabbi
tokkichoomse,nama Rabbii
fi ergamaa isaa faallesse
tokko,odoo irra dhihoo fira
isaa ta’ellee jaallachuun
isaaf hin
hayyamamu.Ragaan jecha
Isa ol ta’eeti: “ummata
Rabbii fi guyyaa boodaatti
amanan, nama Rabbii fi
Ergamaa Isaa fallesse
isaanii jaalatan hin argitu;
odoo abboota isaanii,yoo
kaa ilmaan isaanii, yookaa
obboleeyyan isaanii,Yookaa
gosa isaanii tahanillee.Isaan
san Rabbiin iimaana onnee
isaanii keessatti
barreesseeti,tumsa Isa biraa
taheen gadi jabeesse.
Oyruulee isii jala laggeen
yaa’an,kan keessatti hafan
godhee isaan seensisa.
Rabbiin isaan irraa
jaallate,isaaniis Isa irraa
jaallatan. Isaan sun garee
Rabbiif bulanii dha.
Dhaga’aa! Gareen
Rabbii,isaanumaatu
milkaa’oo dha.
(Aimujaadalah;22) suni maa
Gaafii- 3:Karaan sirrii taate,
karaan Ibraahiim sun maali?
Deebii:- Ajaja Isaa godhutti
Rabbi si haa qajeelchuu
beeki; Isiin sirriin,karaan
Ibraahim sun:Rabbuma
qofaaf ibaadaa
qulqulleessitee gabbaruu
dha.Waan sanitti Rabbiin
nama hunda ajaje,isumaaf
isaan uumees.
Akkuma Rabbiin olta’e
jedhe:” Jinniis ta’ee,
namaas akkuma Ana
gabbaraniif malee hin
uumne.” (Azzaariyaat:56)
Gaafii -4: Hikkaan jecha:”
Akkuma Ana gabbaraniif’
jedhu maali?
Deebii:--Akkuma Ana
tokkichoomsaniif jechuu
dha.
Gaafii-5- Wantoota Rabbiin
itti ajaje keessaa irra
guddaan maali?
Deebii:-Irra Guddaan waan
Rabbiin itti ajajee: Isa
tokkichoomsuu dha.
Gaafii-6: Towhiida jechuun
maal jechuu dha?
Deebii:-Towhiida jechuun
:Rabbi tokkichoomsuu
jechuu dha.
Gaafii-7: Wantoota Rabbiin
irraa dhorge keessaa irra
guddaan maali?
Deebii:-Wanta biraa Isa
wajjiin gabbaruu dha.
Gaafii-8: Shirkii jechuun
maal jechuu dha?
Deebii:-Waan biraa Isaa
wajjiin gabbaruu dha.
Gaafii-9: Irra guddaa
ajajaatii fi irra guddaa
dhoorgaa san irratti ragaan
maali?
Deebii:-Ragaan jecha Isa ol
ta’eeti: ’’Rabbi
gabbaraa;Isatti humaa hin
ida’inaa.” (Annisaa’i:36)
Gaafii-10- Bu’urri sadeen
ilma namaa irratti beekuun
dirqama ta’e sun maali? yo
siin jedhame,akkana jedhiin:
Deebii:-Gabrichi Gooftaa
isaa, amantii isaa,fi
nabiyyicha isaa Muhammad
(s.a.w) beekuu dha.
Gaafii-11- Gooftaan kee
eenyu? yoo siin jedhame,
akkana jedhiini:
Deebii:-Gooftaan koo
Allaaha,Isa ana guddise, kan
aalamtoota hunda qananii
isaatiin gudiseedha; Inni
gabbaramaa kiyya.Isa malee
gabbaramaan biraa naaf hin
taane.
Ragaan kanaa jecha Isa
olta’eeti: ’’Faaruun hundi
Rabbii, Gooftaa aalamaa
ta’eefi.’’(Alfaatihaa-2) wanti
Rabbi malee jiru hunduu
Aalama; aniis aalama san
irraa isa tokko.
Gaafii-12-Gooftaa kee
maaliin beekte? yoo siin
jedhame, akkana jedhi:
Deebii:-Mallattolee Isaatii fi
uumama Isaatiiniin
beeke.Mallattoolee Isaa
irraayi:
halkan,guyyaa,biiftuu, fi
jiiniis. Uumama Isaa irraayi:
Samiin turban,dachiileen
turbaanii fi wantoonni isaan
keessa jiraataniis. Ragaan
jecha Rabbii ol ta’eeti:
“Halkan,guyyaan,aduufi
jiiniis mallatoolee Rabbii
irraayi.Biiftuufi ji’aaf hin
sujuudiina, Rabbii isaan
uumeef sujuudaa,yoo kan
isuma qofa gabbartan
taatan(Fussilat:37),
Ammas jecha Rabbii ol
ta’eeti: “Gooftaan keessan
Allaaha,Isa samii torbaaniifi
dachii guyyuma jahatti
uumee,ergasii Arshii irratti
ol ta’ee dha.Halkaan
guyyatti hagooga;innis
guyyaa saffiisaan
barbaada,Biiftuu,ji’aa fi
urjiis ajaja Isaatiin
laaffifamtuu godhee kan
uume.Dhagayaa! uumuu fi
ajajuun hundi kan
Isaati.Rabbiin,Gooftaan
Aalama hundaa guddate.”(Al
a’araaf:54)
Rabbi jechuun Isaa
gabbaramaa jechuu dha.
Ragaan jecha Rabbii ol
taheeti: “Yaa nama!Gooftaa
keessan,Isa isiinii fi isaan
isin duraatiis,akka Isaa
sodattaniif uume
gabbaraa.Isa dachii afata
isiini godhee,samii immoo
jaarmaya gubbaa isiini
godhee,dumessa irraa rooba
isinii buusee,bokkaa saniin
midhaan adda addaa isin
sooruuf kan isiniif magarse.
Kanaafuu Rabbiif hiriyoota
hin godhiinaa.isin ni
beektanii.”(Al
baqaraa:21,22)
Ibnu Kasiir tafsiira isaa
keessatti akkana jedhe:”Inni
wantoota kana hunda
uume,isumaatu gabbaramuu
haqa godhata.”
Gaafii:13 Gosootni ibaadaa
Rabbiin itti ajajee maal
faadhaa?
Deebii:-Akka
Islaamummaa,iimaana,ihsaa
naati,ammaas wantoota san
irraayi:kadhaa,sodaan,kajeel
laan,hirkatuun,abdachuun,s
odaatuun,naamusa
godhatuun,sodaan
cimaan,towbaan,gargaarsifa
tuun,tikfamuun,dirmachuu
barbaaduun,qaluun,qodhaan
ii fi akaakulee ibaadaa irraa
wantootni Rabbiin itti ajaje
hundi.
Gaafii 14:Akaakuuleen
ibaadaa dubbatamanii fi kan
hin dubbataminiis,Rabbuma
tokkicha, hiriyaa hin
qabneefi,waan kana irratti
raga fidii yoo gaafatamte?
Deebii:-Ragaan jechaa
Rabbii ol ta’eeti: “Ibaadaan
Rabbumaafi;kanaafuu,Rabbii
wajjiiin waan tokkollee hin
gabbarinaa.”(Aljinnii,18)
Gaafii 15:Murtiin nama
wantoota ibaadaa irra
ta’e,wan Rabbi hin ta’iniif
hojjatee,yookaan
garagalchee maali?
Deebii:-Namni wantoota san
irraa,waanuma takka,waan
Rabbi hin ta’iniif kenne,inni
sun mushrika,kaafiraasi.
Gaafii16:Waan san irratti
ragaan maali?
Deebii:-Ragaan jecha Rabbii
ol ta’eeti: “Namni rabbi
waliin gabbaramaa
biro,odoo raga isatti hin
qabne,gabbare,qorannaan
isaa Gooftaa isaa
biratti.Dhugumatti
kaafirtoonni hin
milkaawan.(Al
mu’uminuun:117)
Gaafii 17:Kadhaan Rabbiif
malee hin ta’uu irratti
ragaan maali?
Deebii:-Ragaan jecha Rabbii
ol ta’eeti: “Gooftaa
keessan:Isiniifiin
owwaadhaa,Ana
yaammadhaa!warri kadhaa
tiyyarraa boonan fuuldura
salphatanii,jahannam
seenuuf jiran,”
jedha.(Ghaafir:60)
Hadiisa keessattiis akkana
jechuutu jira:
“Kadhaan,dhuka ibaadaati”
Gaafii 18:Sodaan ibaadaa
ta’u irratti ragaan maali?
Deebii:-Ragaan soda jecha
Rabbii ol ta’eeti: “Isaan hin
sodaatinaa!yoo
mu’umintoota taatan anuma
soda dhaa”(Aali Imraan:175)
AHadiisa keessattiis akkana
jechuutu jira:
“Kadhaan,dhuka ibaadaati”
Gaafii 18:Sodaan ibaadaa
ta’u irratti ragaan maali?
Deebii:-Ragaan soda jecha
Rabbii ol ta’eeti: “Isaan hin
sodaatinaa!yoo
mu’umintoota taatan anuma
soda dhaa”(Aali Imraan:175)
Gaafii 19:Kajeellaan
ibaadaaa ta’uu irratti raga
maali?
Deebii:-Ragaan kajeellaa
jecha Rabbii ol ta’eetii:
“Namni Rabbii isaa
qunnamuu kajeela,hujii
baeedaa haa
hojjatuu,ibaadaa Gooftaa
isaa keessatti waan
tokkollee hin dabalin.”(Al
khaf:110)
Gaafii 20:Hirkatuun ibaadaa
ta’u irratti ragaan maali?
Deebii:-Ragaan jecha Rabbii
ol ta’eeti: “Rabbuma qofa
irratti yoo mu’umintoota
taatan hirkadhaa!”
Boqonnaa
Almaa’idaa:23,Ammaas
jecha Rabbiiti: “Namni Rabbi
irratti hirkate,innuu numa
ga’aaf.”(Suuratuxxalaaq:3)
Gaafii 21:Kajeellaa,sodaa fi
naamusni ibaadaa ta’uu
irratti ragaan maali?
Deebii:-Ragaan isaa jecha
Rabbi ol ta’eeti: “Isaan sun
toltuu keessatti fuula duratti
deemuu turan;kajeellaa fi
sodaan nu
waammatan,naamusa Nuuf
qabaatuu turan.” Boqonnaa
(Al anbiyaa:90)
Gaafii22:Khashyaan ibaadaa
ta’uu irratti ragaan maali?
Deebii:-Ragaan khashyaa
jecha Rabbii ol ta’eeti:
“Isaan hin sodaatinaa
anuma sodaadhaa.”
(Boqonnaa ALbaqaraa:150)
Gaafii23:Ragaan toowbaan
ibaadaa ta’uudhaa maali?
Deebii:-Ragaa isaa jecha
Rabbiiti: “Gara Gooftaa
keessanii deebi’aa,Isa jala
butamaa.”(Suuraa
Azzumar:54)
Gaafii 24:Ragaan gargaarsa
barbaachuu ibaadaa ta’uu
dhaa maali?
Deebii:-Ragaa isaa jecha
Rabbi ol ta’eeti: “Suma qofa
gabbara,suma qofa
gargaarsifannaas.”(Suuraa
Faatihaa:5)
Ammas hadiisa keessatti
akkana jechuutu jira: “Yeroo
gargaarsa
barbaaddae,Rabbumaan
gargaarsifatuu barbaadi,”
Ahmad,Tirmiizii
Gaafii25:Tika barbaaduun
ibaadaa ta’ui irrati ragaan
maali?
Deebii:-:Ragaan isaa jecha
Rabbiiti: “Yaa Muhammad!
“Gooftaa nama uumeeniin
tikfama,”jedhi”(Suuratu
Annas:1)
Gaafii26:Ragaan dirmachuu
barbaaduun ibaadaa ta’uu
dhaa maali?
Deebii:-Ragaan saani jecha
Rabbiiti: “Yaa
Ergamaa!yeroo Gooftaa
keessan irra birmachuu
barbaaddanii,isiniif owwaate
san,’yaadadhu.”(Al anfaal:9)
Gaafii 27:Qaluun ibaadaa
ta’u irraati ragaan maali?
Deebii:-Ragaan isaa jecha
Rabbiiti: “Yaa
Muhammad!Akkana
jedhi:salaanni kiyya,qaluun
kiyya,jiruun kiyyaa fi du’uu
kiyyaas Rabbii,Gooftaa
Aalamaa ta’eefi.shariikni
Isaaf hin taane.Isa
tokkichoomsuu sanittiin
ajaajamee,muslimtoota
ummata kanaa irraa ani
jalqaba.”
Hadiisa irraayiis: “Nama
waan Rabbbii malee jiruuf
qale,Rabbii rahmata Isaa
irraa haa fageessu!”
Muslim:(1978)
Gaafii 28:Ragaan qodhaan
ibaadaa ta’uu dhaa maali?
Deebii:-Ragaan qodhaa
jecha Rabbiiti “Isaan qodhaa
ni guutan,ammaas guyyaa
humtuun faca’aa ta’e saniis
ni sodaatan,”
(Suuratul-Insaan:7)
Gaafii 29:Bu’urri lammaffaa
maali?
Deebii:-Bu’uurri
lammaffaa:Gabrichi
ammantii islaamaa
ragootaan beekuu dha
