Más contenido relacionado
La actualidad más candente (6)
Siqe
- 1. Yayyaba GWA
Gumii Waaqeffattoota Addunyaa (GWA)
1. Seensa:
Gumiin Waaqeffattoota Addunyaa gurmuu Waaqeffattootaa dhimma Waaqaa fi Waaqeffannaa
barsiisuu, beebksissuu fi babal’isuuf fedhii isaaniitiin walitti dhufan, gumii amantiiti. Yayyabni
Gumii Waaqeffattoota Addunyaa kun gaarummaa Waaqaa walaabuu keessatti dagaagsuu irraa
ka’a. Dhalli namaa gaarummaan kan jiraatu yoo seera Waaqaa kabajee ittiin jiraateedha; yoo
dhugaafi fedhii Waaqaan tifkameedha. Waaqeffannaan immoo Qorxii dhugaa Waaqaa keessaa
hubatanii fi mirkaneeffataniidha. Kanneen dhugaa Waaqaa kana argatan immoo kanneen
Waaqeffannaa beekanii ittiin qajeelfamaniidha.
Haata’u malee, Waaqeffannaan gaadii keessaa jira. Sababa kanaan Waaqeffannaa guddisuu fi
dagaagsuun hindanda’amne. Kanaafis, sababoota hundee ta’an keessaa kan
duraa,Waaqeffannaan amantii Oromoo ganamaa ture, humna alagaan gaadi’amee jira. Gama
biraan, Waaqeffannaa gaadii kana keessaa baasuuf tattaaffiin godhamaa turee fi jiru daraaraa
abdachiisaa argamsiisaa jira. Daraaraa Waaqeffannaa abdachiisaa kana guddisuun jiruu fi
jireenya dhala namaa gaaromsuu keessatti bu’aa olaanaa akka qabaatu ni amanama.
Waan kana hojiitti hiikuuf Waaqeffattoonni amantii isaaniif quuqaman Waaqeffannaa akka
ijaarsaatti bifa haarawaan guddisuu fi damboobsuuf tattaafachaa jiran. Tattaaffii karaa adda
addaa godhamaa jiru kana walitti qindeessuu, waaltessuu fi utubuuf immoo Gumii amantii
kanaa yayyabuun barbaachisaa ta’e. Kanaaf, Waaqeffannaa walaabuu keessatti babal’isuu fi
dagaagsuuf GWA sadarkaa addunyaatti yayyabuun barbaachisaa ta’e. Waaqeffattooti amantii
isaanii kana guddisuu fi dagaagsuuf fedhii qabanis akkanaan Mudde 02, bara 2008 irraa eegalanii
Gumii Waaqeffattoota Addunyaa hundeeffatan.
2. Mul’annoo GWA
Mul’annoon Gumii Waaqeffattoota Addunyaa amantiin Waaqeffannaa golgaa keessaa bahee,
- 2. dagaagee, babal’atu arguudha. Waaqeffannaa takaallaa irra ture keessaa baasee dagaagsuu fi
babal’isuufis Gumiin Waaqeffattoota Addunyaa waan danda’u mara ni hojjata.
3. Maqaa GWA
Maqaan ijaarsa Gumii kanaa ‘Gumii Waaqeffattoota Addunyaa’, gabaabbinaan immoo GWA
jedhamee waamama.
4. Kaayyoo GWA
Gumiin Waaqeffattoota Addunyaa (GWA) kaayyoo armaan gadii galmaan gahuuf yayyabame:
4.1. Waaqeffattoota bakkaa fi biyya adda addaa jiran qindeessee ijaaruun Waaqeffannaan
addunyaa irratti Wiirtuu tokko akka qabaatu gochuu.
4.2. Beekumsa, qabeenya, humnaa fi muuxannoo miseensonnii fi Waaqeffattonni qaban
qindeessuun Duudhaa fi Safuu amantichaa akkasumas waan Waaqeffannaan wal-qabatu ni
qorata, walitti qaba; barreeffamaan, sagalee fi filmiin akka uummata gahanii fi dhaloota dhufuuf
raacinni qulqulluun akka taa’u taasisa.