Gaafii 30;Diinal islaam hiika
isaa ibsi?
D;Rabbii
tokkichoomsanii,itti of
kennuu,ajaja isa jala
butamuu,shirkiifi warra isii
irraas qulqullaawuudha.
Gaafii 31;Sadarkaaleen
diinal-islaam meeqa?
Deebii:-Inni sadarkaalee
sadi qaba.
Gaafii 32;Sadarkaaleen
sadeen sun maali?
Deebii:-Islaamummaa,Iimaa
naafi Ihsaanaa
dha.sadarkaaleen hundinuu
rogoota mataa isaanii qabu
Gaafii33 Sadarkaan
tokkoffaa maali?
Deebii:-Sadarkan tokkoffan
islaamummaadha.
Gaafii 34;Rogoonni
islaamummaa maali?
Deebii:-Rogooni
islaamummaa shani.
Gaafii 35;Rogooni sun
maali?
Deebii:-Dhugaan
gabbaramaan Rabbii malee
hin jiruu fi Muhammadiis
ergamaa Rabbii ta’uu raga
ba’uu, salaata sirritti
sagaduu,zakaa kennu,ji’a
Ramadaanaa soomanuu fi
mana kaba jamaa ta’e san
hamiluu dha(hajji godhuu
dha).
Gaafii 36;Ragaa shahaada
himi?
Deebii:-Ragaan isii jecha
Rabbii olta’eet i; Dhugaan
gabbaramaan Isa malee
akka hin jirre Rabbiin raga
bahe, Malaykotaa fi warri
beekumsa qabaniis raga
bahaniiru.Dhugaan
dhaabbataa haala ta’een.
Dhugaan gabbaramaan isa
malee hin jiru,Inni injifataa
ogeessa;(suuraa Ali
Imraan;13)
Gaafii 37;Hiikaan
gabbaramaan dhuga Rabbi
malee hin jiruu maali?
Deebii:-Hiikaan isii; Inni
dhugaan gabbaramu Rabbii
malee hin jiruu Isii keessa
dhabamsiisaa fi
mirkaneessuutu jira;
Daagaan dhabamsiisuu
dhaa’’Dhugaann
gabbaramaan hin jiru’’dha,
wanta Rabbiin alatti
gabbaramu hunda ni
dhabamsiisa.’’Rabbi
malee’’jechuun;Ibaadaa
Rabbumaa
qofaaf,mirkaneessu,Rabbiin
akkuma mootammaa Isaa
keessatti hiriyaa hin
qabne,Ibaadaa Isaa
keessattiis hiriyaa hin
qabuu dha,
Gaafii 38;Hiikaan
shahaadaa,kan isii ibsu
maali?
Deebii:-Wanti isii ibsu jecha
Rabbii ol ta’eeti;’’yaa
Muhammad! Yeroo Ibraahiim
abbaa isaatii fi ummata
isaatii akkana jedhe san
(dubbadhu);Ani waan isin
gabbartan irraa
qulqulluudha.Isa ana uume
malee, Inni fuul dura ana
qajeelcha.Isii tana jecha isa
booda haftu godhe, akka
deebi’aniif’’(Suuratul
Zakhraf;26-28)
Ammaas jecha Rabbii ol
ta’eeti; yaa
Muhammnad!akkana
jedhi;yaa abbootii kitaabaa!
Gara jecha nuufii isinittiis
wal qixa ta’ee kootta.(Isiin
sun)Rabbi malee gabbaruu
dhabu,Isatti waan biraa
qixxeessuu dhabu, gariin
keenyaas garii Rabbii achitti
gabbaramoota godhatuu
dabuu dha.yoo
garagalan,nuti muslimtoota
ta’uu raga tahaa
!jedhaan’’(Aali-Imraan;64)
Gaafii 39;Ragaan
Muhammad ergamaa Rabbii
tauu dhaa maali?
Deebii:-Ragaan inni
ergamaa Rabbii ta’uudhaa,
jecha Rabbii
olta’eeti;Dhugumatti,ergama
an iinuma irra ta’e, isin
rakkatuun kan itti
cimu,qajeeluu keessan
irratti bololaa(hawwaa)kan
ta’e,mu’umintootaaf rifataa
rahmata godhaa kan ta’e
isinitti dhufeera.(suuratu
attowbaa:128)
Gaafii 40;Mahammad
ergaamaa Rabbiiti jechuun
maali?
Deebii:-Hikkaan isaa;waan
inni ajaje keessatti ajajaa
isaa godhuu,waan inni hime
keessatti isa dhugoomsitee,
waan inni dhoorge irraa
fagaatuu dha.Waan inni
karaa godheen malee
Rabbiin gabbaramuu dhabuu
dha.
Gaafii 41;Ragaan
salaataa,Zakaa fi hiikkaan
towhiidaas maali?
Deebii:-Ragaan isaanii jecha
Rabbii ol ta’eeti;’’Qajeeloo
ta’anii, ibaadaa isaa
qulqulleessanii Rabbi
gabbarutti maalee salaata
sirri tti sagadutti malee,
zakeess kennaatutti malee
hin ajajamne.saniitu
amantiiti (suuratu
bayyinaah;5)
Gaafii 42: Ragaan Soomanaa
maali?
Deebii:-Ragaan Soomanaa
jecha Rabbii ol ta’eeti:” Yaa
warraamantan! Soomanni
akka warra isiniin duraa
irratti murteeffametti, isin
irrattiis murteeffamee
jira,akka Rabbi sodaattaniif.”
(suuratul Baqaraa:183)
Gaafii 43:Ragaan Hajjii
maali?
Deebii:-Ragaan hajji jecha
Rabbii ti:”Namoota sinqii
danda’e ka’abaa haja’uun
dirqama Rabbiif isaan irratti
jiru. Nama didees Rabbiin
aalamtoota irraa dureessa.”
(Aali Imraan:97)
Gaafii 44: Sadarkaan
lammaffaahoo maali?
Deebii:- Sadarkaan
lammaffaa: iimaana, inni
dameelee torbaatamii fi
wahi. Dameelee san irraa
tan irraa olii; dhugaan
gabbaramaan Rabbi malee
hin jiruu dha. Tan irraa gadii
immoo waan nama rakkisu
karaarraa kaasuu dha.
Saalfatuuniis dame
iimaanaa irraahi.
Gaafii 45: Rogootni
iimaanaa meeqa?
Deebii:- Rogootni iimaanaa
jaha.
Gaafii 46: Rogootni
sunniin maal faadha?
Deebii:-Rabbitti
amanuu,Malaykota Isaattiis
amanuu,kitaabban Isaattiis
amanuu,Ergamtoota Isaattiis
amanuu,Guyyaa
Aakhiraattiis, qadarattiis;
hamtuu fi toltuu isaatti
amanuu dha.
Gaafii 47:Rogoota jahan
kana irratti ragaan maali?
Deebii:-Rogoota jahan kana
irratti ragaan jecha Rabbiiti:”
Fuula keessan kallattii
bahaa fi lixaatti gara
galchuun toltuu miti. Garuu
toltuun (hujii) nama
Rabbitti,guyyaa
aakhiraatti,Malaykotatti,
kitaabatti fi Nabiyyootatti
amaneeti.”(Albaqaraa:177)
Ragaan qadaraa immoo
jecha Rabbiiti:”Nuti waan
hunda qixa sirrii ta’een
uumne.”( Al qamar:49)
Gaafii 48: Sadarkaan
sadaffaa maali?
Deebii:-Sadarkaan
sadaffaan:Ihsaana.
Gaafii 49: Rogootni Ihsaanaa
meeqa?
Deebii:-Roga tokkoo dha.
Inniis:”Akka waan agartuutti
Rabbi gabbaruudha. Yoo ati
arguu baattees Isaatu si
argaa.”
Gaafii 50: Roga kana irratti
ragaan maali?
Deebii:- Ragaan jecha
Rabbiiti:”Rabbiin warra isa
sodaatu wajjiin jira,warra
toltuu hojjatanii waliin jira.”,
Ammaas jecha Rabbiiti:”
Rabbi injifataa, rahmata
godhaa ta’e irratti irkadhu.
Yeroo ati dhaabbattu kan si
argu. Warra sujuudu wajjiin
gara gaggaluu keetiis kan si
argu. Inni isumaatu
dhagayaa,beekaa dha.”
(Ashu’araa’i:217:220)
Ammaas jecha Rabbiiti:”
Waan takkallee keessatti hin
taatu; waan saniis Qur’aana
irraa hin dubbiftu, hujii
tokkollee hin hojjattan,
yeroo isin keessa galtan
ragaa isin irratti taanu
malee hin taane.”
(Yuunus:61)
Gaafii 51: Sadarkaalee diin
san irratti hadiisa irraa
ragaa fidi?
Deebii:-Hadiisa irraa ragaan
hadiisa Jibriil beekkamaa
sani. Umar Binul
Khaxxaab(R.A) irraa
gabaafamee, akkana jedhe:
odoo nuti Nabiyyicha(SAW)
waliin taa’aa jirruu gurbaan
huccuun isaa adii, rifeensi
isaa akkaan gurraachaa, kan
mallattoon imaltuu isarraa
hin mullanne,nurraa kani
nam-tokkolleen isa hin
beekne tokkoo nurratti
mullatee, gara
Nabiyyichaa(SAW) achi
goree gad taa’e, Jilba isaa
lamaan gara jilba lamaan
Ergamaa(SAW) harkisee,
sanacha isaa lamaan tafa
isaa lamaan irra kaayyatee,
Yaa Muhammad(SAW)!
Islaamummaa irraa naaf
himi, jedhee, gaafannaan,
Nabiyyichi(SAW) akkana
jedheen:”Dhugaan
gabbaramaan Rabbi malee
hin jiruu raga
bahuu,Muhammadiis
Ergamaa Rabbii ta’uu raga
bahuu dha, salaata sirritti
dhaabuu dha, Zakaa kennuu
dha,Ramadaan soomanuu
dha, ka’abaa ziyaaruu
dha,garas deemuu dha yoo
dandeettii qabaatte. Dhugaa
jette jedheen. Ifumaa
gaafatee,
dhugoomsaa,jennee
dinqisiifanne . Ammaas,
waa’ee iimaanaa irraa naaf
himi,jedhee gaafannaan,
akkana jedhan:”Rabbitti
amanuu, malaykota Isaattiis,
kitaabota
Isaattiis,Ergamtoota
Isaattiis,guyyaa boodaattiis
amanuu dha. Toltuu fi
hamtuu qadaraattiis amanuu
dha”. Akkana jennaan,
dhuguma dubbatte
jedheenii,ammaas waa’ee
ihsaanaa irraa naaf odeessi
jedhee gaafannaan, akkana
jedheen:”Akkuma waan
agartuutti Rabbi
gabbaruudha. Yoo ati Isa
arguu baattees, Isaatu si
argaa.” Ammaas qiyaamaa
irraa naaf odeessi jedhee,
gaafannaan,akkana jedhe:”
Ani gaafatamaan si gaafataa
irra beekaa miti. Eegasiifuu
mallattoolee isiitirraa naaf
himi jedhee gaafate.
Ergamaan(SAW) akkana
jedheen: Gabrittiin goftaa
isii dhaluu,namoota kophee
hin qabne,kan qaama irraa
huccuu hin qabne, harka
qalleeyyii tikistee re’ee kan
ta’an isaanii jaarmaya
keessatti wal dorgoman
arguu dha.” Umar akkana
jedhe: Gurbaan ni deeme,
guyyoota muraasa ni turre,
achii booda Ergamaan(SAW)
akkana jedhe:”Yaa Umar!
Gaafataa san nama inni ta’e
ni beektaa?” jennaan,
nutiis: Rabbumaa fi Ergamaa
Isaatu beeka jennee
deebifnaan, akkana
jedhe:Inni sun Jibriili,waa’ee
amantii keessanii isin
barsiisuuf isinitti dhufe.”
Muslimiitu gabaase(8)
Gaafii 52: Hundeelee sadeen
irraa hundeen sadaffaa, tan
gabricha irratti isii beekuun
dirqamaa sun maali?
Deebii:-Hundeen sadaffaa:
Nabiyyicha keessan
Muhammad(SAW) beekuu
dha. Inni Muhammad
Abdallaah, Abdul Muxxalib,
Haashim;Haashim Qureeshii
irraayi,Qureeshiin Araboota
irraa yoo taatu, Arabni
immoo ilmaaan Ismaa’il
Ibraahiim irraayi,nagayaa fi
rahmanni isaa fi Nabiyyicha
keenya irratti haa jiraatu!
Gaafii 53: Umriin isaa
hangam ture?
Deebii:- Umrii isaa waggaa
jahatamii fi sadi ture;isii
irraa afurtama
nabiyyummaan dura
dabarse, digdamii sadi
immoo nabiyyummaa
keessatti dabarse. Suuraa
Iqraa’iin nabiyyii
godhame,suuraa
Almuddassiriin ni ergame,
biyti isaa makka.
Gaafii 54: Nabi Muhaammad
maaliin ergame?
Deebii:-Shirkii irraa nama
baqachiisee, gara
toohidaatti yaamuudhaan
ergame.
Gaafii 55:Waan kana irratti
ragaan maali?
Deebii:- Ragaan jecha
Rabbiiti:”Yaa huccu
mammarataa! Ka’ii namaaf
dinniini. Rabbii kee guddisi.
Uffata kee qulqulleeffadhu.
Taabota gabbaruu irraa
fagaadhu. Guddoo
barbaaduuf xiqqoo hin
arjoomin. Goftaa keetiif
obsi.”
Gaafii 56: Hiikkaan jecha
“Qum fa anzir” jedhuu
maali?
Deebii:- Hiikkaan isaa
shirkii irraa dinniini,gara
tokkummaa Rabbiitti nama
waami jechuu dha.
Gaafii 57: Hiikkaan Rabbii
kee guddisi jedhu maala
jechuudha?
Deebii:- Isa
tokkichoomsuudhaan
guddisi.
Gaafii 58: Hiikkaan”huccuu
kee qulqulleeffadhu” jedhu
maali?
Deebii:-Hujiilee kee shirkii
irraa qulqulleessi jechuu
dha.
Gaafii 59: Hiikkaan “Taabota
irraa fagaadhu” jedhu
maali?
Deebii:-Taabotaa fi namoota
isa gabbaru irraa
qulqullaa’uu dha.
Gaafii 60: Gara Towhidaa
yaamuu irra nabiyyichi
hangam ture?
Deebii:-Waggaa kudhan gara
towhidaa yaamee, ergasii
gara samii isaan ol
bahamee, salaatni shaman
isa irratti dirqama godhame.
Gaafii 61: Makkatti
Nabiyyichi (SAW) salaata
hangam salaate?
Deebii:-Makkatti waggaa
sadi salaate, ergasii gara
Madiinaa godaanutti
ajajame.
Gaafii 62: Hijiraa jechuun
maal jechuu dha?
Deebii:-Hijiraa jechuun
biyya shirkii irraa gara biyya
islaamaa
deeemuu,godaanuu dha.
Biyya shirkii irraa gara biyya
islaamaa godaanuun
ummata kana irratti
dirqama. Isiin hanga
qiyaamaan taatutti ni
jiraatti.
Gaafii 63: Ragaan waan
kanaa maali?
Deebii:- Ragaan jecha
Rabbiiti:”warra biyya shirkii
keessa jiraatuun lubbuu
isaanii
miidhanii,malaaykonni
guyyaa Badrii isaan
ajjeesan,maal keessa turtan
isaaniin jedhan , biyya
makkaa keessatti
hacuucamnee turre, jedhanii
yeroo isaan deebisaa
godhan, akkana jedhaniin:
Dachiin Rabbii balloo dha.
Keessaa hin godaantanii?
Isaan san galoon isaanii
jahannami, bakka itti
deemen ta’uuf waa
hammaattee. Dhiira,
dubartootaa fi ijoollee irraa
warra lallaafoo,tooftaa
baasuuf I karaatti warra hin
qajeelle malee. Isaan san
Rabbiin isaaniif irra darbuun
ni kajeelama,Rabbii irra
darbaa, araaramaa ta’e.”
(Annisaa’i)
Ammaas ragaan jecha
Rabbiiti:”Yaa gabroota kiyya
kan amantan! Dachiin tiyya
balloo dha, anuma gabbaraa!”
(Al ankabuut:56)
Baghawiin Rabbi rahmata
isaaf haa godhuu! Akkana
jedhe:”sababaan aayanni
olii tun buuteef
,muslimtoota makka
keessa turan, kan hin
godaanin, Rabbiin maqaa
iimaanaatiin isaan waame.”
Gaafii 64: Hadiisa irraa
godaanuu irratti ragaan
maaltu jira?
Deebii:-Hadiisa irraa
godaanuu irratti ragaan,
jecha Ergamaati(SAW):”
Godaanuun hin dhaabbattu
hanga towbaan
dhaabbattutti. Towbaan hin
dhaabbattu hanga biiftuun
lixa isii irraan ol baatutti.”
Ahmad,Abuu Daawud,
Albaanii
Gaafii 65: Eega
Nabiyyichi(SAW ) Madiinatti
galee shari’aa irraa waan itti
guutame dubbadhu?
Deebii:-Yeroo Madiinaa
qubatu, shari’aa Islaamaa
irraa waan hafetti
ajajame;fakkeenyaaf: zakaa,
sooma, hajji,azaana,,
jihaada,toltutti ajajuu fi
hamtuu irraa dhoorguu fi
shari’aa irraa wantoota kana
fakkaatanitti ajajame.
Gaafii 66: Madiinatti
Nabiyyichi (SAW) hangam
takka amantii geggeessaa
ture?
Deebii:-Waan kana irra
waggaa kudhan ture,
Ergamaan (SAW) odoo diin
isaa lafa irratti ummata
jiddutti hafee jiruu du’e. kan
nu keessa jiru kunuu diin
isaati. Toltuu takkallee
ummata isaa irratti
qajeelchu malee, hamtuu
takkallee irraa baqachiisu
malee hin dhiifne.
Gaafii 67: Irra guddaan
kheeyrii Ergamaa(SAW)
ummata itti ajajee maali?
Deebii:-Toltuun inni ummata
itti qajeelche: Towhidaa fi
waan Rabbiin jaalatu hunda.
Gaafii 68: Irra guddaan
hamtuu Nabiyyichi(SAW)
ummata irraa baqachiisee
maali?
Deebii:-Hamtuun inni irraa
baqachiise, shirkii fi waan
Rabbiin jibbu hunda.
Gaaffii: 69: Ergamuun
Nabiyyichaa(SAW) hanga
muraasatti moo , ummata
hundatti?
Deebii:-Rabbiin isa gara
nama hundaatti erge. Ajaja
isaa godhuun warra dachii
keessa jiraatan; jinni fi
nama irrattiis dirqama
godhe.
Gaafii 70: Ergamuun
Nabiyyichaa nama hundatti
ta’uu raga fidi?
Deebii:-Ragaan jecha
Rabbiiti:”Yaa Muhammad!
Jedhi: Yaa nama! Ani gara
isin hundaatiin ergame.”(Al
a’araaf:158)
Gaafii 71:Amantiin
ergamuu Nabiyyichaatiin
guutamtee?
Deebii:-Rabbiin isaan
amantii guute.
Gaafii 72: Diin guutamee
jiraatuu irraatti ragan maali?
Deebii:-Ragaan jechaa
Rabbiti:”har’a diin keessaan
isini guutetiin jira, godhii
tiyyaas isinii xumureera,
amantiifis islaammumaan
isiinif jaalla dhe.”
(Almaa’idaa:3)
Gaafii 73:Ergaaman
Rabbi(S.A.W)du’uu irraatti
ragaan maali?
Deebii:-Ragaan jecha
Rabbiiti:”Ati ni duuta,
isaanis ni du,u. Ergasii
guyyaa qiyyaama Gooftaa
keessan biratti wal mormuuf
jirtu.”(Azzumar:30,3)
Gaafii 74:Namni erga du’e
booda garam deema?
Deebii:-Namoonni yeroo
du’an ni kaafamu.
Gaafii 75:Kaafamu irraatti
ragaan maali?
Deebii:-Ragaan jecha
Rabbiiti:”Dachii irraa isin
umnee, isii keessatti isin
deebifna, yeroo biraas
isuma irra isin baafna.”
(Xaaha:55)
Ammaas jecha Rabbiiti:”
Rabbii irraa uuminsa isin
uume, isii keessatti isiin
deebifna ; ergaasi isi
keessatti isin deebise,
baasinsa isi keessa isin
baasa.”
Gaafii 76: Erga ka’anis
maaltu argama?
Deebii:-Erga ka’insaatii
qoratamanii,hujii isaani
galata galfamu.
Gaafii 77: waaan sann irratti
raga dubbadhu?
Deebii:- ragaan jecha
rabbiiti:”waan samii torbanii
fi dachii keessaa
rabbumaafi,warra
balleesssan waan isaan
hojjatan galata galchee fi
warra toltuu hojjataniis
gaarii akka galata galchuuf.”
(annajm:31)
Gaafii 78: murtiin nama
kaafamuu kijibsiisee maali?
Deebii:-namni kaafamuu
sobsiise ni kafara.
Gaafii 79: waan kana irratti
ragaan maali?
Deebii:-ragaan jecha
rabbiiti:”isaan kafaran hin
kaafamnuu yaadan. Lakkii,
rabbitti kakadhe!
Kaafamtaniiti,waan hojjattan
galata galafamtu. Sun rabbi
irratti laafaa
dha.(attaghaabun:7)
”
Gaafii 80: Rabbi maaliif
ergamtoota erge?
Deebii:- Rabbi ergamtoota
hunda gammachiisoo fi
sodaachisoo godhee, erge.
Gaafii 81: Ragaa kanaa
maali?
Deebii:-Ragaan jecha
Rabbiiti:”Ergamtoota,
gammachiisoo fi
sodaachisoo goonee,
ergine. Ilma namaatiif eega
ergamtoota itti Rabbi irratti
wanni himatan akka hin
taaneef ergine.”
(Annisaa’i:165)
Gaafii 82: Ergamaa jalqabaa
eenyu; kan xumuraa hoo
eenyu?
Deebii:-Jalqabani
ergamtootaa Nuuh yoo
ta’u;xumurri isaanii immoo
Muhammad (SAW) ta’a.
Gaafii 83: Ragaan waan kana
irratti maali?
Deebii:-Nabi Nuuhjalqaba
isaanii ta’uu irratti ragaan
jecha Rabbiiti:” Nuti gara
kee,akka gara Nuuhii fi
nabiyyoota isaan boodaatti
wahyii (beeksisa) goonetti
gooneerra.”(Annisaa’i:163)
Gaafii 84: Ummata hunda
ergamaan itti ergamee jiraa?
Deebii:-Ummata hunda
Rabbiin ergamaa nuuh irraa
kaasee hanga
Muhammad(SAW) itti
ergeera.
Gaafii 85: Ergamaan sun
maalitti ajaja?
Deebii:-Rabbuma qofa
gabbarutti isaan ajajeeti,
taabota gabbaruu irraa isaan
dhoorga.
Gaafii 86:Ragaan waan
sanaa maali?
Deebii:-Ragaan jecha
Rabbiiti:”Rabbiin kakadhe!
Dhugumatti,ummata hunda
keessa Rabbi gabbaraa,
taabota gabbaruu irraa
fagaadhaa jechuun ergamaa
ergine.” (Annahli:36)
Gaafii 87: Wanni Rabbiin
gabroota hunda irratti
dirqama godhe maali?
Deebii:-Taabotatti
kafaranii,Rabbitti amanuu
dha.
Gaafii 88: Xaaghuuta
jechuun maali?
Deebii:- Ibnul Qayyim Rabbi
rahmata isaaf haa godhuu
akkana jedhe: “Xaaghuutni:
waanuma gabrichi daangaan
dabre; gabbaramaa
yooknaan hordofamaa
yookaan ajaja godhamaa
irraa kan taee dha.”
Gaafii 89: Xaaghuutonni
hangami?
Deebii:-Xaaghuutonni
baay’eedha; matootiin
isaanii shani:Ibliis-abarsi
Rabbii isa irratti haa bu’u,
nama akka isa gabbaran
jaalatuu dhaan gabbarame,
nama isa gabbarutti nama
waame, nama waan
fagootiin beekaa himatee fi
nama wanta Rabbiin
buuseen alatti murtii kennee
dha.
Gaafii 90: waan san irratti
ragaan maali?
Deebii:-Ragaan jecha
Rabbiiti:”Amantii ISlaamaa
keessa dirqiin nama naquun
hin jiru, qajeelloon jallina
irraa adda bahee jira. Namni
taabotatti kafaree,Rabbitti
amane dhugumaan fannoo
jabduu, hin cinne
qabate;Rabbiin dhagayaa,
beekaa dha.”
(Al-Baqaraah:256)
Hiikaan dhugaan
gabbaramaan Rabbi malee
hin jiruudhaa isuma kana.
Ammaas hadiisa keessatti
akka armaan gadii kanaatu
jira:
“Mataan diin Islaamummaa
dha,utubaan isaas Salaata,
fiixni dalluu (gooba) isaas
karaa Rabbiif qabsaawuu
dha.” Tirmizii (2616)
bareedaa, qulqulluu dha
jedhee gabaase.
Rabbumaatu akkaan beekaa
dha. Rabbiin rahmata
Muhammad, maatii isaa fi
sahaabota isaa irratti haa
buusu, nagayaas.