4.3. Waaqeffannaa irratti namoota beekumsa qaban (manguddootaa fi hayyoottan) bifa adda
addaan akka barumsa kennan qindeessa.
4.4. Jiloota/Ayyaanota Waaqeffannaa, maqaa, akkaataa dhufeenyaa fi hiika isaanii
qoratee/qorachiisee akka waalta’u qindeessa.
4.5. Ulfoowwan Waaqeffannaa maal maal akka ta’an fi sadarkaa amma irra jiran qoratee
ulfinnii fi kunuunsi godhamuufii qabu akka taasifamuuf, bakka ulfoof malu akka taa’an
Waaqeffattoota biyya keessaa waliin qindeessa.
- 3. 4.6. Seenaa sirna Gadaa, Aadaa, Afaan, Duudhaa, Laguu fi Safuu ummata Oromoo fi kan biroo
irratti manguddoota, hayyootaa fi beektooti garagaraa muuxannoo fi beekumsa qaban miseensa
GWA akka barsiisanii fi hawaasaaf akka qoodan qindeessa. Barumsi kennamus barreeffamaan,
sagalee fi fiilmiin akka uummata gahan godha.
4.7. Tokkummaa ummata Oromoo tiksuu irratti miseensonni gumichaa hawaasaaf akka
fakkeenya gaarii ta’aniif safuu, saala-fokkuu ilaalcha waaqeffaannaa akka eeggataniif gorsa,
barsiisa, jajabeessa.
4.8. Hawaasummaan Uummata Oromoo akka guddatuu fi dagaagu miseensonni gumichaa
fakkeenya gaarii akka ta’an barsiisa, jajjabeessa, kakaasa, qindeessa, ijaara.
4.9. Waaqeffannaa sadarkaa addunyaatti beeksisuuf tattaaffii barbaachisu mara ni godha.
4.10. Waaqeffattota daandii Waaqeffannaa isa dhugaa fi qajeelaan bulan babal’isuuf warreen
kaka’umsa qaban jajjabeessa, humna gumichaa irratti hundaa’ee gargaarsa barbaachisaa ta’e
kennuu; haala itti gargaaramuu danda’an mala dhahuudha.
5. Galma Gumii Waaqeffattoota Addunyaa
Galmi Gumii Waaqeffattoota Addunyaa amma biyya Norway magaalaa Bergen yoo ta’u biyyaa fi
bakka Waaqeffattoonni jiran hundatti birkii qabaata.
6. Imaammata
Gumichi dhugaa Waaqaa fi seerota Waaqeffannaa baarsiisuu fi beeksisuuf yayyabame.
Imaammati GWAs karaa araaraa, nagaa fi qajeelaa adeemuudha.
- 4. 7. Mirga, Dirqamaa fi Ulaagaa miseensummaa GWA
7.1. Namni safuu fi seera Waaqaa fi uumamaa safeeffatee ittiin qajeelfamu marti miseensa
ta’uuf mirga qaba.
7.2. Waldaanis ta’ee gurmuun kanneen kanaan dura biyyoota adda addaatti kaayyoo,
duudhaa fi aadaa Oromoo guddisuuf xiyyeeffatanii ijaaraman yoo jiraatan miseensa gumichaa
ta’uu danda’u.
7.3. Miseensi gumichaa Yaa’ii Waaqeffattootaa irratti hirmaachuu, yaada kennachuu, filuu fi
filatamuuf mirga qaba.
7.4. Miseensi gumichaa yeroo fi bakka barbaachisaa ta’etti qulqullummaan gumicha
tajaajiluu fi naamusa gumichaa eeguuf dirqama qaba.
7.5. Murtiilee fi qajeelfama qaama gumichaa heera gumichaatin beekamaniin darbu kamuu
kabajuu fi raawwachuuf dirqama qaba.
8. Asxaa GWA
GWAn mallattoo halluu sadiin: Gurraacha, Diimaa, fi Adiin marsamee, keessa isaatii Odaa fi Hora
qabuun asxeffama. Akka amantii Waaqeffannaatti bishaan hundee jireenyaa ti; lubbuunis
bishaan qulqulluu, Hora irraa madda. Bishaan cinattis , mukti jalqaba Waaqaan eebbifame,
Odaan, ni argama. Odaan Galma Waaqeffannaati.