Más contenido relacionado

La actualidad más candente

مناسك الحج والعمرة
مناسك الحج والعمرةمناسك الحج والعمرة
مناسك الحج والعمرةNader Farrag
 
Hadis e Kisa The Event of Cloak
Hadis e Kisa The Event of CloakHadis e Kisa The Event of Cloak
Hadis e Kisa The Event of Cloakiqtada askary
 
Al Quran (Chapter 04): Surah An Nisa [The Women]
Al Quran (Chapter 04): Surah An Nisa [The Women]Al Quran (Chapter 04): Surah An Nisa [The Women]
Al Quran (Chapter 04): Surah An Nisa [The Women]Dr Jameel G Jargar
 
What happens in the barzakh? (Hereafter, Islamic belief, afterlife)
What happens in the barzakh? (Hereafter, Islamic belief, afterlife)What happens in the barzakh? (Hereafter, Islamic belief, afterlife)
What happens in the barzakh? (Hereafter, Islamic belief, afterlife)Amina Inloes
 
القول النافع في تحريرات قالون عن نافع من الشاطبية
القول النافع في تحريرات قالون عن نافع من الشاطبيةالقول النافع في تحريرات قالون عن نافع من الشاطبية
القول النافع في تحريرات قالون عن نافع من الشاطبيةأحمد محمود
 
Tajweed Book by Tawheed Centre
Tajweed Book by Tawheed CentreTajweed Book by Tawheed Centre
Tajweed Book by Tawheed CentreTawheed Centre
 
Simple rules of_tajweed
Simple rules of_tajweedSimple rules of_tajweed
Simple rules of_tajweedSonali Jannat
 
Aala hazrat aur radd e bid'at By Aale Rasool Ahmad Al- Ashrafi Al - Al Qadri ...
Aala hazrat aur radd e bid'at By Aale Rasool Ahmad Al- Ashrafi Al - Al Qadri ...Aala hazrat aur radd e bid'at By Aale Rasool Ahmad Al- Ashrafi Al - Al Qadri ...
Aala hazrat aur radd e bid'at By Aale Rasool Ahmad Al- Ashrafi Al - Al Qadri ...Aale Rasool Ahmad
 
Qs002 importance-of-understanding-the-quran
Qs002 importance-of-understanding-the-quranQs002 importance-of-understanding-the-quran
Qs002 importance-of-understanding-the-quranconnectwithquran
 
Surah al Kahf: Word to Word Translation
Surah al Kahf: Word to Word TranslationSurah al Kahf: Word to Word Translation
Surah al Kahf: Word to Word TranslationMuQeet
 
Tajweed quran arb_eng_uthmani_audio
Tajweed quran arb_eng_uthmani_audioTajweed quran arb_eng_uthmani_audio
Tajweed quran arb_eng_uthmani_audiomhmas
 
Noon sakinah and Tanween rules
Noon sakinah and Tanween rulesNoon sakinah and Tanween rules
Noon sakinah and Tanween rulesMoshira Bahaa
 
الجزء1 جامع القراءات
الجزء1 جامع القراءاتالجزء1 جامع القراءات
الجزء1 جامع القراءاتسمير بسيوني
 
جمع سورة النساء بالقراءات العشر
جمع سورة النساء بالقراءات العشرجمع سورة النساء بالقراءات العشر
جمع سورة النساء بالقراءات العشرسمير بسيوني
 
Aala hazrat ashrafi miyan (english)
Aala hazrat ashrafi miyan (english)Aala hazrat ashrafi miyan (english)
Aala hazrat ashrafi miyan (english)Aale Rasool Ahmad
 
Al Quran (Chapter 17): Surah Al Isra [The Night Journey], Surah Bani Israel ...
Al Quran (Chapter 17): Surah Al Isra [The Night Journey],  Surah Bani Israel ...Al Quran (Chapter 17): Surah Al Isra [The Night Journey],  Surah Bani Israel ...
Al Quran (Chapter 17): Surah Al Isra [The Night Journey], Surah Bani Israel ...Dr Jameel G Jargar
 
Salah
SalahSalah
SalahZ M
 

La actualidad más candente (20)

مناسك الحج والعمرة
مناسك الحج والعمرةمناسك الحج والعمرة
مناسك الحج والعمرة
 
Hadis e Kisa The Event of Cloak
Hadis e Kisa The Event of CloakHadis e Kisa The Event of Cloak
Hadis e Kisa The Event of Cloak
 
Al Quran (Chapter 04): Surah An Nisa [The Women]
Al Quran (Chapter 04): Surah An Nisa [The Women]Al Quran (Chapter 04): Surah An Nisa [The Women]
Al Quran (Chapter 04): Surah An Nisa [The Women]
 
What happens in the barzakh? (Hereafter, Islamic belief, afterlife)
What happens in the barzakh? (Hereafter, Islamic belief, afterlife)What happens in the barzakh? (Hereafter, Islamic belief, afterlife)
What happens in the barzakh? (Hereafter, Islamic belief, afterlife)
 
القول النافع في تحريرات قالون عن نافع من الشاطبية
القول النافع في تحريرات قالون عن نافع من الشاطبيةالقول النافع في تحريرات قالون عن نافع من الشاطبية
القول النافع في تحريرات قالون عن نافع من الشاطبية
 
The madd
The maddThe madd
The madd
 
Tajweed Book by Tawheed Centre
Tajweed Book by Tawheed CentreTajweed Book by Tawheed Centre
Tajweed Book by Tawheed Centre
 
Simple rules of_tajweed
Simple rules of_tajweedSimple rules of_tajweed
Simple rules of_tajweed
 
Fiqh of Tahara
Fiqh of TaharaFiqh of Tahara
Fiqh of Tahara
 
Aala hazrat aur radd e bid'at By Aale Rasool Ahmad Al- Ashrafi Al - Al Qadri ...
Aala hazrat aur radd e bid'at By Aale Rasool Ahmad Al- Ashrafi Al - Al Qadri ...Aala hazrat aur radd e bid'at By Aale Rasool Ahmad Al- Ashrafi Al - Al Qadri ...
Aala hazrat aur radd e bid'at By Aale Rasool Ahmad Al- Ashrafi Al - Al Qadri ...
 
Qs002 importance-of-understanding-the-quran
Qs002 importance-of-understanding-the-quranQs002 importance-of-understanding-the-quran
Qs002 importance-of-understanding-the-quran
 
Surah al Kahf: Word to Word Translation
Surah al Kahf: Word to Word TranslationSurah al Kahf: Word to Word Translation
Surah al Kahf: Word to Word Translation
 
Tajweed quran arb_eng_uthmani_audio
Tajweed quran arb_eng_uthmani_audioTajweed quran arb_eng_uthmani_audio
Tajweed quran arb_eng_uthmani_audio
 
Noon sakinah and Tanween rules
Noon sakinah and Tanween rulesNoon sakinah and Tanween rules
Noon sakinah and Tanween rules
 
الجزء1 جامع القراءات
الجزء1 جامع القراءاتالجزء1 جامع القراءات
الجزء1 جامع القراءات
 
جمع سورة النساء بالقراءات العشر
جمع سورة النساء بالقراءات العشرجمع سورة النساء بالقراءات العشر
جمع سورة النساء بالقراءات العشر
 
Aala hazrat ashrafi miyan (english)
Aala hazrat ashrafi miyan (english)Aala hazrat ashrafi miyan (english)
Aala hazrat ashrafi miyan (english)
 
Al Quran (Chapter 17): Surah Al Isra [The Night Journey], Surah Bani Israel ...
Al Quran (Chapter 17): Surah Al Isra [The Night Journey],  Surah Bani Israel ...Al Quran (Chapter 17): Surah Al Isra [The Night Journey],  Surah Bani Israel ...
Al Quran (Chapter 17): Surah Al Isra [The Night Journey], Surah Bani Israel ...
 
كيف تحفظ القرآن
كيف تحفظ القرآن كيف تحفظ القرآن
كيف تحفظ القرآن
 
Salah
SalahSalah
Salah
 

Similar a dokumen.tips_usuluu-salaasaa-afaan-oromo-.pdf

Wantoota islaamummaa balleysu.fb
Wantoota islaamummaa balleysu.fbWantoota islaamummaa balleysu.fb
Wantoota islaamummaa balleysu.fbNuradin Sultan
 
Wantoota islaamummaa balleysu
Wantoota islaamummaa balleysuWantoota islaamummaa balleysu
Wantoota islaamummaa balleysuNuradin Sultan
 
Wantoota islaamummaa balleysu
Wantoota islaamummaa balleysuWantoota islaamummaa balleysu
Wantoota islaamummaa balleysuNuradin Sultan
 
(Daandii jijjiiramaa ).pdf
(Daandii jijjiiramaa ).pdf(Daandii jijjiiramaa ).pdf
(Daandii jijjiiramaa ).pdfHaroopost
 
Barumsa Sanbataa Afaan_Oromoo_2022nuusa2barnoota13.pptx
Barumsa Sanbataa Afaan_Oromoo_2022nuusa2barnoota13.pptxBarumsa Sanbataa Afaan_Oromoo_2022nuusa2barnoota13.pptx
Barumsa Sanbataa Afaan_Oromoo_2022nuusa2barnoota13.pptxTakele Dufera
 

Similar a dokumen.tips_usuluu-salaasaa-afaan-oromo-.pdf (7)

Wantoota islaamummaa balleysu.fb
Wantoota islaamummaa balleysu.fbWantoota islaamummaa balleysu.fb
Wantoota islaamummaa balleysu.fb
 
Wantoota islaamummaa balleysu
Wantoota islaamummaa balleysuWantoota islaamummaa balleysu
Wantoota islaamummaa balleysu
 
Wantoota islaamummaa balleysu
Wantoota islaamummaa balleysuWantoota islaamummaa balleysu
Wantoota islaamummaa balleysu
 
(Daandii jijjiiramaa ).pdf
(Daandii jijjiiramaa ).pdf(Daandii jijjiiramaa ).pdf
(Daandii jijjiiramaa ).pdf
 
Barumsa Sanbataa Afaan_Oromoo_2022nuusa2barnoota13.pptx
Barumsa Sanbataa Afaan_Oromoo_2022nuusa2barnoota13.pptxBarumsa Sanbataa Afaan_Oromoo_2022nuusa2barnoota13.pptx
Barumsa Sanbataa Afaan_Oromoo_2022nuusa2barnoota13.pptx
 
tajaajila wangeelaa
tajaajila wangeelaatajaajila wangeelaa
tajaajila wangeelaa
 
Oromo-Testament-of-Issachar.pdf
Oromo-Testament-of-Issachar.pdfOromo-Testament-of-Issachar.pdf
Oromo-Testament-of-Issachar.pdf
 

Último

Tekoälyä koulunkäynninohjaajille. Jyty 27.4.24
Tekoälyä koulunkäynninohjaajille. Jyty 27.4.24Tekoälyä koulunkäynninohjaajille. Jyty 27.4.24
Tekoälyä koulunkäynninohjaajille. Jyty 27.4.24Matleena Laakso
 
Valkohäntäpeura (Odocoileus virginianus).pptx
Valkohäntäpeura (Odocoileus virginianus).pptxValkohäntäpeura (Odocoileus virginianus).pptx
Valkohäntäpeura (Odocoileus virginianus).pptxpurmonen8
 
Tekoäly ja opinto-ohjaus, webinaari 26.4.24
Tekoäly ja opinto-ohjaus, webinaari 26.4.24Tekoäly ja opinto-ohjaus, webinaari 26.4.24
Tekoäly ja opinto-ohjaus, webinaari 26.4.24Matleena Laakso
 
Tekoäly opetuksessa, opettajien kevätpäivä 26.4.24
Tekoäly opetuksessa, opettajien kevätpäivä 26.4.24Tekoäly opetuksessa, opettajien kevätpäivä 26.4.24
Tekoäly opetuksessa, opettajien kevätpäivä 26.4.24Matleena Laakso
 
Opettaja ja tekoäly. Pedaiiltapäivä 25.4.24
Opettaja ja tekoäly. Pedaiiltapäivä 25.4.24Opettaja ja tekoäly. Pedaiiltapäivä 25.4.24
Opettaja ja tekoäly. Pedaiiltapäivä 25.4.24Matleena Laakso
 
Tekoäly opetuksessa. Seinäjoen lyseo 24.4.24
Tekoäly opetuksessa. Seinäjoen lyseo 24.4.24Tekoäly opetuksessa. Seinäjoen lyseo 24.4.24
Tekoäly opetuksessa. Seinäjoen lyseo 24.4.24Matleena Laakso
 

Último (7)

Tekoälyä koulunkäynninohjaajille. Jyty 27.4.24
Tekoälyä koulunkäynninohjaajille. Jyty 27.4.24Tekoälyä koulunkäynninohjaajille. Jyty 27.4.24
Tekoälyä koulunkäynninohjaajille. Jyty 27.4.24
 
Valkohäntäpeura (Odocoileus virginianus).pptx
Valkohäntäpeura (Odocoileus virginianus).pptxValkohäntäpeura (Odocoileus virginianus).pptx
Valkohäntäpeura (Odocoileus virginianus).pptx
 
Tekoäly ja opinto-ohjaus, webinaari 26.4.24
Tekoäly ja opinto-ohjaus, webinaari 26.4.24Tekoäly ja opinto-ohjaus, webinaari 26.4.24
Tekoäly ja opinto-ohjaus, webinaari 26.4.24
 
Koulutuksen palkat ja kustannukset sekä koulutuksen ansiot
Koulutuksen palkat ja kustannukset sekä koulutuksen ansiotKoulutuksen palkat ja kustannukset sekä koulutuksen ansiot
Koulutuksen palkat ja kustannukset sekä koulutuksen ansiot
 
Tekoäly opetuksessa, opettajien kevätpäivä 26.4.24
Tekoäly opetuksessa, opettajien kevätpäivä 26.4.24Tekoäly opetuksessa, opettajien kevätpäivä 26.4.24
Tekoäly opetuksessa, opettajien kevätpäivä 26.4.24
 
Opettaja ja tekoäly. Pedaiiltapäivä 25.4.24
Opettaja ja tekoäly. Pedaiiltapäivä 25.4.24Opettaja ja tekoäly. Pedaiiltapäivä 25.4.24
Opettaja ja tekoäly. Pedaiiltapäivä 25.4.24
 
Tekoäly opetuksessa. Seinäjoen lyseo 24.4.24
Tekoäly opetuksessa. Seinäjoen lyseo 24.4.24Tekoäly opetuksessa. Seinäjoen lyseo 24.4.24
Tekoäly opetuksessa. Seinäjoen lyseo 24.4.24
 