Ibsa Gabaabaa
8.1 Halluu Gurraacha
- 5. Akka amantii Waaqeffannaatti Halluun Gurraachi mallattoo Ayyaana Waaqaa ti; halluun kunis
waan hin mul’anne, garuu kabajaa olaanaa qabu, Raajii Waaqaa ti.
8.2 Halluu Diimaa
Waaqeffannaa keessatti Halluun Diimaa mallatoo lubbuu fi jireenyaa ti. Kun immoo mallattoo
Ayyaana nama jiruu fi lubbuu qabu, ilmaan Waaqaa kanneen Waaqa tokkichatti amananii
jiraataniiti.
8.3 Halluu Adii
Halluun Adii akka Waaqeffannaatti mallattoo araaraa fi nageenyati. Gama biraanis, Halluun Adii
mallattoo Ayyaana nama du’ee, ekeraati.
8.4 Hora
Bishaan madda jireenyaati. Waaqeffannaa keessattis lubbuun namaa bishaan qulqulluu, Hora,
keessaa akka maddetti amanama. Kanaaf, Horri mallattoo jireenyaa fi dagaagina dhala namaati.
8.5 Odaa
Odaan muka Waaqni dursee eebbise. Muka kana Waaqeffattooti akka Galmaatti jala taa’anii
seera muran; Waaqa illee kadhatan. Odaan mallattoo Galma Waaqeffannaa kan Waaqni dhala
namaaf eebbisee kennee dha.
Hayyee, hayyee, hayyee!
Waaqa gurraacha
Gurraacha garaa garbaa
Leemuu garaa taliilaa
- 6. Tokkicha maqaa dhibbaa
Waaqa Bokkuu gurraachaa
Waaqa Ciicoo gurraattii
Waaqa uumee Walaabuu
Waaqa sagaltama gabraa
Waaqa salgan yaa’ii Booranaa
Waaqa torban Baarentumaa
Waaqa Caffee tumaa
Waaqa shanan Gadaa Oromoo!
Nagaan nu oolchitee, nagaan nu bulchi
Irraa gora nu oolchi
Dogoggora nu oolchi
Daafii sababii nu oolchi
Hamaa nurraa qabi, tolaa nutti qabi
Uumaan si kadhannaa, nuu dhagahi
Xiqqaa nuuf guddisi, guddaa nuuf bulchi
Wallaalaa nuu beeksisi, beekaa keenya nuuf bulchi
Alaa mana nu tiksi
Bakka nu wallaalle Waaqa ati itti guuti!
Barri Roobaa nagaa
Gadaan quufaa gabbina
Gabbisi Waaqi!
Siiqqee
- 7. Caaltuu G Obsinaatiin
Seensa
Addunyaa kanaaf aadaa dimokraasii kan beeksise Sirni Gadaa uummanni Oromoo ittiin bulaa
ture, mirga namoomaa fi siyaasaa daangaa hin qabne, gonfachiisuu bira dabree, walqixxummaa
saalaa mirkaneessuu irrattis mudaa akka hin qabne seenaan ragaa dha. Sirni dimokraasii
addunyaaf angafa ta’e kun, walqixxummaa dubartootaa dhugoomsuuf, seera tumateen mirga
dubartootaa kabajuun sirna milkaa’e ta’uu isaa, hambaan aadaa seera siinqee, gosa Oromoo
Arsii keessatti mul’atu dhugaa ba’a.
Bara sirni Gadaa sirna siyaasaa ambaatiin bakka buufamee, gosti Oromoo harki caalu dagate
kana, Arsii Siikkoo Mandoo fi Utaa Waayyuu seera siinqee hin ganne. Seera siinqee keessatti
aangoon gurumuun dubartootaa qabu laaffatus, kabajaa fi safeeffannaa dubartiin qabdu hin
badne, ‘dubartiin wayyooma’ yaada jedhun ibsu.