dokumen.tips_usuluu-salaasaa-afaan-oromo-.pdf

  • 1. USUULU ASSALAASAA Maqaa Rabbii akkaan Mararfataa akkaan rahmata godhaa ta’eetiin. Gaafii:1, Wantoonni afur,kan baratuun nurraatti dirqamaa maali? Deebii;Tokkoffaan;Barumsa; Inniis Rabbi beekuu,diinii fi nabiyyi Isaa isaas(s.a.w) Lammaffaan;Wan beektetti
  • 2. hojjachuu dha. Sadaffaan;Gara Islaamummaa nama waamuudha. Afraffaan;Rakkina amantii keessatti sirra ga’e irratti obsuudha. Ragaan kanaa jecha Rabbii olta’eeti:“Maqaa Rabbii akkaan mararfataa,akkaan rahmata godhaa ta’eetiin. (1) Yeroon” kakadhe! “ (2)
  • 3. Dhugumatti ilmi namaa hoongoo keessa jira. (3)Isaan amananii,toltuu hojjatanii,dhugaa namaaf dhaamanii,obsaas waliif dhaaman malee.’’(suuratul Asri,1-3) Imaamu shaafi’iin-Rabbiin isaaf rahamata haa godhu!-akkanajedhe: ” Rabbii n odoo uumaa Isaa irratti boqonnaa wal Asrii
  • 4. malee ragaa biroo buusuu baateehuu isummaanuu isaaniif ni geessi ture.’’ Bukhaariiniis –Rabbi rahmata isaaf haa godhuu-akkana jedhe: ’’Boqonnaan kun :Barnootaatu jechuu fi hojjatuu duursa jedha. Ragaan jecha Rabbii ol ta’eeti: “Yaa Ergamaa! Dhugaan gabbaramaan Rabi
  • 5. malee hin jiruu beekii, balleessaa kee araarama gaafadhu.’’ suuraa Muhammad(19). Rabbiin bakka kanatti jechaa fi hujii dura beekumsa duurse. Gaafii-2: Waan sadi dhiiraa fi dubara muslimaa irrattis baratanii itti hojjachuun dirqama;wantoonni sun maali?
  • 6. 1-Rabbiin nu uumeet,nu sooree, akkanatti nun dhiifnee,ergamaa nutti erge.Namni isa hordofe jannata seena namni isa dide immoo ibidda seena. Ragaan jecha Rabbiiti: ’’Nuti ergamaa isin irratti raga ta’e,akkuma gara Fir’ownaatti ergamaa erginetti,gara keessaniis ergine.Fir’owni ergamicha
  • 7. faallessinaan qabaa jabaa isa qane.’’ (Al Muzzammil 15-16). 2-Rabbiin ibaadaa Isaa keessatti wanni tokko Isatti ida’amuu hin jaallatu; Malaykaa Isatti dhiheeffamees ta’ee, nabiyyii ergamees ta’ee. Ragaan jecha Isa ol ta’eeti; ’’Gabbartiin hunduu Rabbumaafi, saniifuu Rabbii
  • 8. wajjiin waan tokko hin waammatinaa!’’ (Aljinni,18) 3-Nama ergamaa hordofee,Rabbi tokkichoomse,nama Rabbii fi ergamaa isaa faallesse tokko,odoo irra dhihoo fira isaa ta’ellee jaallachuun isaaf hin hayyamamu.Ragaan jecha Isa ol ta’eeti: “ummata Rabbii fi guyyaa boodaatti
  • 9. amanan, nama Rabbii fi Ergamaa Isaa fallesse isaanii jaalatan hin argitu; odoo abboota isaanii,yoo kaa ilmaan isaanii, yookaa obboleeyyan isaanii,Yookaa gosa isaanii tahanillee.Isaan san Rabbiin iimaana onnee isaanii keessatti barreesseeti,tumsa Isa biraa taheen gadi jabeesse. Oyruulee isii jala laggeen
  • 10. yaa’an,kan keessatti hafan godhee isaan seensisa. Rabbiin isaan irraa jaallate,isaaniis Isa irraa jaallatan. Isaan sun garee Rabbiif bulanii dha. Dhaga’aa! Gareen Rabbii,isaanumaatu milkaa’oo dha. (Aimujaadalah;22) suni maa Gaafii- 3:Karaan sirrii taate, karaan Ibraahiim sun maali?
  • 11. Deebii:- Ajaja Isaa godhutti Rabbi si haa qajeelchuu beeki; Isiin sirriin,karaan Ibraahim sun:Rabbuma qofaaf ibaadaa qulqulleessitee gabbaruu dha.Waan sanitti Rabbiin nama hunda ajaje,isumaaf isaan uumees. Akkuma Rabbiin olta’e jedhe:” Jinniis ta’ee, namaas akkuma Ana
  • 12. gabbaraniif malee hin uumne.” (Azzaariyaat:56) Gaafii -4: Hikkaan jecha:” Akkuma Ana gabbaraniif’ jedhu maali? Deebii:--Akkuma Ana tokkichoomsaniif jechuu dha. Gaafii-5- Wantoota Rabbiin itti ajaje keessaa irra guddaan maali? Deebii:-Irra Guddaan waan
  • 13. Rabbiin itti ajajee: Isa tokkichoomsuu dha. Gaafii-6: Towhiida jechuun maal jechuu dha? Deebii:-Towhiida jechuun :Rabbi tokkichoomsuu jechuu dha. Gaafii-7: Wantoota Rabbiin irraa dhorge keessaa irra guddaan maali? Deebii:-Wanta biraa Isa wajjiin gabbaruu dha.
  • 14. Gaafii-8: Shirkii jechuun maal jechuu dha? Deebii:-Waan biraa Isaa wajjiin gabbaruu dha. Gaafii-9: Irra guddaa ajajaatii fi irra guddaa dhoorgaa san irratti ragaan maali? Deebii:-Ragaan jecha Isa ol ta’eeti: ’’Rabbi gabbaraa;Isatti humaa hin ida’inaa.” (Annisaa’i:36)
  • 15. Gaafii-10- Bu’urri sadeen ilma namaa irratti beekuun dirqama ta’e sun maali? yo siin jedhame,akkana jedhiin: Deebii:-Gabrichi Gooftaa isaa, amantii isaa,fi nabiyyicha isaa Muhammad (s.a.w) beekuu dha. Gaafii-11- Gooftaan kee eenyu? yoo siin jedhame, akkana jedhiini: Deebii:-Gooftaan koo
  • 16. Allaaha,Isa ana guddise, kan aalamtoota hunda qananii isaatiin gudiseedha; Inni gabbaramaa kiyya.Isa malee gabbaramaan biraa naaf hin taane. Ragaan kanaa jecha Isa olta’eeti: ’’Faaruun hundi Rabbii, Gooftaa aalamaa ta’eefi.’’(Alfaatihaa-2) wanti Rabbi malee jiru hunduu Aalama; aniis aalama san
  • 17. irraa isa tokko. Gaafii-12-Gooftaa kee maaliin beekte? yoo siin jedhame, akkana jedhi: Deebii:-Mallattolee Isaatii fi uumama Isaatiiniin beeke.Mallattoolee Isaa irraayi: halkan,guyyaa,biiftuu, fi jiiniis. Uumama Isaa irraayi: Samiin turban,dachiileen turbaanii fi wantoonni isaan
  • 18. keessa jiraataniis. Ragaan jecha Rabbii ol ta’eeti: “Halkan,guyyaan,aduufi jiiniis mallatoolee Rabbii irraayi.Biiftuufi ji’aaf hin sujuudiina, Rabbii isaan uumeef sujuudaa,yoo kan isuma qofa gabbartan taatan(Fussilat:37), Ammas jecha Rabbii ol ta’eeti: “Gooftaan keessan Allaaha,Isa samii torbaaniifi
  • 19. dachii guyyuma jahatti uumee,ergasii Arshii irratti ol ta’ee dha.Halkaan guyyatti hagooga;innis guyyaa saffiisaan barbaada,Biiftuu,ji’aa fi urjiis ajaja Isaatiin laaffifamtuu godhee kan uume.Dhagayaa! uumuu fi ajajuun hundi kan Isaati.Rabbiin,Gooftaan Aalama hundaa guddate.”(Al
  • 20. a’araaf:54) Rabbi jechuun Isaa gabbaramaa jechuu dha. Ragaan jecha Rabbii ol taheeti: “Yaa nama!Gooftaa keessan,Isa isiinii fi isaan isin duraatiis,akka Isaa sodattaniif uume gabbaraa.Isa dachii afata isiini godhee,samii immoo jaarmaya gubbaa isiini godhee,dumessa irraa rooba
  • 21. isinii buusee,bokkaa saniin midhaan adda addaa isin sooruuf kan isiniif magarse. Kanaafuu Rabbiif hiriyoota hin godhiinaa.isin ni beektanii.”(Al baqaraa:21,22) Ibnu Kasiir tafsiira isaa keessatti akkana jedhe:”Inni wantoota kana hunda uume,isumaatu gabbaramuu haqa godhata.”
  • 22. Gaafii:13 Gosootni ibaadaa Rabbiin itti ajajee maal faadhaa? Deebii:-Akka Islaamummaa,iimaana,ihsaa naati,ammaas wantoota san irraayi:kadhaa,sodaan,kajeel laan,hirkatuun,abdachuun,s odaatuun,naamusa godhatuun,sodaan cimaan,towbaan,gargaarsifa tuun,tikfamuun,dirmachuu
  • 23. barbaaduun,qaluun,qodhaan ii fi akaakulee ibaadaa irraa wantootni Rabbiin itti ajaje hundi. Gaafii 14:Akaakuuleen ibaadaa dubbatamanii fi kan hin dubbataminiis,Rabbuma tokkicha, hiriyaa hin qabneefi,waan kana irratti raga fidii yoo gaafatamte? Deebii:-Ragaan jechaa Rabbii ol ta’eeti: “Ibaadaan
  • 24. Rabbumaafi;kanaafuu,Rabbii wajjiiin waan tokkollee hin gabbarinaa.”(Aljinnii,18) Gaafii 15:Murtiin nama wantoota ibaadaa irra ta’e,wan Rabbi hin ta’iniif hojjatee,yookaan garagalchee maali? Deebii:-Namni wantoota san irraa,waanuma takka,waan Rabbi hin ta’iniif kenne,inni sun mushrika,kaafiraasi.
  • 25. Gaafii16:Waan san irratti ragaan maali? Deebii:-Ragaan jecha Rabbii ol ta’eeti: “Namni rabbi waliin gabbaramaa biro,odoo raga isatti hin qabne,gabbare,qorannaan isaa Gooftaa isaa biratti.Dhugumatti kaafirtoonni hin milkaawan.(Al mu’uminuun:117)
  • 26. Gaafii 17:Kadhaan Rabbiif malee hin ta’uu irratti ragaan maali? Deebii:-Ragaan jecha Rabbii ol ta’eeti: “Gooftaa keessan:Isiniifiin owwaadhaa,Ana yaammadhaa!warri kadhaa tiyyarraa boonan fuuldura salphatanii,jahannam seenuuf jiran,” jedha.(Ghaafir:60)
  • 27. Hadiisa keessattiis akkana jechuutu jira: “Kadhaan,dhuka ibaadaati” Gaafii 18:Sodaan ibaadaa ta’u irratti ragaan maali? Deebii:-Ragaan soda jecha Rabbii ol ta’eeti: “Isaan hin sodaatinaa!yoo mu’umintoota taatan anuma soda dhaa”(Aali Imraan:175) AHadiisa keessattiis akkana jechuutu jira:
  • 28. “Kadhaan,dhuka ibaadaati” Gaafii 18:Sodaan ibaadaa ta’u irratti ragaan maali? Deebii:-Ragaan soda jecha Rabbii ol ta’eeti: “Isaan hin sodaatinaa!yoo mu’umintoota taatan anuma soda dhaa”(Aali Imraan:175) Gaafii 19:Kajeellaan ibaadaaa ta’uu irratti raga maali? Deebii:-Ragaan kajeellaa
  • 29. jecha Rabbii ol ta’eetii: “Namni Rabbii isaa qunnamuu kajeela,hujii baeedaa haa hojjatuu,ibaadaa Gooftaa isaa keessatti waan tokkollee hin dabalin.”(Al khaf:110) Gaafii 20:Hirkatuun ibaadaa ta’u irratti ragaan maali? Deebii:-Ragaan jecha Rabbii ol ta’eeti: “Rabbuma qofa
  • 30. irratti yoo mu’umintoota taatan hirkadhaa!” Boqonnaa Almaa’idaa:23,Ammaas jecha Rabbiiti: “Namni Rabbi irratti hirkate,innuu numa ga’aaf.”(Suuratuxxalaaq:3) Gaafii 21:Kajeellaa,sodaa fi naamusni ibaadaa ta’uu irratti ragaan maali? Deebii:-Ragaan isaa jecha Rabbi ol ta’eeti: “Isaan sun
  • 31. toltuu keessatti fuula duratti deemuu turan;kajeellaa fi sodaan nu waammatan,naamusa Nuuf qabaatuu turan.” Boqonnaa (Al anbiyaa:90) Gaafii22:Khashyaan ibaadaa ta’uu irratti ragaan maali? Deebii:-Ragaan khashyaa jecha Rabbii ol ta’eeti: “Isaan hin sodaatinaa anuma sodaadhaa.”
  • 32. (Boqonnaa ALbaqaraa:150) Gaafii23:Ragaan toowbaan ibaadaa ta’uudhaa maali? Deebii:-Ragaa isaa jecha Rabbiiti: “Gara Gooftaa keessanii deebi’aa,Isa jala butamaa.”(Suuraa Azzumar:54) Gaafii 24:Ragaan gargaarsa barbaachuu ibaadaa ta’uu dhaa maali? Deebii:-Ragaa isaa jecha
  • 33. Rabbi ol ta’eeti: “Suma qofa gabbara,suma qofa gargaarsifannaas.”(Suuraa Faatihaa:5) Ammas hadiisa keessatti akkana jechuutu jira: “Yeroo gargaarsa barbaaddae,Rabbumaan gargaarsifatuu barbaadi,” Ahmad,Tirmiizii Gaafii25:Tika barbaaduun ibaadaa ta’ui irrati ragaan
  • 34. maali? Deebii:-:Ragaan isaa jecha Rabbiiti: “Yaa Muhammad! “Gooftaa nama uumeeniin tikfama,”jedhi”(Suuratu Annas:1) Gaafii26:Ragaan dirmachuu barbaaduun ibaadaa ta’uu dhaa maali? Deebii:-Ragaan saani jecha Rabbiiti: “Yaa Ergamaa!yeroo Gooftaa
  • 35. keessan irra birmachuu barbaaddanii,isiniif owwaate san,’yaadadhu.”(Al anfaal:9) Gaafii 27:Qaluun ibaadaa ta’u irraati ragaan maali? Deebii:-Ragaan isaa jecha Rabbiiti: “Yaa Muhammad!Akkana jedhi:salaanni kiyya,qaluun kiyya,jiruun kiyyaa fi du’uu kiyyaas Rabbii,Gooftaa Aalamaa ta’eefi.shariikni
  • 36. Isaaf hin taane.Isa tokkichoomsuu sanittiin ajaajamee,muslimtoota ummata kanaa irraa ani jalqaba.” Hadiisa irraayiis: “Nama waan Rabbbii malee jiruuf qale,Rabbii rahmata Isaa irraa haa fageessu!” Muslim:(1978) Gaafii 28:Ragaan qodhaan ibaadaa ta’uu dhaa maali?
  • 37. Deebii:-Ragaan qodhaa jecha Rabbiiti “Isaan qodhaa ni guutan,ammaas guyyaa humtuun faca’aa ta’e saniis ni sodaatan,” (Suuratul-Insaan:7) Gaafii 29:Bu’urri lammaffaa maali? Deebii:-Bu’uurri lammaffaa:Gabrichi ammantii islaamaa ragootaan beekuu dha
  • 38. Gaafii 30;Diinal islaam hiika isaa ibsi? D;Rabbii tokkichoomsanii,itti of kennuu,ajaja isa jala butamuu,shirkiifi warra isii irraas qulqullaawuudha. Gaafii 31;Sadarkaaleen diinal-islaam meeqa? Deebii:-Inni sadarkaalee sadi qaba. Gaafii 32;Sadarkaaleen
  • 39. sadeen sun maali? Deebii:-Islaamummaa,Iimaa naafi Ihsaanaa dha.sadarkaaleen hundinuu rogoota mataa isaanii qabu Gaafii33 Sadarkaan tokkoffaa maali? Deebii:-Sadarkan tokkoffan islaamummaadha. Gaafii 34;Rogoonni islaamummaa maali? Deebii:-Rogooni
  • 40. islaamummaa shani. Gaafii 35;Rogooni sun maali? Deebii:-Dhugaan gabbaramaan Rabbii malee hin jiruu fi Muhammadiis ergamaa Rabbii ta’uu raga ba’uu, salaata sirritti sagaduu,zakaa kennu,ji’a Ramadaanaa soomanuu fi mana kaba jamaa ta’e san hamiluu dha(hajji godhuu
  • 41. dha). Gaafii 36;Ragaa shahaada himi? Deebii:-Ragaan isii jecha Rabbii olta’eet i; Dhugaan gabbaramaan Isa malee akka hin jirre Rabbiin raga bahe, Malaykotaa fi warri beekumsa qabaniis raga bahaniiru.Dhugaan dhaabbataa haala ta’een. Dhugaan gabbaramaan isa
  • 42. malee hin jiru,Inni injifataa ogeessa;(suuraa Ali Imraan;13) Gaafii 37;Hiikaan gabbaramaan dhuga Rabbi malee hin jiruu maali? Deebii:-Hiikaan isii; Inni dhugaan gabbaramu Rabbii malee hin jiruu Isii keessa dhabamsiisaa fi mirkaneessuutu jira; Daagaan dhabamsiisuu
  • 43. dhaa’’Dhugaann gabbaramaan hin jiru’’dha, wanta Rabbiin alatti gabbaramu hunda ni dhabamsiisa.’’Rabbi malee’’jechuun;Ibaadaa Rabbumaa qofaaf,mirkaneessu,Rabbiin akkuma mootammaa Isaa keessatti hiriyaa hin qabne,Ibaadaa Isaa keessattiis hiriyaa hin
  • 44. qabuu dha, Gaafii 38;Hiikaan shahaadaa,kan isii ibsu maali? Deebii:-Wanti isii ibsu jecha Rabbii ol ta’eeti;’’yaa Muhammad! Yeroo Ibraahiim abbaa isaatii fi ummata isaatii akkana jedhe san (dubbadhu);Ani waan isin gabbartan irraa qulqulluudha.Isa ana uume
  • 45. malee, Inni fuul dura ana qajeelcha.Isii tana jecha isa booda haftu godhe, akka deebi’aniif’’(Suuratul Zakhraf;26-28) Ammaas jecha Rabbii ol ta’eeti; yaa Muhammnad!akkana jedhi;yaa abbootii kitaabaa! Gara jecha nuufii isinittiis wal qixa ta’ee kootta.(Isiin sun)Rabbi malee gabbaruu
  • 46. dhabu,Isatti waan biraa qixxeessuu dhabu, gariin keenyaas garii Rabbii achitti gabbaramoota godhatuu dabuu dha.yoo garagalan,nuti muslimtoota ta’uu raga tahaa !jedhaan’’(Aali-Imraan;64) Gaafii 39;Ragaan Muhammad ergamaa Rabbii tauu dhaa maali? Deebii:-Ragaan inni
  • 47. ergamaa Rabbii ta’uudhaa, jecha Rabbii olta’eeti;Dhugumatti,ergama an iinuma irra ta’e, isin rakkatuun kan itti cimu,qajeeluu keessan irratti bololaa(hawwaa)kan ta’e,mu’umintootaaf rifataa rahmata godhaa kan ta’e isinitti dhufeera.(suuratu attowbaa:128) Gaafii 40;Mahammad
  • 48. ergaamaa Rabbiiti jechuun maali? Deebii:-Hikkaan isaa;waan inni ajaje keessatti ajajaa isaa godhuu,waan inni hime keessatti isa dhugoomsitee, waan inni dhoorge irraa fagaatuu dha.Waan inni karaa godheen malee Rabbiin gabbaramuu dhabuu dha. Gaafii 41;Ragaan
  • 49. salaataa,Zakaa fi hiikkaan towhiidaas maali? Deebii:-Ragaan isaanii jecha Rabbii ol ta’eeti;’’Qajeeloo ta’anii, ibaadaa isaa qulqulleessanii Rabbi gabbarutti maalee salaata sirri tti sagadutti malee, zakeess kennaatutti malee hin ajajamne.saniitu amantiiti (suuratu bayyinaah;5)
  • 50. Gaafii 42: Ragaan Soomanaa maali? Deebii:-Ragaan Soomanaa jecha Rabbii ol ta’eeti:” Yaa warraamantan! Soomanni akka warra isiniin duraa irratti murteeffametti, isin irrattiis murteeffamee jira,akka Rabbi sodaattaniif.” (suuratul Baqaraa:183) Gaafii 43:Ragaan Hajjii maali?
  • 51. Deebii:-Ragaan hajji jecha Rabbii ti:”Namoota sinqii danda’e ka’abaa haja’uun dirqama Rabbiif isaan irratti jiru. Nama didees Rabbiin aalamtoota irraa dureessa.” (Aali Imraan:97) Gaafii 44: Sadarkaan lammaffaahoo maali? Deebii:- Sadarkaan lammaffaa: iimaana, inni dameelee torbaatamii fi
  • 52. wahi. Dameelee san irraa tan irraa olii; dhugaan gabbaramaan Rabbi malee hin jiruu dha. Tan irraa gadii immoo waan nama rakkisu karaarraa kaasuu dha. Saalfatuuniis dame iimaanaa irraahi. Gaafii 45: Rogootni iimaanaa meeqa? Deebii:- Rogootni iimaanaa jaha.
  • 53. Gaafii 46: Rogootni sunniin maal faadha? Deebii:-Rabbitti amanuu,Malaykota Isaattiis amanuu,kitaabban Isaattiis amanuu,Ergamtoota Isaattiis amanuu,Guyyaa Aakhiraattiis, qadarattiis; hamtuu fi toltuu isaatti amanuu dha. Gaafii 47:Rogoota jahan kana irratti ragaan maali?
  • 54. Deebii:-Rogoota jahan kana irratti ragaan jecha Rabbiiti:” Fuula keessan kallattii bahaa fi lixaatti gara galchuun toltuu miti. Garuu toltuun (hujii) nama Rabbitti,guyyaa aakhiraatti,Malaykotatti, kitaabatti fi Nabiyyootatti amaneeti.”(Albaqaraa:177) Ragaan qadaraa immoo jecha Rabbiiti:”Nuti waan
  • 55. hunda qixa sirrii ta’een uumne.”( Al qamar:49) Gaafii 48: Sadarkaan sadaffaa maali? Deebii:-Sadarkaan sadaffaan:Ihsaana. Gaafii 49: Rogootni Ihsaanaa meeqa? Deebii:-Roga tokkoo dha. Inniis:”Akka waan agartuutti Rabbi gabbaruudha. Yoo ati arguu baattees Isaatu si
  • 56. argaa.” Gaafii 50: Roga kana irratti ragaan maali? Deebii:- Ragaan jecha Rabbiiti:”Rabbiin warra isa sodaatu wajjiin jira,warra toltuu hojjatanii waliin jira.”, Ammaas jecha Rabbiiti:” Rabbi injifataa, rahmata godhaa ta’e irratti irkadhu. Yeroo ati dhaabbattu kan si argu. Warra sujuudu wajjiin
  • 57. gara gaggaluu keetiis kan si argu. Inni isumaatu dhagayaa,beekaa dha.” (Ashu’araa’i:217:220) Ammaas jecha Rabbiiti:” Waan takkallee keessatti hin taatu; waan saniis Qur’aana irraa hin dubbiftu, hujii tokkollee hin hojjattan, yeroo isin keessa galtan ragaa isin irratti taanu malee hin taane.”
  • 58. (Yuunus:61) Gaafii 51: Sadarkaalee diin san irratti hadiisa irraa ragaa fidi? Deebii:-Hadiisa irraa ragaan hadiisa Jibriil beekkamaa sani. Umar Binul Khaxxaab(R.A) irraa gabaafamee, akkana jedhe: odoo nuti Nabiyyicha(SAW) waliin taa’aa jirruu gurbaan huccuun isaa adii, rifeensi
  • 59. isaa akkaan gurraachaa, kan mallattoon imaltuu isarraa hin mullanne,nurraa kani nam-tokkolleen isa hin beekne tokkoo nurratti mullatee, gara Nabiyyichaa(SAW) achi goree gad taa’e, Jilba isaa lamaan gara jilba lamaan Ergamaa(SAW) harkisee, sanacha isaa lamaan tafa isaa lamaan irra kaayyatee,
  • 60. Yaa Muhammad(SAW)! Islaamummaa irraa naaf himi, jedhee, gaafannaan, Nabiyyichi(SAW) akkana jedheen:”Dhugaan gabbaramaan Rabbi malee hin jiruu raga bahuu,Muhammadiis Ergamaa Rabbii ta’uu raga bahuu dha, salaata sirritti dhaabuu dha, Zakaa kennuu dha,Ramadaan soomanuu
  • 61. dha, ka’abaa ziyaaruu dha,garas deemuu dha yoo dandeettii qabaatte. Dhugaa jette jedheen. Ifumaa gaafatee, dhugoomsaa,jennee dinqisiifanne . Ammaas, waa’ee iimaanaa irraa naaf himi,jedhee gaafannaan, akkana jedhan:”Rabbitti amanuu, malaykota Isaattiis, kitaabota
  • 62. Isaattiis,Ergamtoota Isaattiis,guyyaa boodaattiis amanuu dha. Toltuu fi hamtuu qadaraattiis amanuu dha”. Akkana jennaan, dhuguma dubbatte jedheenii,ammaas waa’ee ihsaanaa irraa naaf odeessi jedhee gaafannaan, akkana jedheen:”Akkuma waan agartuutti Rabbi gabbaruudha. Yoo ati Isa
  • 63. arguu baattees, Isaatu si argaa.” Ammaas qiyaamaa irraa naaf odeessi jedhee, gaafannaan,akkana jedhe:” Ani gaafatamaan si gaafataa irra beekaa miti. Eegasiifuu mallattoolee isiitirraa naaf himi jedhee gaafate. Ergamaan(SAW) akkana jedheen: Gabrittiin goftaa isii dhaluu,namoota kophee hin qabne,kan qaama irraa
  • 64. huccuu hin qabne, harka qalleeyyii tikistee re’ee kan ta’an isaanii jaarmaya keessatti wal dorgoman arguu dha.” Umar akkana jedhe: Gurbaan ni deeme, guyyoota muraasa ni turre, achii booda Ergamaan(SAW) akkana jedhe:”Yaa Umar! Gaafataa san nama inni ta’e ni beektaa?” jennaan, nutiis: Rabbumaa fi Ergamaa
  • 65. Isaatu beeka jennee deebifnaan, akkana jedhe:Inni sun Jibriili,waa’ee amantii keessanii isin barsiisuuf isinitti dhufe.” Muslimiitu gabaase(8) Gaafii 52: Hundeelee sadeen irraa hundeen sadaffaa, tan gabricha irratti isii beekuun dirqamaa sun maali? Deebii:-Hundeen sadaffaa: Nabiyyicha keessan
  • 66. Muhammad(SAW) beekuu dha. Inni Muhammad Abdallaah, Abdul Muxxalib, Haashim;Haashim Qureeshii irraayi,Qureeshiin Araboota irraa yoo taatu, Arabni immoo ilmaaan Ismaa’il Ibraahiim irraayi,nagayaa fi rahmanni isaa fi Nabiyyicha keenya irratti haa jiraatu! Gaafii 53: Umriin isaa hangam ture?
  • 67. Deebii:- Umrii isaa waggaa jahatamii fi sadi ture;isii irraa afurtama nabiyyummaan dura dabarse, digdamii sadi immoo nabiyyummaa keessatti dabarse. Suuraa Iqraa’iin nabiyyii godhame,suuraa Almuddassiriin ni ergame, biyti isaa makka. Gaafii 54: Nabi Muhaammad
  • 68. maaliin ergame? Deebii:-Shirkii irraa nama baqachiisee, gara toohidaatti yaamuudhaan ergame. Gaafii 55:Waan kana irratti ragaan maali? Deebii:- Ragaan jecha Rabbiiti:”Yaa huccu mammarataa! Ka’ii namaaf dinniini. Rabbii kee guddisi. Uffata kee qulqulleeffadhu.
  • 69. Taabota gabbaruu irraa fagaadhu. Guddoo barbaaduuf xiqqoo hin arjoomin. Goftaa keetiif obsi.” Gaafii 56: Hiikkaan jecha “Qum fa anzir” jedhuu maali? Deebii:- Hiikkaan isaa shirkii irraa dinniini,gara tokkummaa Rabbiitti nama waami jechuu dha.
  • 70. Gaafii 57: Hiikkaan Rabbii kee guddisi jedhu maala jechuudha? Deebii:- Isa tokkichoomsuudhaan guddisi. Gaafii 58: Hiikkaan”huccuu kee qulqulleeffadhu” jedhu maali? Deebii:-Hujiilee kee shirkii irraa qulqulleessi jechuu dha.
  • 71. Gaafii 59: Hiikkaan “Taabota irraa fagaadhu” jedhu maali? Deebii:-Taabotaa fi namoota isa gabbaru irraa qulqullaa’uu dha. Gaafii 60: Gara Towhidaa yaamuu irra nabiyyichi hangam ture? Deebii:-Waggaa kudhan gara towhidaa yaamee, ergasii gara samii isaan ol
  • 72. bahamee, salaatni shaman isa irratti dirqama godhame. Gaafii 61: Makkatti Nabiyyichi (SAW) salaata hangam salaate? Deebii:-Makkatti waggaa sadi salaate, ergasii gara Madiinaa godaanutti ajajame. Gaafii 62: Hijiraa jechuun maal jechuu dha? Deebii:-Hijiraa jechuun
  • 73. biyya shirkii irraa gara biyya islaamaa deeemuu,godaanuu dha. Biyya shirkii irraa gara biyya islaamaa godaanuun ummata kana irratti dirqama. Isiin hanga qiyaamaan taatutti ni jiraatti. Gaafii 63: Ragaan waan kanaa maali? Deebii:- Ragaan jecha
  • 74. Rabbiiti:”warra biyya shirkii keessa jiraatuun lubbuu isaanii miidhanii,malaaykonni guyyaa Badrii isaan ajjeesan,maal keessa turtan isaaniin jedhan , biyya makkaa keessatti hacuucamnee turre, jedhanii yeroo isaan deebisaa godhan, akkana jedhaniin: Dachiin Rabbii balloo dha.
  • 75. Keessaa hin godaantanii? Isaan san galoon isaanii jahannami, bakka itti deemen ta’uuf waa hammaattee. Dhiira, dubartootaa fi ijoollee irraa warra lallaafoo,tooftaa baasuuf I karaatti warra hin qajeelle malee. Isaan san Rabbiin isaaniif irra darbuun ni kajeelama,Rabbii irra darbaa, araaramaa ta’e.”
  • 76. (Annisaa’i) Ammaas ragaan jecha Rabbiiti:”Yaa gabroota kiyya kan amantan! Dachiin tiyya balloo dha, anuma gabbaraa!” (Al ankabuut:56) Baghawiin Rabbi rahmata isaaf haa godhuu! Akkana jedhe:”sababaan aayanni olii tun buuteef ,muslimtoota makka keessa turan, kan hin
  • 77. godaanin, Rabbiin maqaa iimaanaatiin isaan waame.” Gaafii 64: Hadiisa irraa godaanuu irratti ragaan maaltu jira? Deebii:-Hadiisa irraa godaanuu irratti ragaan, jecha Ergamaati(SAW):” Godaanuun hin dhaabbattu hanga towbaan dhaabbattutti. Towbaan hin dhaabbattu hanga biiftuun
  • 78. lixa isii irraan ol baatutti.” Ahmad,Abuu Daawud, Albaanii Gaafii 65: Eega Nabiyyichi(SAW ) Madiinatti galee shari’aa irraa waan itti guutame dubbadhu? Deebii:-Yeroo Madiinaa qubatu, shari’aa Islaamaa irraa waan hafetti ajajame;fakkeenyaaf: zakaa, sooma, hajji,azaana,,
  • 79. jihaada,toltutti ajajuu fi hamtuu irraa dhoorguu fi shari’aa irraa wantoota kana fakkaatanitti ajajame. Gaafii 66: Madiinatti Nabiyyichi (SAW) hangam takka amantii geggeessaa ture? Deebii:-Waan kana irra waggaa kudhan ture, Ergamaan (SAW) odoo diin isaa lafa irratti ummata
  • 80. jiddutti hafee jiruu du’e. kan nu keessa jiru kunuu diin isaati. Toltuu takkallee ummata isaa irratti qajeelchu malee, hamtuu takkallee irraa baqachiisu malee hin dhiifne. Gaafii 67: Irra guddaan kheeyrii Ergamaa(SAW) ummata itti ajajee maali? Deebii:-Toltuun inni ummata itti qajeelche: Towhidaa fi
  • 81. waan Rabbiin jaalatu hunda. Gaafii 68: Irra guddaan hamtuu Nabiyyichi(SAW) ummata irraa baqachiisee maali? Deebii:-Hamtuun inni irraa baqachiise, shirkii fi waan Rabbiin jibbu hunda. Gaaffii: 69: Ergamuun Nabiyyichaa(SAW) hanga muraasatti moo , ummata hundatti?
  • 82. Deebii:-Rabbiin isa gara nama hundaatti erge. Ajaja isaa godhuun warra dachii keessa jiraatan; jinni fi nama irrattiis dirqama godhe. Gaafii 70: Ergamuun Nabiyyichaa nama hundatti ta’uu raga fidi? Deebii:-Ragaan jecha Rabbiiti:”Yaa Muhammad! Jedhi: Yaa nama! Ani gara
  • 83. isin hundaatiin ergame.”(Al a’araaf:158) Gaafii 71:Amantiin ergamuu Nabiyyichaatiin guutamtee? Deebii:-Rabbiin isaan amantii guute. Gaafii 72: Diin guutamee jiraatuu irraatti ragan maali? Deebii:-Ragaan jechaa Rabbiti:”har’a diin keessaan isini guutetiin jira, godhii
  • 84. tiyyaas isinii xumureera, amantiifis islaammumaan isiinif jaalla dhe.” (Almaa’idaa:3) Gaafii 73:Ergaaman Rabbi(S.A.W)du’uu irraatti ragaan maali? Deebii:-Ragaan jecha Rabbiiti:”Ati ni duuta, isaanis ni du,u. Ergasii guyyaa qiyyaama Gooftaa keessan biratti wal mormuuf
  • 85. jirtu.”(Azzumar:30,3) Gaafii 74:Namni erga du’e booda garam deema? Deebii:-Namoonni yeroo du’an ni kaafamu. Gaafii 75:Kaafamu irraatti ragaan maali? Deebii:-Ragaan jecha Rabbiiti:”Dachii irraa isin umnee, isii keessatti isin deebifna, yeroo biraas isuma irra isin baafna.”
  • 86. (Xaaha:55) Ammaas jecha Rabbiiti:” Rabbii irraa uuminsa isin uume, isii keessatti isiin deebifna ; ergaasi isi keessatti isin deebise, baasinsa isi keessa isin baasa.” Gaafii 76: Erga ka’anis maaltu argama? Deebii:-Erga ka’insaatii qoratamanii,hujii isaani
  • 87. galata galfamu. Gaafii 77: waaan sann irratti raga dubbadhu? Deebii:- ragaan jecha rabbiiti:”waan samii torbanii fi dachii keessaa rabbumaafi,warra balleesssan waan isaan hojjatan galata galchee fi warra toltuu hojjataniis gaarii akka galata galchuuf.” (annajm:31)
  • 88. Gaafii 78: murtiin nama kaafamuu kijibsiisee maali? Deebii:-namni kaafamuu sobsiise ni kafara. Gaafii 79: waan kana irratti ragaan maali? Deebii:-ragaan jecha rabbiiti:”isaan kafaran hin kaafamnuu yaadan. Lakkii, rabbitti kakadhe! Kaafamtaniiti,waan hojjattan galata galafamtu. Sun rabbi
  • 89. irratti laafaa dha.(attaghaabun:7) ” Gaafii 80: Rabbi maaliif ergamtoota erge? Deebii:- Rabbi ergamtoota hunda gammachiisoo fi sodaachisoo godhee, erge. Gaafii 81: Ragaa kanaa maali? Deebii:-Ragaan jecha Rabbiiti:”Ergamtoota,
  • 90. gammachiisoo fi sodaachisoo goonee, ergine. Ilma namaatiif eega ergamtoota itti Rabbi irratti wanni himatan akka hin taaneef ergine.” (Annisaa’i:165) Gaafii 82: Ergamaa jalqabaa eenyu; kan xumuraa hoo eenyu? Deebii:-Jalqabani ergamtootaa Nuuh yoo
  • 91. ta’u;xumurri isaanii immoo Muhammad (SAW) ta’a. Gaafii 83: Ragaan waan kana irratti maali? Deebii:-Nabi Nuuhjalqaba isaanii ta’uu irratti ragaan jecha Rabbiiti:” Nuti gara kee,akka gara Nuuhii fi nabiyyoota isaan boodaatti wahyii (beeksisa) goonetti gooneerra.”(Annisaa’i:163) Gaafii 84: Ummata hunda
  • 92. ergamaan itti ergamee jiraa? Deebii:-Ummata hunda Rabbiin ergamaa nuuh irraa kaasee hanga Muhammad(SAW) itti ergeera. Gaafii 85: Ergamaan sun maalitti ajaja? Deebii:-Rabbuma qofa gabbarutti isaan ajajeeti, taabota gabbaruu irraa isaan dhoorga.
  • 93. Gaafii 86:Ragaan waan sanaa maali? Deebii:-Ragaan jecha Rabbiiti:”Rabbiin kakadhe! Dhugumatti,ummata hunda keessa Rabbi gabbaraa, taabota gabbaruu irraa fagaadhaa jechuun ergamaa ergine.” (Annahli:36) Gaafii 87: Wanni Rabbiin gabroota hunda irratti dirqama godhe maali?
  • 94. Deebii:-Taabotatti kafaranii,Rabbitti amanuu dha. Gaafii 88: Xaaghuuta jechuun maali? Deebii:- Ibnul Qayyim Rabbi rahmata isaaf haa godhuu akkana jedhe: “Xaaghuutni: waanuma gabrichi daangaan dabre; gabbaramaa yooknaan hordofamaa yookaan ajaja godhamaa
  • 95. irraa kan taee dha.” Gaafii 89: Xaaghuutonni hangami? Deebii:-Xaaghuutonni baay’eedha; matootiin isaanii shani:Ibliis-abarsi Rabbii isa irratti haa bu’u, nama akka isa gabbaran jaalatuu dhaan gabbarame, nama isa gabbarutti nama waame, nama waan fagootiin beekaa himatee fi
  • 96. nama wanta Rabbiin buuseen alatti murtii kennee dha. Gaafii 90: waan san irratti ragaan maali? Deebii:-Ragaan jecha Rabbiiti:”Amantii ISlaamaa keessa dirqiin nama naquun hin jiru, qajeelloon jallina irraa adda bahee jira. Namni taabotatti kafaree,Rabbitti amane dhugumaan fannoo
  • 97. jabduu, hin cinne qabate;Rabbiin dhagayaa, beekaa dha.” (Al-Baqaraah:256) Hiikaan dhugaan gabbaramaan Rabbi malee hin jiruudhaa isuma kana. Ammaas hadiisa keessatti akka armaan gadii kanaatu jira: “Mataan diin Islaamummaa dha,utubaan isaas Salaata,
  • 98. fiixni dalluu (gooba) isaas karaa Rabbiif qabsaawuu dha.” Tirmizii (2616) bareedaa, qulqulluu dha jedhee gabaase. Rabbumaatu akkaan beekaa dha. Rabbiin rahmata Muhammad, maatii isaa fi sahaabota isaa irratti haa buusu, nagayaas.